Publicidade

Jó 26

Ayyuub

1 Ayyuub akkana jedhee deebise:

2 "Ati nama humna hin qabne hammam gargaarte!

Irree laafes hammam jajjabeessite!

3 Nama ogummaa hin qabneef gorsa akkamii kennite!

Beekumsa guddaa akkamiis argisiifte!

4 Akka ati dubbii kana dubbattuuf eenyutu si gargaare?

Hafuura eenyuutu afaan kee keessaa dubbate?

5 "Warri duʼan, warri bishaanii gadiitii fi

kanneen bishaan keessa jiraatan hundii ni hollatu.

6 Duuti fuula Allaaha duratti qullaa jira;

badiisnis waan isa dhoksu hin qabu.

7 Allaahan iddoo duwwaa irra shamaayʼun kaabaa diriirsa;

lafas iddoo duwwaa irratti rarraasa.

8 Inni duumessa isaatiin bishaanota hidhee qaba;

duumessi sunis bishaanota jalatti hin dhoʼu.

9 Inni duumessoota isaa itti uffisuudhaan

fuula jiʼaa ni haguuga.

10 Inni fuula bishaanotaa irratti,

ifaa fi dukkana gidduu daarii dhaabe.

11 Utubaawwan shamaayʼun ni hollatu;

dheekkamsa isaatiinis ni rifatu.

12 Inni humna isaatiin galaana ni raasa;

ogummaa isaatiinis Raʼaabin ni ciccira.

13 Hafuura baafatuun shamaayʼuniiwwan qulqulleesse;

harki isaas bofa shawwisaa waraane.

14 Wantoonni kunneen hojii isaa keessaa qarqaruma qofa;

hasaasni nu waaʼee isaa dhageenyu hammam xinnaa dha!

Yoos kakawwee humna isaa eenyutu hubachuu dandaʼa ree?"

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-