Publicidade

Jó 29

1 Ayyuub haasaa isaa itti fufee akkana jedhe:

2 "Ani jiʼoota darban, bara Allaahan na eege sana

akkamin hawwa ture,

3 yeroo ibsaan isaa mataa koo irratti ife, anis ifa isaatiin

dukkana keessa darbee yeroon deeme,

4 yeroo ani nama jabaa ture,

yeroo michummaan Allaaha mana koo eebbise,

5 yeroo Allaahan Waan Hunda Dandaʼu na wajjin ture,

yeroo ijoolleen koo naannoo koo turan,

6 yeroo daandiin koo dhadhaadhaan jiifame,

yeroo kattaanis laga zayitii ejersaa naaf yaase.

7 "Yeroo ani gara karra magaalaatti gad baʼee

oobdii sabaa keessa barcuma koo irra taaʼe,

8 dargaggeeyyiin na arganii karaa irraa goru;

maanguddoonnis kaʼanii dhaabatu ture;

9 hangafoonni sabaa dubbii afaanitti qabatanii

harka isaanii afaan irra kaaʼatu ture;

10 sagaleen namoota bebeekamoo hin dhagaʼamu ture;

arrabni isaaniis laagaa isaaniitti ni maxxana ture.

11 Namni na dhagaʼu kam iyyuu na jaja;

kanneen na arganis na galateeffatu ture;

12 ani hiyyeessa gargaarsa barbaachaaf booʼu,

nama abbaa hin qabne kan namni isa gargaaru tokko iyyuu hin jirre fureeraatii.

13 Namni duʼuu gaʼe na eebbiseera;

ani akka garaan haadha hiyyeessaa gammachuun ililchus godheera.

14 Qajeelummaa akka uffata kootti uffadheera;

murtiin qajeelaan immoo uffata koo fi marata mataa koo ture.

15 Ani nama jaameef ija,

okkolaaf immoo miilla taʼeen ture.

16 Ani rakkataadhaaf abbaan ture;

nama ormaatiif illee nan falman ture.

17 Qarriffaa nama hamaa nan cabse;

waan inni qabates afaan isaatii buuseera.

18 "Ani akkana jedheen yaadee ture; ‘Manuma koo keessattin duʼa;

barri jireenya kootiis akkuma cirrachaa baayʼata.

19 Hiddi koo gad fagaatee bishaan qaqqaba;

fixeensis halkan guutuu dameewwan koo irra bula.

20 Ulfinni koo na keessatti haaraa taʼee jiraata;

iddaanis harka koo keessatti haaromfama.’

21 "Namoonni calʼisanii gorsa koo eeggachaa

abdiidhaan na dhaggeeffatu.

22 Erga ani dubbadhee booddee isaan deebiʼanii hin dubbanne;

dubbiin koos akka gaariitti gurra isaanii seena ture.

23 Isaan akkuma nama bokkaa eeggatuutti na eeggatan;

dubbii koos akkuma bokkaa arfaasaa dhugan.

24 Yeroo ani isaaniif seequtti isaan hin amanne;

ifni fuula koos isaaniif waan guddaa ture.

25 Ani karaa isaaniif filee akka hangafa isaaniitti nan taaʼe;

akka mootii loltoota isaa gidduu jiraatuutti nan jiraadhe;

ani akka nama warra booʼan jajjabeessuus taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-