Publicidade

Salmos 45

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo ilmaan Qooraahi kan "Daraaraa" jedhamu. Maskiil. Zabuurii cidhaa.

1 Yommuu ani mootiidhaaf faarfadhutti,

yaadni gaariin garaa koo guutee irra dhangalaʼa;

arrabni koos akkuma biirii barreessaa ogeessa tokkoo ti.

2 Ati nama hundumaa caalaa miidhagaa dha;

hidhii kee irra surraatu dhangalaʼa;

kanaafuu Allaahan bara baraan si eebbiseera.

3 Yaa gooticha, goraadee kee luqqeettuutti hidhadhu;

ulfina fi surraa uffadhu.

4 Sababii dubbii dhugaatiif, gad of qabiisaa fi qajeelummaatiif,

miidhagina keetiin moʼannaadhaan fuula duratti gulufi;

harki kee mirgaas hojii sodaachisaa haa hojjetu.

5 Xiyyawwan kee qara qabeeyyiin sun onnee diinota mootii haa waraanan;

saboonnis miilla kee jalatti haa jijjiganii.

6 Yaa Allaah, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;

bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.

7 Ati qajeelummaa jaallatta; jalʼina immoo ni jibbita;

kanaafuu Allaah, Allaahan kee hiriyoota kee caalaatti,

zayitiidhaan gammachuu si dibeera.

8 Uffanni kee hundinuu qumbiidhaan,

argeessaa fi qundhiidhaan ni urgaaʼa;

masaraawwan ilka arbaatiin miidhagfaman keessattis

muuziiqaan miʼa ribuu si gammachiisa.

9 Intallan moototaa dubartoota kee warra kabajamoo keessa jiru;

mootittiinis warqee Oofiiriitiin miidhagfamtee

karaa harka mirga keetii dhaabatti.

10 Yaa intalaa dhagaʼi; hubadhu; gurra kees as qabi;

saba keetii fi mana abbaa keetii irraanfadhu.

11 Mootiin miidhagina kee hawwa;

waan inni gooftaa kee taʼeef isa kabaji.

12 Intalli Xiiroos kennaa fiddee dhufti;

sooreyyiinis garaa si laafifachuu barbaadu.

13 Intalli mootii ulfina guddaadhaan diinqa ishee jirti;

uffanni ishees warqeedhaan dhaʼame.

14 Isheenis uffata halluu garaa garaa qabu uffattee gara mootiitti geeffamti;

durboonni waaʼelli ishees ishee duukaa buʼanii gara keetti fidamu.

15 Isaanis gammachuu fi ililleedhaan ol galfamu;

masaraa mootichaas ni seenu.

16 Ilmaan kee iddoo abbootii keetii buʼan;

atis lafa hunda irratti isaan ni moosifta.

17 Ani akka maqaan kee dhaloota hunda keessatti yaadatamu nan godha;

kanaafuu saboonni bara baraa hamma bara baraatti si jajatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-