Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 93

1 Rabbii Allaahan ni moʼa; surraas ni uffata;

Rabbii Allaahan surra ni uffata; jabinas hidhata.

Addunyaan cimtee dhaabamteerti; hin sochoofamtus.

2 Teessoon kee durumaa jalqabee cimee dhaabateera;

ati durii duriitii jalqabdee jirta.

3 Rabbii Allaah, galaanonni ol kaasaniiru;

galaanonni sagalee isaanii ol kaafataniiru;

galaanonni huursuu isaanii ol kaafataniiru.

4 Sagalee bishaan baayʼee caalaa,

jabina dhaʼaa galaanaa caalaas,

Rabbii Allaahan ol gubbaa jiru sun humna qabeessa.

5 Seerri kee jabaatee ni dhaabata;

Rabbii Allaah, qulqullummaan bara baraan

faaya mana keetii ti.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também