Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 82

Zabuurii Asaaf.

1 Allaahan, waldaa waaqeffatamtootaa gidduu dhaabata;

"waaqeffatamtoota" gidduuttis murtii kenna; akkanas jedha:

2 "Isin hamma yoomiitti seera jalʼiftu?

Hamma yoomiittis jalʼootaaf dhaabattu?

3 Dadhabdootaa fi ijoollee abbaa hin qabneef murtii qajeelaa kennaa;

mirga hiyyeeyyiitii fi cunqurfamtootaas eegsisaa.

4 Warra dadhabaa fi rakkattoota baraaraa;

harka jalʼootaatiis isaan baasaa.

5 "Isaan homaa hin beekan; homaa illee hin hubatan.

Isaan dukkana keessa jiraatu;

hundeen lafaa hundinuu ni raafame.

6 "Anis, Isin, "waaqeffatamtoota;"

hundi keessan ilmaan Allaah Waan Hundaa Olii tijedheera.

7 Taʼus isin akkuma namatti ni duutu;

akkuma bulchitoota kamii iyyuu ni kuftu."

8 Yaa Allaah kaʼi; lafatti muri;

sabni hundinuu kan keetiitii.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também