Zabuurii Daawud yeroo ilma isaa Abesaaloom jalaa baqatetti faarfate.
1 Rabbii Allaah, diinonni koo akkam baayʼatu!
Namoonni baayʼeen natti kaʼaniiru!
2 Namoonni baayʼeen, "Allaahan isa hin baraaru" jedhanii
waaʼee koo dubbatu.
3 Rabbii Allaah, ati garuu naannoo kootti gaachana koo ti;
ulfina kootis; mataa koos kan ol qabdu suma.
4 Ani guddisee Rabbii Allaahatti nan iyyadha;
innis tulluu isaa qulqulluu irraa deebii naa kenna.
5 Ani nan ciisa; nan rafas;
waan Rabbii Allaahan ol na qabuuf nan dammaqa.
6 Saba kumaatama qixa hundaan
kaʼee na marse ani hin sodaadhu.
7 Rabbii Allaah kaʼi!
Yaa Allaah koo na baraari!
Mangaagaa diinota kootii hundumaa rukuti;
ilkaan hamootaa illee caccabsi.
8 Fayyinni kan Rabbii Allaah ti.
Eebbi kee saba kee irra haa jiraatu.