Publicidade

Frutos do Espírito

Por Bíblia Online

Os frutos do Espírito são evidências visíveis da presença de Deus na vida do crente. Amor, alegria, paz, paciência — são marcas que diferenciam os filhos de Deus no mundo.

O fruto do Espírito

O fruto do Espírito é amor, alegria, paz, paciência, amabilidade, bondade, fidelidade, mansidão e domínio próprio. Contra estas coisas não há lei.

Iji Hafuuraa garuu jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, arjummaa, gaarummaa, amanamummaa, garraamummaa fi of qabuu dha. Seerri waan akkanaa mormus hin jiru.

Isin dur dukkana turtaniitii; amma garuu Gooftaadhaan ifa taataniirtu. Akka ijoollee ifaatti jiraadhaa; iji ifaa gaarummaa, qajeelummaa fi dhugaa hunda keessatti argamaatii; waan Gooftaa gammachiisu qoradhaa bira gaʼaa.

Ogummaan shamaayʼun irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu. Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.

Kanaafuu yaa obboloota ko, isinis akkasuma karaa dhagna Al-Masiihiin seeraaf duutaniirtu; kunis akka isin kan biraa, kan isa warra duʼan keessaa kaafame sanaa taataniif; kun immoo akka nu Allaahaf ija naqannuuf. Yeroo nu akka namummaa cubbamaatti jiraachaa turretti, hawwiin cubbuu kan seeraan kakaafame sun akka nu duʼaaf ija naqannuuf dhagna keenya keessatti hojjechaa ture. Amma garuu waan duraan nu hidhee ture sanaaf duʼuudhaan seera irraa hiikamneerra; kunis akka seera moofaa barreeffame sana jalatti tajaajilluuf utuu hin taʼin akka jireenya Hafuuraa haaraa sanaan tajaajilluuf.

Waan amma itti qaanoftan kana irraa yeroo sana buʼaa maalii argattan ree? Dhumni waan sanaa duʼaatii! Amma garuu waan cubbuu irraa bilisoomtanii garboota Allaaha taataniif faayidaan isin argattan gara qulqullummaatti isin geessa; dhumni isaas jireenya bara baraa ti.

Permanecer em Cristo

Quem permanece em Cristo dá muito fruto. Toda árvore boa produz bons frutos — e é pelo fruto que se conhece a árvore.

Na keessa jiraadhaa; anis isin keessa nan jiraadhaa. Akkuma dameen yoo muka wayiniitti jiraate malee ofuma isaatiin ija naqachuu hin dandeenye, isinis yoo na keessa jiraattan malee ija naqachuu hin dandeessan.

"Ani muka wayinii ti; isini immoo dameewwan. Namni yoo na keessa jiraate, anis yoon isa keessa jiraadhe inni ija baayʼee naqata; isin narraa gargar baatanii homaa gochuu hin dandeessaniitii.

Isin yoo ija baayʼee naqattanii fi yoo barattoota koo taatan, kanaan Abbaan koo ulfina argata.

Mukaa fi Ija Isaa

"Mukni gaariin ija gadhee naqatu tokko iyyuu hin jiru; mukni gadheenis ija gaarii hin naqatu. Tokkoon tokkoon mukaa ija isaatiin beekama. Namoonni muka qoraattii irraa harbuu, yookaan sokorruu irraa wayinii hin ciran. Namni gaariin waan gaarii garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan gaarii baasa; namni hamaan immoo waan hamaa garaa isaa keessatti kuufate keessaa waan hamaa baasa. Waan garaa guute afaan dubbataatii.

Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.

Semear e colher

Quem semeia na justiça colherá fruto de vida. Os frutos do Espírito são a colheita de uma vida plantada no Senhor.

Ofii keessaniif qajeelummaa facaafadhaatii

ija jaalalaa kan hin dhumne haammadhaa;

lafa keessan kan hin qotamin illee baqaqsaa;

yeroon kun yeroo hamma inni dhufee

qajeelummaa isinitti roobsutti

Rabbii Allaah barbaaddataniitii.

Akka wanni kun isaaniif tolu qajeeltotatti himaa;

isaan buʼaa hojii isaanii nyaatu.

Uumama qofa utuu hin taʼin nu mataan keenya warri ija Hafuuraa kan jalqabaa qabnu iyyuu furii dhagna keenyaa ilmummaatti guddifamuu eeggachaa of keessatti ni aadna.

Iji koo warqee qulqulluu caala;

buʼaan narraa argamus meetii filatamaa caala.

Seja o primeiro
Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-