Publicidade

Jó 27

1 Ayyuub haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:

2 "Dhugaa Allaah jiraataa murtii qajeelaa na dhowwate,

Allaah Waan Hunda Dandaʼu kan lubbuu koo hadheesse sanaa,

3 hamma lubbuun na keessa jirtutti,

hamma hafuurri Allaaha funyaan koo keessa jirutti,

4 afaan koo hammina hin dubbatu;

arrabni koos nama hin gowwoomsu.

5 Isin qajeeltota jechuu, Allaahan ana irraa haa fagaatu;

ani hamman duʼutti amanamummaa koo hin dhiisu.

6 Qajeelummaa koo jabeessee nan qabadha; gadis hin dhiisu;

bara jireenya kootii guutuu qalbiin koo na hin komattu.

7 "Diinni koo akka nama hamaa, mormituun koo

akka nama jalʼaa haa taʼu!

8 Yommuu Allaahan lubbuu isaa isa irraa fudhatee isa balleessutti,

namni Allaahaf hin bulle abdii maalii qaba?

9 Yeroo rakkinni isatti dhufutti,

Allaahan iyya isaa ni dhagaʼaa?

10 Inni Allaah Waan Hunda Dandaʼutti ni gammadaa?

Yeroo hundas Allaah waammataa?

11 "Ani waaʼee harka Allaaha isin nan barsiisa;

waan Allaah Waan Hunda Dandaʼu bira jirus isin hin dhoksu.

12 Hundi keessan waan kana argitaniirtu;

yoos haasaan faayidaa hin qabne kun maali?

13 "Carraan Allaahan nama hamaaf qoode,

dhaalli namni jalʼaan Allaah Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu kana:

14 Ijoolleen isaa akka malee baayʼatan iyyuu goraadeetu isaan eeggata;

sanyiin isaas waan nyaatee quufu hin qabaatu.

15 Hambaa isaa dhaʼichatu qabrii;

niitonni isaaniis hin booʼaniif.

16 Inni meetii akkuma biyyootti tuullatee

uffata immoo akkuma supheetti kuufatu illee,

17 waan inni kuufate nama qajeelaatu uffata;

meetii isaa illee nama balleessaa hin qabnetu qooddata.

18 Manni inni ijaaru akkuma mana dholdholee ti;

akkuma daasii eegduun ijaaruu ti.

19 Inni utuma qabeenya qabuu dhaqee ciisa; garuu itti hin deebiʼu;

yeroo inni ija banatutti, qabeenyi isaa hundi hin jiru.

20 Sodaan akkuma lolaa isa irra garagala;

bubbeen hamaan immoo halkaniin isa fudhatee sokka.

21 Bubbeen baʼa biiftuu isa fudhata;

innis hin argamu; bubbeen sunis lafa inni jiru irraa isa haxaaʼa.

22 Inni humna bubbee jalaa baʼuuf jedhee baqata;

bubbeen sunis gara laafina tokko malee itti of darbata.

23 Harka isaa dhadhaʼee itti qoosa;

afuufees iddoo isaatii isa balleessa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-