Julgamento
O julgamento pertence a Deus. A Bíblia adverte contra o juízo precipitado entre irmãos e revela que Cristo é o juiz justo que julgará vivos e mortos com perfeita equidade.
Não julgueis
Jesus disse: não julgueis para que não sejais julgados. Com o juízo com que julgais, sereis julgados.
Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina’a.
Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina’a. Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille’eef safarama.
Yesuus, «Waaqi akka isinitti hin murre, isin namatti hin murina’a. Muruma isin namatti murtanuun Waaqille isinitti mura; safaraa isin ittiin namaaf safartanutti isinille’eef safarama.
«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne? Jigeessi ila teeti keessa adoo jiruu, obboleessa keetiin, ‹Huura ila teeti keessaa sii fuudha› attam jedhuu dandeetta? Ati nama kijiba’a! Dursiitii jigeessa ila teeti keessa jiru fudhadhu; achiin duuba huura ila obboleessa keetii keessa jiru fuudhiisaaf miidhassitee dhagguu hin dandeetta.
«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne?
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama. Namaaf kenna’a, Waaqille isiniif hin kenna. Safaraa dansa’aan, gad miicamee, gingilfamee, irraan danbalaafamee isinii hin kennama. Safaraa isin worra dhibi’iif itti safartanetti Waaqille isiniif safara» jedhe.
Julgar com justiça
Quando precisar avaliar, julgue segundo a justa aparência. Não julgue pela carne, mas pelo Espírito e pela verdade.
Muraa dhuga’aa mura’a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa’a» jedhe.
Isin yaada namumma’aatiin murtan; ani nama tokko irralle’etti hin muru. Ani ammoo yoo murelle, ka na erge Abbaan na woliin jira; qofii tiyya waan hin murreef, muraan tiyya dhuga’a.
Biyya lafaa karaa isaatiin akka fayyisuuf malee, akka itti muruuf Waaqi Ilma ifii gara biyya lafaa hin ergine.
«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti.
«Ka Ilma isaatitti dhugeeffatutti hin murantu; ka isatti hin dhugeeffanne ammoo, waan inni Ilma Waaqaa tokkochatti hin dhugeeffatiniif, ammumaayyuu itti muranteerti. Muraalleen kunoo tana: Ifi gara biyya lafaa dhufe, namooti ammoo hujiin isaanii hantuu waan teeteef, ifa caalaa dukkana jaalatane.
Ani yennaa san abbootii mura’aa teessan ajajee «Moromaa kolbaa teessan wodhakka’atti kaatu yookiin nama Israa’elii tokkoo fi alagaa wodhakka’atti kaatu ilaala’aatii, muraa dhuga’aa kenna’a. Muraa kennitanu irratti hin golina’a; nama gudda’aa fi nama diqqaalle wol qixa ilaala’a. Muraan ta Waaqaa waan teeteef, nama tokkolle hin sodaatina’a. Waan guddoo isinitti ulfaate natti fida’a, ani hin ilaala» jedhe.
Ani yakkaamessa akka nama yakkaa hin qanneetitti hin laakkowu; tanaaf, waan dharaa irraa fagaadha’a; nama yakkaa hin qanne yookiin nama balchaa hin ijjeesina’a.
O tribunal de Cristo
Todos compareceremos diante do tribunal de Cristo para prestar contas. Cada um dará conta de si mesmo a Deus.
Nami tokko tokkonuu nafa ifiitiin adoo jiruu, waan dansaalle te’e hantuu godheef, akkuma hujii ifiititti gatii dhaggatiisaaf, nuuti martinuu fuula barcumaa mura’aa ka Kiristoosii duratti dhikaatuu qanna.
Ati maaf obboleessa keetitti murta ree? Maaf obboleessa keeti tuffatta ree? Nuuti martinuu barcumaa muraa Waaqaa dura hin dhaabbanna. Sababille Barreeffam Woyyichi,
«‹Dhugumaan Ani Waaqa jiraata’a! Nami marti na duratti hin jilbiiffata;
arrabi martinuu akka ani Waaqa te’e dhugaa baasee hin dubbata› jedha Goottaan» jedha.
Maarre tokko tokkoon keenna waan gooneef Waaqaaf deebii hin kennina.
Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu’utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha’a.
Maarre wol wolitti muriisa lakkinnuu ti. Addee san waan worra dhibii gufachiisu yookiin cubbu’utti jissu tokkolle ijjumaa akka hin hunye murteeffadha’a.
Ati ka tajaajilaa nama dhibi’ii irratti murtu eennu? Inni yoo dhaabbate, yookiin yoo jige ka murteessu Goottaa isaa ti. Waan Goottaan isa dhaabbachiisuu dande’uuf, inni hin dhaabbata.
Nami waan mara nyaatu ka hin nyaanne hin tuffatin; ka waan ficha’atti dhaabamu qofa nyaatu ka waan mara nyaatu irratti hin murin; sababille Waaqi isalle ifitti qabateera.
Ati, nama dhibi’itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi’itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta.
Ati, nama dhibi’itti ka murtu, waan itti aalattu hin qaddu. Ati ka nama dhibi’itti murtu, waanuma inni huje san waan hujjuuf, ifumatti murta. Muraan Waaqaa ka worra waan akkasii huju irratti dhufu sirrii akka te’e nuuti hin beenna. Ati ammoo, namana, yennaa waanuma namatti murte san hujju, waan muraa Waaqaa jalaa milixxe baatu sitti fakkaataa?
Worri adoo Seera Muuse’ee hin qabaatin cubbuu huju, Seera dhabulle hin badan; worri Seera adoo qabuu cubbuu huju maraa ammoo Seeraan itti muranti.
Maarre, akka Oduu Gammadaa ani lallabuutitti, yennaa Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin waan dhossa’a ka namooti hujane maratti muru tun teeti.
Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le’u, amma muraa yakka’aa jala hin jiru. Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu’uutii fi du’aa jalaa na baaseera.
Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
Deus é o juiz
O Senhor julgará o mundo com justiça. O juízo de Deus é verdadeiro e justo — Ele conhece todos os segredos do coração humano.
Mootiin Waan Maraa ammoo
haga bara baraa bulcha;
inni mura’aaf,
barcumaa mootumma’aa ka ifii
jabeessee dhaabbateera.
Mootiin Waan Maraa ammoo
haga bara baraa bulcha;
inni mura’aaf,
barcumaa mootumma’aa ka ifii
jabeessee dhaabbateera.
Inni balchumma’aan biyya lafaa hin bulcha;
gosa biyya adda addaa haqaan bulcha.
Waaqi hujii maraayyuu, dansaalle teetu yookiin hantuu, ta dhokaataatitti hujantelle, gara mura’aa hin fida.
Daani’el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma’aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee’e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta’aa, barcumaan mootumma’aa ka isaa akka bobe’a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe’uu ti. Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa’a; worri kuma heddu’utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu’utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura’aa tee’e; kitaabotille banamane.
Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame.
Worri du’e diqqa’aa fi guddaan, barcumaa mootumma’aa san dura dhaabbateeruun dhagge; kitaabotille banamane. Kitaab dhibiille kitaab jiru’uu baname; akkuma kitaabota san keessatti barreeffamee jirutti, worra du’etti akkuma hujii isaaniititti murame. Abbaayaan guddoolle worra du’e ka isii keessa jiru kennite; du’aa fi addeen worri du’e jiru worra du’ane ka isaan keessa jiranu kennane; tokko tokkottuu akkuma hujii isaatitti itti murame.
Discernimento e graça
Temos um advogado junto ao Pai — Jesus Cristo. Não há condenação para os que estão em Cristo. Prove os espíritos.
Ijoollee, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.
Jaalota tiyya! Ayyaana maraayyuu hin dhugeeffatina’a; raagoti dharaameyyiin hedduun gara biyya lafaa waan yaa’aneeranuuf, ayyaanni isaan qabanu Ayyaana Waaqaa akka te’e qorqora’aatii ilaala’a.
Tanaaf yennaan adoo hin geyin, Goottaan adoo hin dhufin eennulle’etti hin murina’a. Inni waan dukkana keessatti dhokate ifatti hin baasa; yaada gadhaa namaa keessatti dhokatelle diidatti hin baasa. Yennaa san nami martinuu galata isaaf male Waaqa irraa hin dhaggata.
Isin keessaa nami tokko dhugeeffataa dhibi’iin yoo wol dhabe, dubbii san kolbaa Waaqaa duratti ilaaluu irra, attam gara Kora Mura’aa ka worra hin balchoominii dhaqiisaaf gantan ree?
Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru’uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree? Eegasuu yoo wol dhaddane dubbii teessan worri wolde’a kiristaanaa keessatti hin barbaachinne akka isinii muru attam itti geeffattan ree? Akka isin fokkifattanuuf ani tana jedhaara. Nami qaroon wol dhaba obboleeyyaniititti muru wodhakkaa teessan hin jiruu?
Kolbaan Waaqaa biyya lafaa irratti akka muru’uu jirtu hin beettanuu? Maarre, biyya lafaa irratti ka murtanu yoo teetane, waan diqqoo akkanaatitti attam muruu dadhaddan? Nuuti ergantoota Waaqaa irratti akka murru hin beettanuu? Irra caalaa waan biyya lafaatitti attam amma muruu dhanna ree?
Worra dhibi’iif Oduu Gammadaa lallabeen duuba, ani ifiif akka doggommi’iin ala hin teene, nafa kiyya adabaa akka naaf ajajamu godha.
Ani akka dansaa wodhaantoo qabadheera; doggommii tiyya fixadheera; dhugeeffannaa tiyyalle eegadheera. Yoona ammaa achi badhaas balchumma’aa naaf qophoweera; badhaasa kana guyyaa san Goottaan balchichi naaf hin kenna; ana qofaaf adoo hin te’in, worra deebi’ee mudhinnaan dhufa isaa dharra’aan eegatu duudi’iif hin kenna.
Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura’aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka;
Obboleeyyan tiyya, waan hantuu wol irratti hin dubbatina’a! Nami waan hantuu obboleessa irratti dubbatu yookiin obboleessa ifiititti muru, seera irratti hantuu dubbata, ittille hin mura; ati seera irratti yoo murte ammoo, nama seera irratti muru malee, nama seera hujii irra oolchuu moti. Ka seera baasuu fi murulle Waaquma tokkocha; ka fayyisiisaa fi balleessiisa dande’ulle isuma calla’a; ati ka namatti murtu eennu ree?
Obboleeyyan tiyya! Waan mara caalaa hin kakatina’a! Ol-gubba’aan yookiin lafaan yookiin waan dhibiille’een hin kakatina’a! «Eetiin» teessan eeti, «Waawwoon» teessan waawwoo teetuu ti. Yoo akkas hin te’in, isinitti hin muranti.
Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha’a, hujadhaalle’e.
Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto’ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu’uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu’uutiif eennulle isinitti hin murin.
Yoona marroo nyaataatii yookiin marroo unto’ootii, marroo guyyaa jilaatii yookiin marroo baatii laakkowu’uu, yookiin marroo Sanbata ulfeessu’uutiif eennulle isinitti hin murin. Isaan kun waan gara duraa dhufuuf akka gaaddiddu’uu ti; dhugaan ammoo Kiristoos keessa jirti.
Yennaa sanitti isin garaagarummaa worra balcha’aa fi worra hamaa odduu jirtu, garaagarummaa worra Waaqa tajaajiluu fi hin tajaajille odduu jirtulle hin dhaggitan» jedha.
Mey woraanaa
ka si balleessiisaaf qophowe,
si miidhuu hin dande’u;
worra si himatu mara
hin injifatta.
Kun qooda tajaajiltoota tiyyaa ti;
injifachaan ani isaaniif kennulle tana» jedha.
Halkan lubbuun tiyya si dharraati;
ayyaanni kiyyalle si dharra’a;
yennaa ati lafatti murtu,
kolbaan biyya lafaa irra leetu
balchummaa hin baratti.
Fuudhaa fi heerum nama mara biratti ulfinna qabaatuu ti; Waaqi worra sagaagaluu fi worra gaarayyeeffatutti waan muruuf, abbaan manaatii fi haati manaa woliif addatamanuu ti.
Namatti hujiin inni huju martinuu
sirrii isatti fakkaatti;
Mootiin Waan Maraa ammoo
yaada isaa hin madaala.
Balchumma’aa fi haqa hujuun,
ciincaa caalaa Mootii Waan Maraa biratti
fudhatama qaba.
Ani isinitti hima, guyyaa mura’aa dubbii gadhee afaan keessanii baate maraaf deebii kennitan;
Nami dhugeeffatee cuuphame mara hin fayya; ammoo ka hin dhugeeffanne mara itti murama.
Ee dargaggeessa, yennaa dargaggummaa teetii gammadi! Bara dargaggummaa teetii gadhaan keeti gammaduu ti; yaada gadhaa keetii, waan ilti teeti dhaggite gula deemi; waan kana maraaf ammoo, Waaqi gara mura’aa akka si fidu beeki.
Akkuma Abbaan madda jiru’uu te’e, Ilma ifiille madda jiru’uu akka te’u godheera. Inni Ilma Namaa waan te’eef, muraa akka kennu, Abbaan baallii isaaf kenneera.
«Namatti hin murina’a, Waaqille isinitti hin muru; yakkaa namatti hin murina’a, Waaqille yakkaa isinitti hin muru; namaaf araarama’a, Waaqille isiniif hin araarama.