1 Isin jajjabeeyyiin, Rabbii Allaahaf fidaa;
ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf fidaa.
2 Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;
iddoo qulqullummaa isaatti Rabbii Allaah waaqeffadhaa.
3 Sagaleen Rabbii Allaah bishaanota irra jira;
Allaahan ulfinaa ni qaqawweessaʼa;
Rabbii Allaahan bishaanota baayʼee irratti ni qaqawweessaʼa.
4 Sagaleen Rabbii Allaah humna qaba;
sagaleen Rabbii Allaah surra qabeessa.
5 Sagaleen Rabbii Allaah birbirsa ni cabsa;
Rabbii Allaahan birbirsa Libaanoon ni caccabsa.
6 Inni Libaanoonin akka jabbiitti,
Siiriyoonin immoo akka dibicha gafarsaatti ni utaalchisa.
7 Sagaleen Rabbii Allaah
balaqqeessa bakakkaatiin rukuta.
8 Sagaleen Rabbii Allaah gammoojjii sochoosa;
Rabbii Allaahan Gammoojjii Qaadesh sochoosa.
9 Sagaleen Rabbii Allaah qilxuu micciira;
bosonas qullaatti hambisa.
Hundinuus mana qulqullummaa isaa keessatti, "Ulfina!" jedhee iyya.
10 Rabbii Allaahan lolaa badiisaatiin olitti teessoo isaa irra taaʼa;
Rabbii Allaahan Mootii taʼee bara baraan teessoo isaa irra taaʼa.
11 Rabbii Allaahan saba isaatiif jabina kenna;
Rabbii Allaahan saba isaa nagaadhaan eebbisa.