Publicidade

Jó 37

1 "Kana irratti onneen koo ni dhikkifata;

iddoo isaatiis ni uʼutaala.

2 Dhaggeeffadhaa! Iyya sagalee isaa,

guungummii afaan isaatii baʼu illee dhagaʼaa.

3 Inni bakakkaa isaa shamaayʼun hunda jalatti gad dhiisa;

gara handaara lafaattis ni erga.

4 Ergasii sagaleen guungummii isaa ni dhufa;

inni sagalee isaa ulfina qabeessa sanaan ni qaqawweessaʼa.

Yommuu sagaleen isaa dhagaʼamutti,

inni waan tokko illee hin qusatu.

5 Sagaleen Allaaha haala dinqisiisaadhaan ni qaqawweessaʼa;

inni waan guddaa hubannaa keenyaa ol taʼe godha.

6 Inni cabbiidhaan, ‘Lafa irra buʼi;’

tiifuudhaanis, ‘Bokkaa jabaa taʼi’ jedha.

7 Akka namni inni uume hundi hojii isaa beekuuf,

inni harka tokkoo tokkoo namaa chaappessa.

8 Bineensonni holqa isaaniitti galu;

daʼannoo isaanii keessas ni turu.

9 Bubbeen hamaan iddoo isaatii ni baʼa;

dhaamochis bubbee bittinneessu keessaa ni baʼa.

10 Hafuurri Allaahan baafatu cabbii uuma;

bishaanonni babalʼaanis ni ititu.

11 Inni duumessoota bishaan baachisa;

bakakkaa isaas isaan keessa facaasa.

12 Isaan waan inni ajaju hunda hojjechuuf,

qajeelfama inni kennuun

addunyaa hunda irra naannaʼu.

13 Inni namoota adabuuf, yookaan lafa isaa obaasee

jaalala isaa argisiisuuf jedhee duumessa fida.

14 "Yaa Ayyuub waan kana dhaggeeffadhu; mee of qabiitii

hojii Allaaha isa dinqisiisaa sana hubadhu.

15 Allaahan akkamitti duumessoota

akka ajajuu fi akkamitti akka balaqqeessisu ati ni beektaa?

16 Akka itti duumessoonni wal qixxaatanii rarraʼan,

hojii dinqisiisaa Allaaha isa beekumsaan mudaa hin qabne sanaa beektaa?

17 Ati kan yeroo lafti bubbee kibbaatiin calʼistutti

hoʼa wayyaa keetiitiin waxalamtu,

18 shamaayʼun akkuma of-ilaalee naasii baqfamee jabaatu sana

diriirsuu keessatti isa gargaaruu ni dandeessaa?

19 "Waan nu isaan jennu nutti himi;

nu sababii dukkana keenyaatiifuu dubbii keenya qajeelfachuu hin dandeenyu.

20 Akka ani dubbachuu fedhu isatti himamuu qabaa?

Namni kam iyyuu liqimfamuuf ni gaafataa?

21 Erga qilleensi shamaayʼuniiwwan qulqulleessee booddee,

namni aduu humna guutuun iftu ilaaluu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru.

22 Allaahan bareedina warqeetiin kaabaa ni dhufa;

inni ulfina isaa isa sodaachisaa sanaan ni dhufa.

23 Allaahan Waan Hunda Dandaʼu hubannaa keenyaa oli;

inni humnaa fi murtii qajeelaadhaan guddaa dha;

qajeelummaan isaa baayʼee dha; inni nama hin cunqursu.

24 Kanaafuu, namoonni isa sodaatu;

inni warra ogeeyyii of seʼan hunda waʼittuu hin hedu."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-