Publicidade

Jó 31

1 "Ani ija koo wajjin kakuu galeera;

yoos ani akkamiin hawwiidhaan gara durbaa ilaala ree?

2 Carraan namni Allaah shamaayʼun biraa qabu,

dhaalli inni Allaah Waan Hunda Dandaʼu irraa argatu maali?

3 Hamootaaf badiisa,

warra jalʼina hojjetaniif immoo dhaʼicha mitii?

4 Inni karaa koo hin arguu?

Tarkaanfii koo hundas hin lakkaaʼuu?

5 "Yoo ani karaa sobaa irra deemee

yookaan miilli koo gara gowwoomsaatti ariifatee jiraate,

6 Allaahan madaalii dhugaatiin na haa madaalu;

akka ani hirʼina hin qabne illee haa beeku;

7 yoo tarkaanfiin koo karaa irraa goree,

garaan koo waan iji koo argu duukaa buʼee jiraate

yookaan yoo harki koo xuraaʼee jiraate,

8 waan ani facaafadhe namni biraa haa nyaatu;

midhaan koos haa buqqifamu.

9 "Yoo garaan koo dubartiidhaan gowwoomfamee jiraate,

yookaan yoo ani balbala ollaa koo jalatti riphee eeggadhe,

10 niitiin koo midhaan nama biraa haa daaktu;

namoonni biraas ishee wajjin haa ciisan.

11 Kun hammina;

kan abbaa murtiitiinis adabamuu qabuu dha.

12 Kun ibidda hamma Barbadeessutti waa gubuu dha;

midhaan ani qabu hundas gubee balleessa ture.

13 "Yoo ani yeroo isaan na himatanitti,

tajaajiltoota koo dhiiraa fi dubartii

murtii qajeelaa dhowwadhee jiraadhe,

14 yeroo Allaahan kaʼutti ani maalan godha?

Yoo inni na gaafates ani maalan deebisa?

15 Isuma gadameessa keessatti na uume sanatu isaan uume mitii?

Kan hunda keenya gadameessa keessatti tolches isuma mitii?

16 "Yoo ani waan hiyyeessaaf barbaachisu dhowwadhee jiraadhe,

yookaan yoo ani akka iji haadha hiyyeessaa dadhabu godhee jiraadhe,

17 yoo ani buddeena koo utuu ilma abbaa hin qabneef hin qoodin

kophaa koo nyaadhee jiraadhe,

18 ani garuu dargaggummaa kootii jalqabee akkuma abbaattin isa guddise;

dhaloota kootii jalqabees haadha hiyyeessaa karaa argisiise.

19 Ani yoon utuu namni tokko wayyaa dhabee akka malee miidhamuu,

yookaan rakkataa uffata of irraa hin qabne tokko argee

20 sababii ani rifeensa hoolota kootiin isa hoʼiseef,

yoo garaan isaa na hin eebbisin,

21 yoo ani mana murtiitti fudhatama qaba jedhee

ijoollee abbaa hin qabnetti harka koo ol kaasee jiraadhe,

22 irreen koo gatiittii koo irraa haa buqqaʼu;

irreen koo buusaa isaatti haa cabu.

23 Ani sababiin dhaʼicha Allaaha sodaadhee fi

sababiin surraa isaa kabajeef waan akkanaa hojjechuu hin dandeenye.

24 "Yoo ani warqee abdadhee yookaan warqee qulqulluudhaan,

‘Ati irkoo koo ti’ jedhee jiraadhe,

25 yoo ani qabeenya koo guddaatti,

milkaaʼina harki koo argatetti gammadee jiraadhe,

26 yoo ani aduu iftu argee

yookaan jiʼa miidhaginaan deemu ilaalee kabajee,

27 akkasiinis garaan koo dhoksaan gowwoomfamee

afaan koo harka koo dhungatee jiraate,

28 wanni kun cubbuu adabamuu qabuu dha;

ani Allaah shamaayʼuniitiif hin amanamne tureetii.

29 "Yoo ani badiisa diina kootiitti gammadee

yookaan rakkina isa irra gaʼeef ililchee jiraadhe,

30 ani jireenya isaa abaaruudhaan

akka afaan koo cubbuu hojjetu hin eeyyamne.

31 Yoo namoonni mana koo jiraatan,

takkumaa, ‘Eenyutu buddeena mana Ayyuub nyaatee hin quufin?’ hin jedhin,

32 sababii manni koo karaa deemtuuf banaa tureef,

keessummaan kam iyyuu ala hin bulu ture.

33 Yoo ani akkuma namoonni godhan sana balleessaa koo garaatti qabadhee

cubbuu koos dhokfadhee jiraadhe,

34 ani waldaa guddaa sodaadhee

yookaan tuffiin gosaa na naasisee,

calʼisee gad baʼuu dhiiseeraa?

35 "Maaloo ani utuu nama na dhagaʼu argadhee!

Ani mallattoo falmii koo nan mallatteessa;

Allaahan Waan Hunda Dandaʼu deebii naaf haa kennu;

himataan koo dubbii isaa barreeffamaan haa dhiʼeeffatu.

36 Dhugumaan ani gatiittii koo irratti waan kana nan baadha;

akka gonfoottis mataa irra nan kaaʼadhan ture.

37 Tokkoo tokkoo tarkaanfii koo isatti nan hima;

akkuma ilma mootiittis isatti nan dhiʼaadhan ture.

38 "Yoo lafti koo natti iyyitee

boʼoon ishee hundinuu imimmaaniin jiidhe,

39 yoo ani kaffaltii malee midhaan ishee nyaadhe,

yookaan akka hojjettoonni isaa lubbuu isaanii dhaban godhee jiraadhe,

40 qooda qamadii qoraattiin,

qooda garbuus aramaan itti haa biqilu."

Dubbiin Ayyuub xumurame.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-