Publicidade

Jó 18

Bildaad

1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:

2 "Isin haasaa kana yoom fixxu?

Mee qalbeeffadhaa; ergasii dubbachuu dandeenya.

3 Nu maaliif akka looniitti hedamna?

Maaliifis fuula kee duratti akka gowwaatti ilaalamna?

4 Ati kan aariidhaan of ciccirtu,

lafti sababii keetiif duwwaatti haftii?

Yookaan kattaan iddoo isaatii ni buqqifamaa?

5 "Ibsaan nama hamaa ni dhaama;

arrabni ibidda isaa ifa hin kennu.

6 Ifni dunkaana isaa keessaa ni dukkanaaʼa;

ibsaan isa bira jirus ni dhaama.

7 Jabinni tarkaanfii isaa ni dadhaba;

malli isaas isuma kuffisa.

8 Miilli isaa kiyyoo keessa isa buusa;

inni boolla kiyyeeffame irra ni joora.

9 Kiyyoon kottee isaa qaba;

futtaasaanis jabeessee isa qaba.

10 Lafa irra funyoon isaaf dhokfameera;

karaa isaa irras kiyyoon kaaʼameera.

11 Naasuun karaa hundaan isa sodaachisa;

faana isaa buʼees isa ariʼa.

12 Badiisni afaan itti banateera;

balaanis qophaaʼee jiguu isaa eeggata.

13 Gogaan isaa dhukkubaan nyaatamee dhuma;

ilmi duʼaa hangaftichi harkaa fi miilla isaa nyaata.

14 Inni dunkaana abdate keessaa buqqifamee

gara mootii sodaatti geeffama.

15 Waan kan isaa hin taʼinis dunkaana isaa keessa jiraata;

dinyiin bobaʼus iddoo inni jiraatu irra faffacaʼa.

16 Jalaan hiddi isaa ni goga;

irraan immoo dameen isaa ni coollaga.

17 Yaadannoon isaa lafa irraa ni bada;

maqaan isaas lafa irraa ni dhabama.

18 Inni ifa keessaa gara dukkanaatti darbatama;

addunyaa irraas ni dhabama.

19 Inni saba isaa gidduutti ijoollee yookaan sanyii,

biyya duraan jiraate keessatti hambaa hin qabaatu.

20 Namoonni dhiʼaa waaʼee isaa dhagaʼanii rifatu;

warri baʼaas sodaadhaan guutamu.

21 Iddoon jireenya nama hamaa, dhugumaan akkana taʼa;

iddoon nama Allaah hin beeknees kanuma taʼa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-