1 Rabbii Allaah, ani kooluu sitti galeera;
ati gonkumaa na hin qaanessin.
2 Qajeelummaa keetiin na baasi; na oolchis;
gurra kee gara kootti qabi; na fayyisis.
3 Ati kattaa ani kooluu itti galu,
iddoo ani yeroo hunda itti baqadhu naa taʼi;
ati waan kattaa koo fi daʼoo koo taateef,
na baraaruuf ajaja kenni.
4 Yaa Allaah ko, harka nama hamaa,
qabaa nama jalʼaatii fi gara jabeessaa keessaa na baasi.
5 Rabbii Allaah Gooftaa, ati abdii kootii;
ijoollummaa kootii kaaftees ati Allaah ani amanadhuu dha.
6 Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;
gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.
Ani yeroo hunda sin galateeffadha.
7 Ani namoota baayʼeedhaaf mallattoo taʼeera;
ati garuu daʼoo koo isa jabaa dha.
8 Afaan koo guyyaa guutuu,
galataa fi ulfina keetiin guutama.
9 Yeroo ani dulloomutti ati na hin gatin;
yeroo humni koo dhumuttis na hin dhiisin.
10 Diinonni koo natti mariʼatuutii;
warri na ajjeesuuf riphanii eeggatanis walii wajjin natti mariʼatu.
11 Isaanis, "Allaahan isa dhiiseera;
namni isa oolchu tokko iyyuu hin jiruutii
faana buʼaatii qabaa" jedhu.
12 Yaa Allaah, narraa hin fagaatin;
yaa Allaah ko, na gargaaruuf dafii kottu.
13 Warri na himatan qaanaʼanii haa badan;
warri na miidhuu barbaadanis
tuffii fi salphina haa uffatan.
14 Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba;
ittuma caalchisees sin galateeffadha.
15 Ani yoo hammam akka inni gaʼu beekuu baadhe illee,
afaan koo waaʼee qajeelummaa keetiitii fi
waaʼee fayyisuu keetii guyyaa guutuu ni odeessa.
16 Rabbii Allaah Gooftaa, ani dhufee
hojii kee humna qabeessa sana nan odeessa;
ani qajeelummaa kee qofa labsa.
17 Yaa Allaah, ati ijoollummaa kootii jalqabdee na barsiifteerta;
anis hamma harʼaatti hojii kee dinqisiisaa sana nan labsa.
18 Yaa Allaah, yeroo ani dulloomee mataan koo arrii taʼutti illee,
hamma ani humna kee dhaloota kanatti,
jabina kees dhaloota dhufuuf jiru hundatti labsuutti,
ati na hin dhiisin.
19 Yaa Allaah, qajeelummaan kee shamaayʼuniiwwan bira gaʼa;
ati waan gurguddaa hojjetteerta;
yaa Allaah, kan akka keetii eenyu?
20 Ati rakkinaa fi dhiphina baayʼee na argisiifteerta;
taʼus jireenya koo deebiftee ni haaromsita,
qilee lafaa keessaas deebiftee ol na baafta.
21 Ulfina koo ni guddifta;
amma illee na jajjabeessita.
22 Yaa Allaah ko, ani amanamummaa keetiif,
kiraaraan sin faarfadha;
Yaa Qulqullicha Israaʼel
ani kiraaraan faarfannaa galataa siif faarfadha.
23 Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,
lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.
24 Warri na miidhuu barbaadan,
waan qaanaʼanii burjaajaʼaniif
arrabni koo guyyaa guutuu
qajeelummaa kee odeessa.