Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 110

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaahan, gooftaa kootiin:

"Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,

karaa mirga koo taaʼi" jedhe.

2 Rabbii Allaahan, "Diinota kee gidduutti moʼi" jedhee

bokkuu aangoo keetii Xiyoonii siif erga.

3 Gaafa ati waraanaaf baatu,

loltoonni kee fedhee isaaniitiin si faana qajeelu.

Ati gadameessa ganamaa keessaa,

surraa qulqulluu gonfattee fixeensa dargaggummaa keetii qabaatta.

4 Rabbii Allaahan, "Akka sirna Malkiiseedeqitti,

ati luba bara baraa ti" jedhee kakateera.

Inni yaada isaa hin geeddaru.

5 Gooftaan karaa harka kee mirgaa jira;

inni guyyaa dheekkamsa isaatti mootota ni burkuteessa.

6 Inni reeffa tuuluudhaan, bulchitoota guutummaa lafaa

barbadeessuudhaan sabootatti mura.

7 Innis laga karaa cina jiru keessaa ni dhuga;

kanaafuu mataa ol qabata.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também