Publicidade

Salmos 28

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, Kattaa ko, ani sin waammadha;

ati na jalaa hin didin.

Yoo ati na jalaa didde,

ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

2 Yommuu ani gargaarsaaf si waammadhee harka koo illee

gara Iddoo Qulqullummaa kee

kan Waan Hundumaa Caalaa Qulqulluu taʼe

sanaatti ol kaafadhu, sagalee duʼaa koo naa dhagaʼi.

3 Namoota hamoo warra jalʼina hojjetan wajjin,

warra garaa isaaniitti hammina qabatanii

olloota isaanii wajjin garuu

nagaa dubbatan wajjin na hin balleessin.

4 Akka hojii isaaniitti,

akkuma hojii isaanii hamaa sanaattis deebisiif;

akkuma hojii harka isaaniitti kenniif;

gatii isaaniif malu isaanumatti deebisi.

5 Sababii isaan hojii Rabbii Allaaha,

yookaan waan harki isaa hojjete hin kabajneef

inni isaan diiga;

deebisees isaan hin ijaaru.

6 Rabbii Allaahan haa eebbifamu!

Inni iyya duʼaa kootii naa dhagaʼeeraatii.

7 Rabbii Allaahan jabina koo fi gaachana koo ti;

garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.

Garaan koo baayʼee gammada;

anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.

8 Rabbii Allaahan jabina saba isaa ti;

dibamaa isaatiifis daʼoo fayyinaa ti.

9 Saba kee fayyisi; dhaala kees eebbisi;

tiksee isaanii taʼii bara baraan isaan baadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-