Jesus me ama
Jesus me ama — essa certeza transforma vidas. O amor de Cristo não depende do nosso merecimento, mas da sua natureza. Ele nos amou primeiro, e nada pode nos separar desse amor.
Ele me amou primeiro
Nós amamos porque Ele nos amou primeiro. O amor de Deus se manifestou em nos enviar seu Filho como propiciação pelos nossos pecados.
Waan Waaqi dursee nu jaalateef nuutille hin jaalanna.
Jaalala jechuun kana: nuuti Waaqa hin jaalanne, inni ammoo nu jaalatee, Ilma ifii cubbuu teennaaf woreega guma’aa akka te’uuf erge.
Ijoollee Waaqaa
Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala’a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu’uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
Nami isatti dhugeeffatu maraa jiruu bara baraa akka qabaatu malee akka hin banneef, Waaqi biyya lafaa guddoo waan jaalatuuf Ilma ifii tokkochuma san kenne.
Ammoo adoo nuuti cubbaaleyyi’iituu Kiristoos addee teenna du’eera; kunille jaalalli Waaqi nu’uuf qabu attam attam guddaa akka te’e mudhisa.
Amor inseparável
Nem a morte, nem a vida, nem qualquer outra criatura poderá nos separar do amor de Deus em Cristo Jesus nosso Senhor.
Du’alle te’ee jiruun, ergantoota Waaqaalle te’ee bulchitooti ol-gubba’aa, wonna amma jirulle te’ee wonni dhufu’uuf jiru, hunnootalle yoo te’e, wonna gubbaa jirulle te’ee wonni gad jala jiru, wonna dada mara keessa jirulle yoo te’e, jaalala Waaqi Goottaa keenna Kiristoos Yesuusiin nu jaalate irraa dande’ee gargar akka nu hin baanne mirkaneeffadheera.
Eentu jaalala Kiristoosii irraa gargar nu baasa ree? Rakko’oo moo farra? Miidha’a moo beela? Daara moo bala’a? Yookiin du’aa ree? Tun tama Barreeffam Woyyichi,
«Si’iif jennee guyyuma guyya’aan ijjeefanna;
akka hoolee qalantuutitti laakkowanneerra» jedhu.
Garuu womaa moti; waan kana mara keessatti karaa ka nu jaalateetiin injifattoota caalleerra.
Yesuus Kiristoosii dhugaa-bayaa addatamaa, ka worra du’e keessaa angafa te’ee kaafamee fi bulchaa mootota lafa tanaa te’e biralle’ee isiniif te’u jedha.
Ka nu jaalatee cubbuu teenna jalaa dhiiga ifiitiin bilisa nu baasee, Waaqa Abbaa isaa akka tajaajilluuf mootumma’aa fi hayyoota ka nu godheef, ulfinnii fi hunni bara baraa, haga bara baraa teetu! Ameen.
Ifa Keessa Jiraachuu
Isin jaalatantoota ijoollee Waaqaa eega teetanee, fakkeenna isaa gula deema’a. Akkuma Kiristoos nu jaalatee, akka kennansa uddowa’aa fi woreega Waaqa gammachiisuu, jiruu ifii akkuma nu’uuf kenne, isinille jaalalaan jiraadha’a.
Celebrar o amor de Jesus
O amor de Jesus é motivo de cântico e louvor. De manhã cantarei teu amor e à noite proclamarei tua misericórdia.
Ee Waaqa, ati gollaa kiyya,
Waaqa na jaalatu,
ee jabeenna kiyya,
faaruu leellisaa sii dhikeessa.
Mootiin Waan Maraa
mararti’ii fi araaraan ka guutame,
ka aari’iif hin ariifannee fi ka jaalala guddaa qabu.
Inni yennaa mara yakkaa teenna hin laakkowu;
haga bara baraa aari’iin hin turu.
Inni akka cubbuu teennaatitti nu irratti hin huju;
akka yakkaa teennaatitti gatii nu’uuf hin kaffalle.
Akkuma ol-gubbaan lafa irraa ol fagaattu,
worra isa sodaatuuf jaalalli isaa ka bara baraa
akka malee gudda’a.
Akkuma garri aduun baatu
gara aduun seentu irraa fagaatu,
inni cubbuu teenna nu irraa fageessa.
Nami tokko jiruu ifii jaalota ifiitiif dabarsee kenniisa irra caalaa, jaalala caalu hin qabu.
Isin badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin beettan; inni dureessa adoo te’eeruu, hiyyummaa isaatiin akka isin dureeyyii teetanuuf isinii jedhee hiyyeessa ifi godhe.