1 Ani gargaarsaaf gara Allaahatti nan iyyadhe;
ani akka Allaahan na dhagaʼuuf nan iyyadhe.
2 Yeroo rakkina kootiitti Gooftaa nan barbaaddadhe;
halkanis utuu hin dadhabin harka koo nan diriirfadhe;
lubbuun koos jajjabaachuu didde.
3 Yaa Allaah, ani yommuun si yaadadhu nan aada;
ani irra deddeebiʼee nan yaade; hafuurri koos ni laafe.
4 Ati akka iji koo hin dunuunfanne goote;
ani akka malee lubbamee dubbachuu iyyuu dadhabe.
5 Ani waaʼee bara durii,
waaʼee waggoota durii duriis nan yaade;
6 ani halkaniin faarfannaa koo nan yaadadhe.
Ani irra deddeebiʼee na yaade; hafuurri koos akkana jedhee qorate:
7 "Gooftaan bara baraan nama gataa?
Inni deebiʼee garaa hin laafuu?
8 Araarri isaa bara baraan badee?
Waadaan isaa bara baraan guutamuu dhabee?
9 Allaahan arjoomuu irraanfateeraa?
Inni aariidhaan gara laafina isaa dhiiseeraa?"
10 Anis, "Harki mirgaa kan Allaah Waan Hundaa Olii
jijjiirameera jedhee yaaduun koo, dadhabbii koo ti" nan jedhe.
11 Ani hojii Rabbii Allaah nan yaadadha;
dhugumaan dinqii kee kan durii nan yaadadhaa.
12 Ani waan ati hojjette hunda irra deddeebiʼee nan yaada;
waaʼee hojii keetii illee nan dubbadha.
13 Yaa Allaah, karaan kee qulqulluu dha.
Allaahan guddaan akka Allaah keenyaa eessa jira?
14 Ati Allaah hojii dinqii hojjettuu dha;
saboota gidduuttis humna kee ni argisiifta.
15 Irree kee cimaadhaan saba kee,
sanyii Yaaʼikuubii fi sanyii Yuusuf furteerta.
16 Yaa Allaah, bishaanonni si argan;
bishaanonni si arganii sodaatan;
tuujubawwan ni hollatan.
17 Duumessi bishaan gad dhangalaase;
shamaayʼuniiwwan ni qaqawweessaʼan;
xiyyi kees qixa hundaan balaqqise.
18 Bakakkaan kee bubbee hamaa keessaa dhagaʼame;
balaqqeesi kee addunyaa ibse;
laftis hollattee sochoote.
19 Daandiin kee galaana keessa,
karaan kee immoo bishaanota gurguddaa keessa baʼa;
garuu faanni kee hin argamne.
20 Ati harka Muusaatii fi harka Haaruuniin,
saba kee akka bushaayeetti geggeessite.