1 Guyyaa biraas malaʼikkoonni Allaah fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼaachuuf dhufan; Sheeyxaannis isaan wajjin fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼaachuuf dhufe. 2 Rabbii Allaahanis Sheeyxaanaan, "Ati eessaa dhufte?" jedhe.
Sheeyxaannis, "Ani lafa hunda irra jooree asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe" jedhee Rabbii Allaahaf deebise.
3 Rabbii Allaahanis Sheeyxaanaan akkana jedhe; "Tajaajilaa koo Ayyuubin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Allaah sodaatuu fi hammina irraa fagaate dha. Ati akka ani sababii tokko malee isa balleessuuf na kakaaftu iyyuu inni hamma ammaatti qajeelummaa isaa cichee qabateera."
4 Sheeyxaannis deebisee akkana jedhe; "Gogaan gogaadhaaf! Namni lubbuu isaa oolfachuuf jedhee waan qabu hunda ni kenna. 5 Garuu ati mee harka kee diriirfadhuutii foonii fi lafee isaa rukuti; inni dhugumaan ifumaan ifatti si abaara."
6 Rabbii Allaahanis Sheeyxaanaan, "Kunoo inni si harka jira; lubbuu isaa garuu hin tuqin" jedhe.
7 Kanaafuu Sheeyxaanni fuula Rabbii Allaah duraa baʼee Ayyuubin faana miilla isaatii jalqabee hamma gubbee mataa isaatti madaa hamaadhaan rukute. 8 Ayyuubis ittiin of hooquuf jedhee qiraacii fudhatee daaraa keessa taaʼe.
9 Niitiin isaa, "Ati amma illee qajeelummaa kee cichitee qabatteertaa? Allaah abaariitii duʼi!" isaan jette.
10 Inni immoo deebisee, "Ati akka dubartii gowwaa tokkootti dubbatte. Nu harka Allaahatii waan gaarii fudhanneerra; waan hamaa immoo fudhachuu hin qabnuu?" jedhe.
Wantoota kanneen hunda keessatti Ayyuub waan dubbateen cubbuu hin hojjenne.
11 Michoonni Ayyuub sadan jechuunis Eliifaaz namni Teemaan, Bildaad namni Shuhaatii fi Zoofaari namni Naaʼimaataa yommuu waan Ayyuub irra gaʼe hunda dhagaʼanitti rakkina isaa qoodachuu fi isa jajjabeessuudhaaf tokkummaan walii galanii mana isaaniitii baʼan. 12 Yommuu fagootti isa arganitti isa beekuu hin dandeenye; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼan; uffata isaaniis tarsaasanii mataa isaaniitti daaraa firfirfatan. 13 Ergasiis guyyaa torbaa fi halkan torba isa wajjin lafa tataaʼan. Isaan sababii dhiphinni isaa akka malee cimaa taʼuu isaa arganiif, namni tokko iyyuu homaa isatti hin dubbanne.