Pular para o conteúdo
Publicidade

Jesus me ama

Por Bíblia Online

Jesus me ama — essa certeza transforma vidas. O amor de Cristo não depende do nosso merecimento, mas da sua natureza. Ele nos amou primeiro, e nada pode nos separar desse amor.

Ele me amou primeiro

Nós amamos porque Ele nos amou primeiro. O amor de Deus se manifestou em nos enviar seu Filho como propiciação pelos nossos pecados.

Nu sababii inni duraan dursee nu jaallateef isa jaallanna.

Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Nu akka ijoollee Waaqaa jedhamnee waamamnuuf jaalalli Abbaan nurratti dhangalaase akkam guddaa dha! Nus akkasuma ijoollee isaa ti! Addunyaan waan isa hin beekiniif nu hin beeku.

Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Garuu utuma nu cubbamoota taanee jirruu Kiristoos nuuf jedhee duʼe; kunis jaalala Waaqni nuuf qabu argisiisa.

Amor inseparável

Nem a morte, nem a vida, nem qualquer outra criatura poderá nos separar do amor de Deus em Cristo Jesus nosso Senhor.

Duuti yookaan jireenyi, ergamoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Waaqaa kan Kiristoos Yesuus Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.

Jaalala Kiristoos irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? Kunis akkuma,

"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;

akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"

jedhamee barreeffamee dha. Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.

akkasumas Yesuus Kiristoos dhuga baatuu amanamaa, hangafa warra duʼaniitii fi bulchaa mootota lafaa taʼe sana irraa ayyaannii fi nagaan isiniif haa taʼu.

Isa nu jaallatuu fi isa dhiiga isaatiin cubbuu keenya irraa bilisa nu baase, isa akka nu Waaqa isaatii fi Abbaa isaa tajaajilluuf mootummaa fi luboota nu taasise sanaaf ulfinnii fi humni bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu! Ameen.

Kanaaf akkuma ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqaa duukaa buʼaa; akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.

Celebrar o amor de Jesus

O amor de Jesus é motivo de cântico e louvor. De manhã cantarei teu amor e à noite proclamarei tua misericórdia.

Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;

yaa Waaqi, ati daʼoo koo ti;

ati Waaqa ani abdadhuu dha.

Waaqayyo gara laafessaa fi arjaa dha;

inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.

Inni yeroo hunda hin dheekkamu;

aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;

inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;

yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.

Akkuma samiiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,

jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;

akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,

akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.

Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.

Isin ayyaana Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos ni beektuutii; inni utuu sooressa taʼee jiruu akka isin hiyyummaa isaatiin sooromtaniif isiniif jedhee hiyyoome.

Seja o primeiro