Publicidade

Irrepreensível

Por Bíblia Online

Ser irrepreensível não é ser perfeito — é viver com integridade diante de Deus e dos homens. A Bíblia nos chama a buscar uma vida reta, pura e sem manchas visíveis de hipocrisia.

O padrão divino

Deus é perfeito e chama seus filhos à integridade. A palavra de Deus é purificada e Ele é escudo dos que caminham na retidão.

"Allaah kana, karaan isaa mudaa hin qabu;

dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu.

Warra isatti kooluu galan hundaaf inni gaachana taʼa.

Allaah kana karaan isaa mudaa hin qabu;

dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;

warra isatti kooluu galan hundaaf Rabbii Allaahan gaachana taʼa.

Warri jireenyi isaanii mudaa hin qabne,

kanneen akka seera Rabbii Allaahatti jiraattan eebbifamoo dha.

Nama adeemsi isaa mudaa hin qabnee fi

nama waan qajeelaa hojjetu,

nama garaa isaatii dhugaa dubbatuu fi

kan arraba isaatiin nama hin hamanne,

nama ollaa isaatti waan hamaa hin hojjennee fi

nama ollaa isaa maqaa hin balleessine,

Inni qajeeltotaaf ogummaa dhugaa kuusa;

warra adeemsi isaanii mudaa hin qabneef gaachana;

Buscar a perfeição em Cristo

Todos tropeçamos em muitas coisas, mas o alvo é a maturidade. Cristo é a fonte da salvação eterna para todos os que lhe obedecem.

Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.

Amantaan Allaah Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.

erga kan mudaa hin qabne taasifamee immoo warra isaaf ajajaman hundaaf burqaa fayyina bara baraa taʼe.

Iisaanis, "Ati yoo nama hirʼina hin qabne taʼuu barbaadde, dhaqiitii waan qabdu gurgurii hiyyeeyyiif kenni; shamaayʼun keessatti badhaadhummaa ni qabaattaa. Ergasii kottuu na duukaa buʼi" jedhee deebiseef.

Vida íntegra

Que a vossa alegria seja completa! Vivam em harmonia, sejam irrepreensíveis — transformados pela renovação da mente.

Akka gammachuun koo isin keessa jiraatuu fi akka gammachuun keessanis guutuu taʼuuf ani waan kana isinitti himeera.

Isin hamma ammaatti maqaa kootiin homaa hin kadhanne. Akka gammachuun keessan guutuu taʼuuf kadhadhaa ni argattu.

Fedhiin Allaaha gaariin, gammachiisaanii fi kan mudaa hin qabne maal akka taʼe qorattanii akka mirkaneessuu dandeessaniif haaromfamuu qalbii keessaniitiin geeddaramaa malee addunyaa kana hin fakkaatinaa.

Gargar Baʼuu Waldaa Kiristaanaa

Yaa obboloota, ani akka isin gidduu gargar baʼuun hin jiraannee fi akka qalbii fi yaada tokko qabaattanii hundi keessan walii galtaniif maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin isin kadhadha.

Kana hundumaa irrattis jaalala waan hundumaa tokkummaa hirʼina hin qabneen walitti hidhu qabaadhaa.

Gad Of qabuu Al-Masiihii Duukaa Buʼuu

Kanaafuu gorsa Al-Masiihiin qabdan kam iyyuu taanaan, jaalalaan wal jajjabeessuu kam iyyuu taanaan, tokkummaa Hafuuraa kam iyyuu taanaan, araaraa fi gara laafina kam iyyuu taanaan, gammachuu koo naa guutaa; yaadaan tokko taʼaa; jaalala tokko qabaadhaa; hafuuraa fi kaayyoon tokko taʼaa. Isin gad of qabuudhaan akka waan warri kaan isin caalaniitti ilaalaa malee fedhii ofittummaatiin yookaan of tuulummaatiin waanuma tokko illee hin hojjetinaa. Tokkoon tokkoon keessan waan warra kaaniifis taʼu malee waan isin qofaaf taʼu hin ilaalinaa.

Yaadni Al-Masiihi Iisaa keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

Inni utuma bifa Allaahatiin jiruu,

wal qixxummaa Allaah wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;

qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee

fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.

Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,

gad of deebise;

duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

Kanaafuu Allaahan akka malee ol isa qabe;

maqaa maqaa hunda caalus isaaf kenne.

Kunis akka jilbi hundinuu shamaayʼunii fi lafa irratti,

lafa jalattis, maqaa Iisaaf jilbeenfatuuf.

Akka arrabni hundinuus ulfina Allaah Abbaatiif jedhee

Iisaa Al-Masiihiin Gooftaa taʼuu isaa dhugaa baʼuuf.

Waan Hunda Guungummii Malee Hojjechuu

Kanaafuu yaa jaallatamoo, akkuma yeroo hunda ajajamtan sana, yeroo ani isin bira jiru qofa utuu hin taʼin amma yeroo ani isin bira hin jirretti caalchisaatii sodaa fi hollannaan fayyina keessan fiixaan baasuuf itti fufaa; akkuma kaayyoo isaa gaarii sanaatti fedhuu fi hojjechuu isin keessatti kan raawwatu Allaahatii.

Waan hunda guungummii fi falmii malee hojjedhaa; kunis akka isin dhaloota micciiramaa fi jalʼaa kana gidduutti akkuma ifaa addunyaa keessatti ibsitaniif, akka warra mudaa hin qabnee fi qulqullaaʼoo, ijoollee Allaaha warra yakka hin qabnes taataniif, yoo isin dubbii jireenyaa jabeessitanii qabattan ani akkasumaan akka hin fiigin yookaan akkasumaan akka hin dadhabin guyyaa Al-Masiihiitti of jajuu nan dandaʼa. Ani utuu aarsaa fi tajaajila amantii keessanii irratti akka dhibaayyuutti dhangalaafamee iyyuu nan gammada; hunda keessan wajjinis nan gammada. Kanaafuu isinis na wajjin gammaduu fi ililchuu qabdu.

Xiimotewosii fi Afroodiixuu

Ani oduu waaʼee keessanii dhagaʼee gammaduuf, akka ani dafee Xiimotewosin gara keessanitti erguu dandaʼu Gooftaa Iisaa nan abdadha. Ani nama biraa kan akka isaa waaʼee keessan garaa qulqulluun yaadu tokko illee hin qabu. Sababiin isaas warri kaan hundi utuu fedhii Iisaa Al-Masiihiif hin taʼin fedhii mataa isaaniitiif yaaduutii. Xiimotewos garuu akkuma ilmi abbaa isaa tajaajilutti hojii injiilaa keessatti na wajjin tajaajiluu isaa akka of mirkaneesse isinuu beektu. Kanaaf ani akkuma haala koo hubadheen isa erguuf nan abdadha. Ani mataan koo iyyuu dafee dhufuuf Gooftaa nan amanadha.

Ani garuu obboleessa koo Ephafroodiixuu hojjetaa hidhata koo taʼee fi loltuu hidhata koo taʼe, ergamaa keessan kan isin akka inni waan na barbaachisuun na tajaajiluuf ergitan sana deebisee gara keessan erguun barbaachisaa natti fakkaata. Inni hunda keessan yaadaatii; isin akka inni dhukkubsatee ture waan dhageessaniifis dhiphachaa jira. Inni dhugumaan dhukkubsatee duʼuu gaʼee ture. Allaahan garuu isa maareera; utuu isa qofa hin taʼin akka gaddi gadda irratti natti hin dabalamneef anas baraareera. Kanaafuu isin akka yommuu lammata isa argitanitti gammaddanii fi akka yaaddoon koos naa salphatuuf dafee gara keessanitti isa erguu guddaa nan hawwa. Isinis Gooftaadhaan gammachuu guddaan isa simadhaa; namoota akkasiis kabajaa; inni gargaarsa isin naa kennuu hin dandaʼin naa kennuuf, jireenya isaa illee dabarsee kennuun, hojii Al-Masiihiif jedhee duʼuu iyyuu gaʼee tureetii.

Akka namni tokko iyyuu waan hamaaf deebii hamaa hin deebifne of eeggadhaa; qooda kanaa yeroo hunda waliif, nama hundaafis waan gaarii gochuuf carraaqaa.

Inni garuu karaa ani baʼu ni beeka;

yommuu inni na qoruttis ani akka warqee taʼee nan mulʼadha.

Miilli koo tarkaanfii isaatti dhiʼaatee duukaa buʼeera;

ani utuun irraa hin gorin karaa isaa eegeera.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-