Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 114

1 Yeroo sabni Israaʼel biyya Gibxii, manni Yaaʼikuubis

saba afaan ormaa dubbatu keessaa baʼetti,

2 Yihuudaan mana qulqullummaa Allaaha,

Israaʼel immoo bulchiinsa isaa taʼe.

3 Galaanni argee baqate;

Yordaanosis duubatti deebiʼe;

4 tulluuwwan akka korbeeyyii hoolaa,

gaarranis akkuma xobbaallaawwan hoolaa burraaqan.

5 Yaa galaana, ati maaliif baqatte?

Yaa Yordaanos, atis maaliif duubatti deebite?

6 Yaa tulluuwwan, isin maaliif akka korbeeyyii hoolaa,

yaa gaarran isinis maaliif akka xobbaallaawwan hoolaa burraaqxu?

7 Yaa lafa, fuula Gooftaa duratti,

fuula Allaah Yaaʼikuub duratti holladhu;

8 inni kattaa gara harootti,

kattaa jabaa immoo gara burqaa bishaaniitti geeddare.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também