Zabuurii ol baʼuu.
1 Rabbii Allaah, ani boolla gad fagoo keessaa sitti nan iyyadha;
2 yaa Gooftaa, sagalee koo dhagaʼi.
Gurri kees sagalee waammata koo
xiyyeeffatee haa dhagaʼu.
3 Rabbii Allaah, utuu ati cubbuu lakkooftee,
yaa gooftaa silaa eenyutu dhaabachuu dandaʼa?
4 Garuu dhiifamni si bira jira;
kanaaf ati ni sodaatamta.
5 Ani Rabbii Allaah nan eeggadha; lubbuun koos isa eeggatti;
dubbii isaas nan abdadha.
6 Eegdota barii lafaa eeggatan caalaa,
dhugumaan eegdota barii lafaa eeggatan caalaa
lubbuun koo Gooftaa eeggatti.
7 Yaa Israaʼel, ati Rabbii Allaah abdadhu;
Rabbii Allaah bira jaalalli dhuma hin qabne,
furiin guutuunis ni jiraatii.
8 Inni mataan isaa cubbuu isaanii
hundumaa irraa Israaʼelin ni fura.