1 Bildaad Shuhaahichi akkana jedhee deebise:
2 "Ati hamma yoomiitti waan akkasii dubbatta?
Dubbiin kee bubbee jabaa dha.
3 Allaahan murtii qajeelaa jalʼisaa ree?
Allaahan Waan Hunda Dandaʼu waan qajeelaa jalʼisaa?
4 Yommuu ijoolleen kee cubbuu isatti hojjetanitti,
inni adabbii cubbuu isaaniitti dabarsee isaan kenne.
5 Ati garuu yoo Allaah barbaadatte,
Allaah Waan Hunda Dandaʼu yoo waammatte,
6 yoo ati qulqulluu fi qajeelaa taate,
inni waaʼee keetiif ammuma kaʼa;
jireenya qajeelummaa kees siif deebisa.
7 Jalqabni kee xinnaa taʼu illee,
dhumni kee baayʼee guddaa taʼa.
8 "Dhaloota darbe gaafadhu;
waan abbootiin isaanii qoratanii bira gaʼanis hubadhu;
9 nu waan kaleessa dhalanneef waa tokko illee hin beeknuutii;
baroonni keenyas lafa irratti akkuma gaaddidduu ti.
10 Isaan si hin barsiisanii? Sittis hin himanii?
Dubbii garaa isaanii keessa jirus hin dubbatanii?
11 Dhallaadduun lafa caffee hin taʼinitti guddataa?
Shambaqqoonis bishaan malee lalisaa?
12 Isaan utuma guddachaa jiranuu, utuu hin muramin,
biqiltuuwwan kaan dura dafanii gogu.
13 Dhumni warra Allaah irraanfataniis akkasuma taʼa;
abdiin warra Allaah hin beeknees ni bada.
14 Abdiin isaa akkuma salphaatti cita;
ofitti amanachuun isaas manʼee sariitii ti.
15 Inni manʼee isaatti irkata; manʼeen sun garuu hin dhaabatu;
itti maxxanas; manʼeen sun garuu dandaʼee isa hin baatu.
16 Inni akka biqiltuu aduu keessatti bishaan obaafamee lalisuutti,
dameewwan isaa lafa biqiltuu irra diriirfatuu ti.
17 Hidda isaa tuullaa dhagaatti marata;
kattaa gidduus iddoo jiraatu ni barbaaddata.
18 Yommuu inni iddoo isaatii badutti garuu,
iddoon sun, ‘Ani si argee hin beeku’ jedhee isa gana.
19 Kunis dhuma jireenya isaa ti;
biqiltuuwwan biraas lafaa ni biqilu.
20 "Allaahan nama hirʼina hin qabne hin gatu;
yookaan harka jalʼootaa hin jabeessu.
21 Inni afaan kee kolfaan,
arraba kee immoo ililleedhaan ni guuta.
22 Warri si jibban salphina uffatu.
Dunkaanni jalʼootaas siʼachi hin jiraatu."