Publicidade

Jó 17

1 "Hafuurri koo dadhabeera;

barri koo gabaabbateera;

qabriinis naa qopheeffameera.

2 Dhugumaan qoostonni na marsaniiru;

iji koos hojii isaanii isa hamaa sana hubatee ilaala.

3 "Yaa Allaah, qabsiisa naa taʼi;

si malee eenyutu wabii naa taʼa?

4 Akka isaan waa hin hubanneef ati sammuu isaanii cufteerta;

kanaafuu ati akka isaan moʼatan hin gootu.

5 Yoo namni tokko faayidaa argachuuf

michuu isaa maqaa balleesse, iji ijoollee isaa ni jaama.

6 "Allaahan nama hunda biratti nama kolfaa,

nama namni fuula isaatti tufu na godheera.

7 Iji koo sababii gaddaatiif arguu dhabe;

dhagni koo guutuunis akkuma gaaddidduu ti.

8 Qajeeltonni waan kanaan ni rifatu;

namni balleessaa hin qabnes warra Allaahatti hin bulle irratti kaʼa.

9 Qajeelaan garuu karaa isaatti cima;

warri harki isaanii qulqulluu taʼes jabaachaa deemu.

10 "Hundi keessan garuu mee deebiʼaa yaalaa!

Ani isin keessaa nama ogeessa tokko illee hin argadhu.

11 Barri koo darbeera; karoorri koo fashalaaʼeera;

hawwiin garaa koos akkasuma taʼeera.

12 Namoonni kunneen halkan guyyaatti geeddaraniiru;

utuma dukkana arganuus, ‘Ifni dhiʼaateera’ jedhu.

13 Yoo manni ani abdadhu qabrii qofa taʼe,

yoo ani dukkana keessatti siree koo afadhe,

14 yoo ani boolla qileetiin, ‘Ati abbaa koo ti;’

raammoodhaan immoo, ‘Ati haadha koo ti;’

yookaan ‘Obboleettii koo ti’ jedhe,

15 egaa abdiin koo eessa jira?

Eenyutus abdii tokko illee naa arga?

16 Inni na wajjin qabrii buʼaa?

Nus walumaan biyyoo seennaa?"

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-