Publicidade

Jó 28

1 Dhugumaan iddoon meetiin keessaa qotamu,

lafti warqeen itti baafamee qulqulleeffamu jira.

2 Sibiilli lafa keessaa baafama;

sibiilli diimaan immoo dhagaa albuudaa irraa baqfama.

3 Namni hamma dhuma dukkanaatti deema;

moggaa akka malee fagoo dhaqees,

dukkana hamaa keessa dhagaa albuudaa barbaada.

4 Inni lafa namoonni jiraatan irraa fagaatee

iddoo miilli namaa ejjetee hin beeknetti boolla qota;

namoota irraa fagaatee ni rarraʼa; asii fi achis ni raafama.

5 Lafa irraa garuu nyaatatu argama;

jala isheetiin immoo akka waan ibidda taateetti geeddaramti;

6 dhagaan isaa burqaa sanpeerii ti;

biyyoon isaas warqee qaba.

7 Allaattiin tokko iyyuu karaa dhokfame sana hin beeku;

iji culullees karaa sana hin argine.

8 Bineensonni sodaachisoon irra hin ejjenne;

leencis karaa sana hin darbine.

9 Harki namaa dhagaa jabaa cabsa;

hundee tulluuwwanii immoo ni gaggaragalcha.

10 Inni kattaa keessaan karaa baasa;

iji isaas waan gatii guddaa hunda arga.

11 Madda lageenii ni sakattaʼa;

waan dhokfames ifatti ni baasa.

12 Ogummaan garuu eessaa argamti?

Hubannaanis eessa jiraata?

13 Namni gatii isaa hin beeku;

inni biyya jiraattotaa keessatti hin argamu.

14 Tujubni, "Inni na keessa hin jiru" jedha;

galaannis, "Inni na bira hin jiru" jedha.

15 Warqeen qulqulluun isa bituu hin dandaʼu;

gatiin isaas meetiidhaan hin madaalamu.

16 Warqee Oofiiriitti, dhagaa gatii guddaa sardooniksiitti

yookaan sanpeeriitti hin tilmaamamu.

17 Warqee fi dhagaan akka bilillee calaqqisu ittiin hin qixxaatu;

inni faaya warqee qulqulluutiin hin geeddaramu.

18 Elellaanii fi dooqni akka waan gatii qabaniitti hin hedaman;

gatiin ogummaa lula diimaa caala.

19 Tophaaziyooniin Itoophiyaa itti qixxaatu;

warqee qulqulluudhaanis bitamuu hin dandaʼu.

20 Yoos ogummaan eessaa dhufti ree?

Hubannaanis eessa jiraatti?

21 Isheen ija uumama hundaa jalaa dhokatteerti;

simbirroota shamaayʼun jalaas baddeerti.

22 Badiisnii fi Duuti, "Nu oduu ishee qofa

gurra keenyaan dhageenye" jedhu.

23 Allaah qofatu daandii gara ishee geessu hubatee,

lafa inni jiraatus beeka;

24 inni handaara lafaa ni ilaala;

waan shamaayʼun jala jiru hunda ni argaatii.

25 Inni yommuu bubbeedhaaf humna kennee

bishaanota safaretti,

26 yommuu bokkaadhaaf seera dhaabee

bakakkaaf immoo daandii baasetti,

27 inni ogummaa ilaalee madaale;

jabeessee dhaabee ishee qorate.

28 Ergasii ilmaan namaatiin,

"Gooftaa sodaachuun ogummaa;

waan hamaa irraa fagaachuunis hubannaa dha" jedhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-