1 Namni daʼoo Allaah Waan Hundaa Olii keessa jiraatu,
gaaddisa Allaah Waan Hunda Dandaʼu sanaa jala boqota.
2 Anis Rabbii Allaahan, "Inni iddoo ani itti kooluu galuu fi daʼannoo koo ti;
Allaah koo kan ani amanadhuu dha" nan jedha.
3 Inni dhugumaan kiyyoo adamsaa jalaa,
dhukkuba nama fixu jalaas si baasa.
4 Inni baallee isaatiin si dhoksa;
atis qoochoo isaa jalatti kooluu ni galta;
amanamummaan isaa gaachanaa fi dallaa eegumsaa siif taʼa.
5 Atis naasuu halkanii,
yookaan xiyya guyyaan futtaafamu hin sodaattu;
6 golfaa dukkana keessa deemu,
yookaan dhaʼicha guyyaa saafaan nama balleessu hin sodaannu.
7 Kumni tokko si cinatti,
kumni kudhan immoo mirga keetti ni kufa;
garuu sitti hin dhiʼaatu.
8 Ati ijuma kee qofaan ilaalta;
adaba hamootatti dhufus ni argita.
9 Ati waan Rabbii Allaah iddoo kooluu itti galtu,
Allaah Waan Hundaa Olii iddoo jireenya keetii godhatteef,
10 wanni hamaan si hin tuqu;
dhaʼichis dunkaana keetti hin dhiʼaatu.
11 Inni akka isaan karaa kee hunda irratti si eeganiif,
malaʼikkoota isaa siif ni ajaja;
12 isaanis akka miilla keetiin dhagaatti hin buuneef
harka isaaniitiin ol si fuudhu.
13 Ati leencaa fi buutii irra ejjetta;
leenca saafelaa fi jawwee ni dhidhiitta.
14 Rabbii Allaahanis akkana jedha;
"Sababii inni na jaallatuuf, ani isa nan oolcha;
waan inni maqaa koo beekuuf isa nan eega.
15 Inni na waammata; anis nan deebisaaf;
rakkina keessatti ani isa wajjin nan taʼa;
isa nan oolcha; ulfinas nan kennaaf.
16 Ani umurii dheeraa isa nan quufsa;
fayyisuu koos isatti argisiisa."