Publicidade

Salmos 122

Zabuurii Ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

1 Yommuu isaan, "Kottu gara mana Rabbii Allaah dhaqnaa"

naan jedhanitti, ani nan gammade.

2 Yaa Yerusaalem,

miilli keenya karrawwan kee irra dhaabata.

3 Yerusaalem akka magaalaa walitti maxxantee

gobbatte tokkootti ijaaramte.

4 Kunis iddoo gosoonni,

gosoonni Rabbii Allaahan,

akka sirna Israaʼeliif kenname sanaatti,

maqaa Rabbii Allaah galateeffachuuf itti ol baʼanii dha.

5 Teessoowwan murtii,

teessoowwan mana Daawud achi dhaabatu.

6 Akkana jedhaa nagaa Yerusaalemiif duʼaa godhaa:

"Warri si jaallatan nagaan haa jiraatan.

7 Dallaa kee keessa nagaan,

masaraa mootummaa keetii keessa immoo tasgabbiin haa jiraatu."

8 Ani obboloota kootii fi michoota kootiif jedhee,

"Nagaan si keessa haa jiraatu" nan jedha.

9 Mana Rabbii Allaah keenyaatiif jedhee,

ani akka wanni gaariin siif taʼu nan hawwa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-