Publicidade

Salmos 124

Zabuurii ol baʼuu. Zabuurii Daawud.

1 Israaʼel akkana haa jedhu:

Utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,

2 utuu Rabbii Allaahan garee keenya taʼuu baatee,

yommuu namoonni nutti kaʼanitti,

3 yommuu aariin isaanii nutti bobaʼetti,

silaa isaan utuu nu lubbuun jirruu nu liqimsu turan;

4 lolaan nu liqimsee

dhaʼaan bishaanii nurra yaaʼa ture;

5 bishaan hamaan

nu fudhatee bada ture.

6 Rabbii Allaahan akka nu ilkaan isaaniitiin cicciramnuuf

dabarsee itti nu hin kennin sun haa eebbifamu.

7 Akkuma simbirri kiyyoo adamsituu jalaa baatu,

nu isaan jalaa baaneerra;

kiyyoon ni ciccite;

nus jalaa baane.

8 Gargaarsi keenya maqaa Rabbii Allaaha,

Uumaa shamaayʼunii fi lafa sanaa ti.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-