Publicidade

Jó 35

1 Eliihuunis itti fufee akkana jedhe:

2 "Ati waan kana qajeelaa seetaa?

Ati, ‘Ani fuula Allaaha duratti qajeelaa dha’ jetta.

3 Ati, ‘Wanni kun faayidaa maalii naa qaba?

Ani cubbuu hojjechuu dhiisuudhaan maalin argadha?’ jettee gaafatta.

4 "Ani siʼii fi michoota kee kanneen si wajjin jiraniif

deebii kennuu nan barbaada.

5 Ol jedhiitii shamaayʼuniiwwan ilaali;

duumessoota siin ol jiranis argi.

6 Ati yoo cubbuu hojjette maal isa miita?

Cubbuun kees yoo baayʼate maal isa godha?

7 Ati yoo qajeelaa taate, maal isaaf kennita?

Yookaan inni harka kee irraa maal argata?

8 Hamminni kee nama akka keetii qofa miidha;

qajeelummaan kees ilmaan namaa qofa fayyada.

9 "Waan cunqursaan itti hammaatteef namoonni ni iyyu;

irree humna qabeessaa jalaa baʼuufis gargaarsaaf wawwaatu.

10 Garuu namni tokko iyyuu akkana hin jedhu;

‘Allaahan Uumaan koo, inni halkaniin faarfannaa namaa kennu,

11 kan bineensota lafa irraa caalaa beektota,

simbirroo shamaayʼun caalaas ogeeyyii nu godhu eessa jira?’

12 Inni sababii of tuulummaa jalʼootaatiif

yommuu namoonni iyyanitti deebii hin kennu.

13 Dhugumaan Allaahan iyya isaanii kan gatii hin qabne sana hin dhaggeeffatu;

Allaahan Waan Hunda Dandaʼu iyya sanaaf gurra hin kennu.

14 Yoo ati, ‘Dubbiin koo fuula isaa dura jira;

ani isa eeggachaan jira;

garuu isa arguu hin dandaʼu’ jette,

inni hammam kanaa gad iyyuu xinneessee haa dhagaʼu ree!

15 Amma illee sababii dheekkamsi isaa nama hin adabneef,

sababii inni balleessaa namaa akka waan guddaa tokkootti hin fudhanneef,

16 Ayyuub oduu faayidaa hin qabneen afaan bana;

beekumsa malees dubbii baayʼisa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-