Publicidade

Jesus Cristo

Por Bíblia Online

Jesus Cristo é o centro de toda a Escritura — Deus encarnado, Salvador do mundo, Senhor dos senhores. Nele habita corporalmente toda a plenitude da divindade.

A divindade de Cristo

No princípio era o Verbo, e o Verbo estava com Deus, e o Verbo era Deus. Jesus é Deus revelado em carne humana.

Dubbiin Foon Taʼuu Isaa

Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture.

Dubbiin Foon Taʼuu Isaa

Jalqabatti dubbiitu ture; dubbichis Waaqa wajjin ture; dubbiin sunis Waaqa ture. Innis jalqabatti Waaqa wajjin ture. Wanni hundinuu isaan taʼe; waan taʼe hunda keessaas wanni isa malee taʼe tokko iyyuu hin jiru.

Dubbiin foon taʼee nu gidduu jiraate. Nus ulfina isaa, ulfina Ilma Tokkicha ayyaanaa fi dhugaadhaan guutamee Abbaa biraa dhufe sanaa argineerra.

Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii;

Guutummaan Waaqummaa hundinuu fooniin Kiristoos keessa jiraataatii; isinis Kiristoos isa humnaa fi taayitaa hunda irratti mataa taʼe sanaan guutamtaniirtu.

Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,

wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;

qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee

fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.

Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.

Jesus, o Filho de Deus

Tu és o Cristo, o Filho do Deus vivo! Jesus revelou o Pai e demonstrou sua autoridade divina por palavras e obras.

Innis, "Isin hoo? Eenyu anaan jettu?" jedhee gaafate.

Simoon Phexrosis, "Ati Kiristoos, Ilma Waaqa jiraataa ti" jedhee deebise.

Yesuus immoo akkana jedhee deebiseef; "Yaa Simoon ilma Yoonaa, ati eebbifamaa dha; kana abbaa koo isa samii irraatu siif ibse malee nama miti.

Innis, "Kunoo, durbi tokko ni ulfoofti; ilma ni deessi; maqaa isaas Amaanuʼel jedhu" jedha. Amaanuʼel jechuunis, "Waaqni nu wajjin jira" jechuu dha.

Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, "Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!" jedhan.

Yesuus garuu inuma calʼise malee deebii tokko illee hin kennine.

Lubichi ol aanaan ammas, "Kiristoos Ilmi isa Eebbifamaa Sanaa sii?" jedhee isa gaafate.

Yesuusis, "Eeyyee ana; isin utuu Ilmi Namaa karaa mirga Humna Qabeessa sanaatiin taaʼee, duumessa samiitiin dhufuu ni argitu" jedhe.

Innis akkana isaaniin jedhe; "Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.

Cuuphamuu Yesuus

Yeroo namoonni hundinuu cuuphamaa turanitti, Yesuusis ni cuuphame. Utuu inni kadhachaa jiruu samiin banamee, Hafuurri Qulqulluun bifa gugeetiin mulʼatee isa irratti gad buʼe. Sagaleen, "Ati Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; ani sitti nan gammada" jedhu tokkos samii irraa ni dhufe.

Eu Sou

Jesus disse: antes que Abraão existisse, Eu Sou. Ele se identificou com o nome divino revelado a Moisés na sarça ardente.

Yesuusis, "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; utuu Abrahaam hin dhalatin iyyuu ani anuma" isaaniin jedhe.

Museen immoo Waaqaan, "Kunoo ani gara Israaʼelootaa dhaqee, Waaqni abbaa keessanii na ergeerayommun jedhutti yoo isaan, Maqaan isaa eenyu?jedhanii na gaafatan, ani maal jedheen isaanitti hima?" jedhe.

Waaqnis Museedhaan, "ANI ANUMA; ati saba Israaʼeliin, Inni ANI ANUMA jedhu sun gara keessanitti na ergeerajedhi" jedheen.

Anii fi Abbaan tokkuma."

Yesuus garuu, "Abbaan koo hamma ammaatti hojjechaa jira; anis hojjechaan jira" isaaniin jedhe. Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.

Sababii kanaaf Yihuudoonni ittuma caalchisanii isa ajjeesuu barbaadan; inni Waaqaan of qixxeessuudhaan Waaqa iyyuu Abbaa ofii isaa godhee waamaa ture malee Sanbata qofa hin cabsine.

Akkuma Abbaan warra duʼan duʼaa kaasee jireenya kennuuf sana, Ilmis akkasuma abbaa fedheef jireenya ni kenna. Abbaan eenyutti illee hin muru; murtii hunda garuu Ilmatti kenneera; kunis akka namni hundi akkuma Abbaaf ulfina kennutti Ilmaafis ulfina kennuuf. Namni Ilmaaf ulfina hin kennine, Abbaa isa Ilma ergeefis ulfina hin kennu.

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; yeroon warri duʼan itti sagalee Ilma Waaqaa dhagaʼan tokko ni dhufa; ammuma iyyuu dhufeera; warri dhagaʼanis ni jiraatu.

O Salvador e Senhor

Jesus é o caminho, a verdade e a vida. Não há outro nome dado entre os homens pelo qual devamos ser salvos.

Yesuusis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.

Yesuusis akkana isaan jedhe; "Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, Abbaa nutti argisiisijechuu dandeessa ree? Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.

Yesuus immoo akkana isheedhaan jedhe; "Duʼaa kaʼuu fi jireenyi ana. Namni natti amanu yoo duʼe iyyuu ni jiraata;

Yesuus immoo, "Ati yoo amante akka ulfina Waaqaa argitu ani sitti hin himnee?" jedheen.

Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan samii gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii."

Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, "Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?" jedheen. [Fiiliphoosis, "Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa" jedheen. Namichis deebisee, "Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana" jedhe.] Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.

A supremacia de Cristo

Ele é o resplendor da glória de Deus e a expressão exata do seu ser. Toda a plenitude habita nele e por Ele tudo subsiste.

Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe. Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.

Yesuus Luba Ol Aanaa Guddicha

Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.

kottaa Yesuus isa jalqabaa fi fiixaan baasaa amantii keenyaa taʼe sana irra ija keenya kaaʼannaa. Innis gammachuu fuula isaa dura jiruuf jedhee qaanii fannoo tuffachuun fannoo obsee mirga teessoo Waaqaa taaʼe.

Kanaafuu inni Waaqa tajaajiluu keessatti akka luba ol aanaa araara qabeessaa fi amanamaa taʼuuf, akka cubbuu namootaatiif araara buusuuf waan hundaan obboloota isaa fakkaachuutu isa irra ture.

Dhugumaan inni dhukkuba keenya fudhate;

gadda keenyas baate;

nu garuu akka waan Waaqni isa dhaʼeetti,

akka waan inni rukutee isa miidheetti isa hedne.

Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;

balleessaa keenyaafis caccabsame;

nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;

madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.

Mucaan nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

mootummaan gatiittii isaa irra jiraata.

Innis Gorsaa Dinqisiisaa, Waaqa Jabaa,

Abbaa Bara baraa, Mootii Nagaa

jedhamee ni waamama.

Confessar a Cristo

Todo aquele que confessa que Jesus é o Filho de Deus, Deus permanece nele e ele em Deus. A fé em Cristo é a vitória.

Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.

Yoo namni kam iyyuu Yesuus Ilma Waaqaa akka taʼe dhugaa baʼe, Waaqni isa keessa jiraata; innis Waaqa keessa jiraata.

Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera. Jaalalli isa kana: Kunis nu Waaqa jaallannee miti; garuu Waaqatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.

Waaqni akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Waaqaa nu gidduutti mulʼateera.

Namni cubbuu hojjetu kan diiyaabiloos; diiyaabiloos jalqabumaa kaasee cubbuu hojjetaatii. Ilmi Waaqaa hojii diiyaabiloos diiguudhaaf mulʼateetii.

Yesuus Ilma Waaqaa taʼuu isaa nama amanu malee eenyutu addunyaa moʼata?

Dhuga baʼumsi sunis isa kana: Waaqni jireenya bara baraa nuu kenneera; jireenyi sunis Ilma isaa keessa jira. Namni Ilma sana qabu jireenya qaba; namni Ilma Waaqaa hin qabne immoo jireenya hin qabu.

kunis yoo ati, "Yesuus Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Waaqni warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.

Viver em Cristo

Já não sou eu quem vive, mas Cristo vive em mim. Ele supre toda necessidade, dá paz e reina como Senhor.

Ani Kiristoos wajjin fannifameera; siʼachi Kiristoositu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Waaqaa isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha.

Waaqni koos akkuma badhaadhummaa isaa ulfina qabeessa sanaatti waan isin barbaachisu hunda Kiristoos Yesuusiin isiniif guuta.

Nagaan Kiristoos kan isin akkuma kutaa dhagna tokkootti itti waamamtan sun garaa keessan keessatti haa moʼu. Warra galateeffattanis taʼaa.

Nu hojii harka isaatii; hojii gaarii Waaqni duraan dursee akka nu hojjennuuf qopheesse sana akka hojjennuufis karaa Kiristoos Yesuusiin uumamne.

akkuma Kiristoos nu jaallatee nuufis jedhee akka aarsaa fi qalma urgaaʼuutti Waaqaaf of kenne sana isinis jaalalaan deddeebiʼaa.

Akkuma dhagni keenya kutaa baayʼee qabu, akkuma kutaawwan kunneenis hojii wal fakkaatu hin qabaatin sana akkasuma immoo nu warri baayʼee taane Kiristoosiin dhagna tokkoo dha; tokkoon tokkoon kutaa dhagnaa kan walii isaanii ti.

Waaqa karaa Gooftaa keenya Yesuus Kiristoosiin moʼicha nuu kennuuf garuu galanni haa taʼu!

Garuu garaa keessan keessatti Kiristoos Gooftichaaf ulfina guddaa kennaa. Nama sababii abdii isin qabdan sanaa isin gaafatu kamiif iyyuu deebii kennuuf yeroo hunda qophaaʼaa. Waan kana immoo garraamummaa fi sodaan godhaa;

Waaqni tokkicha; Waaqaa fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Kiristoos Yesuus isa nama taʼee dha;

O Rei eterno

O Rei dos reis voltará em glória e majestade. Todo joelho se dobrará e toda língua confessará que Jesus Cristo é o Senhor.

Loltuun Samii Bineensicha Moʼachuu Isaa

Anis samii baname nan arge; kunoo, farda adii tokkotu ture; inni farda sana yaabbatus Amanamaa fi Dhugaa jedhama. Innis qajeelummaadhaan murteessa; waraana kaasas. Iji isaa akka arraba ibiddaa ti; mataa isaa irras gonfoo baayʼeetu jira. Innis maqaa isa irratti barreeffame kan isa malee namni tokko iyyuu hin beekne tokko qaba. Innis uffata dhiiga keessa cuuphame tokko uffata; maqaan isaas Dubbii Waaqaa jedhama. Loltoonni samii irraas uffata haphii quncee talbaa irraa hojjetame adaadii fi qulqulluu uffatanii, fardeen adaadii yaabbatanii isa duukaa buʼan. Afaan isaa keessaas goraadee qaramaa inni ittiin saboota dhaʼu tokkotu baʼa; "Innis bokkuu sibiilaatiin isaan bulcha." Iddoo cuunfaa wayinii dheekkamsa sodaachisaa Waaqa Waan Hunda Dandaʼu sanaas ni dhidhiita. Innis uffata isaatii fi gudeeda isaa irratti maqaa barreeffame tokko qaba; maqaan sunis akkana jedha:

Mootii Moototaa fi Gooftaa Gooftotaa.

Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.

Innis Toomaasiin, "Quba kee as fidi; harka koo ilaali. Harka kee diriirfadhuutii cinaacha koo keessa kaaʼi. Amani malee amantii hin dhabin" jedhe.

Toomaas immoo, "Gooftaa koo! Waaqa koo!" jedheen.

Yesuus barattoota isaa duratti mallattoowwan biraa kanneen kitaaba kana keessatti hin barreeffamin hedduu hojjete. Wantoonni kunneen garuu akka Yesuus inni Kiristoos Ilma Waaqaa taʼe akka amantaniif, amanuudhaanis akka maqaa isaatiin jireenya qabaattaniif barreeffame.

Ajajni koo isa kana: Akkuma ani isin jaalladhetti isinis wal jaalladhaa.

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata."

Anis jireenya bara baraa nan kennaaf; isaanis gonkumaa hin badan. Eenyu iyyuu harka koo keessaa isaan hin butatu. Abbaan koo kan natti isaan kenne sun hunduma caala; namni tokko iyyuu harka Abbaa kootii keessaa isaan butachuu hin dandaʼu. Anii fi Abbaan tokkuma."

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii. Waaqni karaa isaatiin addunyaa fayyisuudhaaf malee addunyaatti muruuf Ilma isaa gara addunyaatti hin ergineetii. Kan isatti amanutti hin muramu; kan isatti hin amanne garuu waan inni maqaa Ilma Waaqaa tokkichaatti hin amaniniif ammuma iyyuu itti murameera.

Namni fannoo ofii isaa baadhatee na duukaa hin buune kam iyyuu naaf hin malu.

Iddoo itti namoonni lama yookaan sadii maqaa kootiin walitti qabamanitti ani gidduu isaaniitti nan argamaatii."

Yesuusis isaan ilaalee, "Kun garuu Waaqaaf malee namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf wanni hundinuu ni dandaʼamaatii" jedhe.

Yesuusis, "Wanni namaaf hin dandaʼamne, Waaqaaf ni dandaʼama" jedhee deebise.

Ayyaanni Gooftaa keenya Yesuus Kiristoos hafuura keessan wajjin haa taʼu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-