Publicidade

Louvor e adoração

Por Bíblia Online

O louvor e a adoração são o propósito supremo da vida cristã. A Bíblia está repleta de exortações a louvar o Senhor — com cânticos, instrumentos, danças e com todo o nosso ser.

Louvai ao Senhor!

Todo ser que respira louve ao Senhor! O louvor é o sacrifício agradável que oferecemos continuamente a Deus.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Allaah galateeffadhaa;

shamaayʼuniiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.

Haalleluuyaa.

dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;

dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

Haalleluuyaa.

Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;

waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.

Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;

dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.

Rabbii Allaahan saba isaatti ni gammadaatii;

warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.

Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;

siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.

Haalleluuyaa.

Shamaayʼuniiwwan irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;

ol gubbaatti isa galateeffadhaa.

malaʼikkoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa;

raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.

Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa;

urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.

Shamaayʼuniiwwan shamaayʼun isa galateeffadhaa;

bishaanonni shamaayʼuniin ol jirtanis isa galateeffadhaa.

Isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;

inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.

Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera;

seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.

Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi,

lafa irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;

bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi,

bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,

tulluuwwanii fi gaarran hundinuu,

mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,

bineensonnii fi loon hundinuu,

uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,

mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu,

ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,

dargaggoonnii fi shamarran,

jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.

Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,

isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;

ulfinni isaas lafaa fi shamaayʼuniiwwanii ol jira.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Iisaatiin aarsaa galataa Allaahaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Kanaafuu kottaa utuu gargar hin kutin karaa Iisaatiin aarsaa galataa Allaahaf haa dhiʼeessinu; aarsaan kunis dubbii maqaa isaa beeksisuuf afaan keenya keessaa baʼuu dha.

Louvor como estilo de vida

Bendirei ao Senhor em todo tempo; o seu louvor estará sempre nos meus lábios. O louvor não depende de circunstâncias.

Ani yeroo hunda Rabbii Allaah nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Ani yeroo hunda Rabbii Allaah nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Ani yeroo hunda Rabbii Allaah nan eebbisa;

galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.

Lubbuun koo Rabbii Allaahan boonti;

cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.

Na wajjin Rabbii Allaahaf ulfina kennaa;

kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.

Ani garuu yeroo hundumaa abdii qaba;

ittuma caalchisees sin galateeffadha.

Ani gaafan dhaladhee jalqabee sitti irkadheera;

gadameessa haadha koo keessaas situ na baase.

Ani yeroo hunda sin galateeffadha.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Afaan koo guyyaa guutuu,

galataa fi ulfina keetiin guutama.

Yommuu ani faarfannaa galataa siif faarfadhutti, hidhiin koo,

lubbuun koo kan ati furtes guddisanii ni ililchu.

Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,

maqaan Rabbii Allaah haa jajamu.

haala hundumaa keessatti Allaah galateeffadhaa; fedhiin Allaahan Al-Masiihi Iisaatti isiniif qabu kanaatii.

Adoração em espírito e verdade

Os verdadeiros adoradores adorarão ao Pai em espírito e em verdade. Deus busca os que o adoram com coração sincero.

Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.

Allaahan hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu."

Kottaa Rabbii Allaahaf faarfannaa;

Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.

Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;

faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.

Rabbii Allaahan, Allaah guddaadhaatii;

inni waaqeffatamtoota hundaa olitti Mootii guddaa dha.

Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;

fiixeewwan tulluus kan isaa ti.

Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;

lafa gogaa illee harka isaatu uume.

Kottaa gad jennee sagadnaa;

Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;

Lafti hundinuu Rabbii Allaahaf ililchaa.

Gammachuudhaan Rabbii Allaah waaqeffadhaa;

faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

Gammachuudhaan Rabbii Allaah waaqeffadhaa;

faarfannaa gammachuutiinis fuula isaa duratti dhiʼaadhaa.

Galateeffachuudhaan karrawwan isaa,

jajachuudhaanis oobdii isaa seenaa;

isa galateeffadhaa; maqaa isaa illee eebbisaa.

Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;

lafti hundinuu Rabbii Allaah faarfadhaa.

Rabbii Allaah faarfadhaa; maqaa isaa eebbisaa;

fayyisuu isaas guyyuma guyyaan labsaa.

Ulfina isaa saboota gidduutti,

hojii isaa dinqisiisaa sana immoo namoota hunda keessatti labsaa.

Rabbii Allaahan guddaadhaatii galanni baayʼeen isaaf ni mala;

inni waaqeffatamtoota hundaa olittis sodaatamuu qaba.

Waaqeffatamtoonni saboota ormaa hundinuu waaqeffatamtoota tolfamoodhaatii;

Rabbii Allaahan garuu shamaayʼuniiwwan uume.

Miidhaginnii fi surraan fuula isaa dura jiru;

jabinnii fi ulfinni iddoo qulqullummaa isaa keessa jiru.

Yaa maatiiwwan sabootaa Rabbii Allaahaf kennaa;

ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf kennaa.

Ulfina maqaa isaatiif malu Rabbii Allaahaf kennaa;

aarsaa fidaatii oobdii isaa seenaa.

Bareedina qulqullummaa isaatiin Rabbii Allaah waaqeffadhaa;

isin lafti hundinuu fuula isaa duratti holladhaa.

A grandeza de Deus

Grande é o Senhor e mui digno de louvor! Sua grandeza é insondável. Os céus declaram sua glória e toda a criação o adora.

Rabbii Allaahan guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;

guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.

Ati garuu Qulqullicha teessoo irra taaʼuu dha;

ati galata Israaʼel.

Maqaa kee obboloota kootti nan labsa;

waldaa keessattis sin jajadha.

Isin warri Rabbii Allaah sodaattan isa jajadhaa!

Isin sanyiin Yaaʼikuub hundinuu isa ulfeessaa!

Sanyiin Israaʼel hundinuus isa sodaadhaa!

Inni dhiphina nama dhiphatee hin tuffanne

yookaan hin balfineetii;

yommuu inni gargaarsaaf isatti iyyatettis,

ni dhagaʼeef malee fuula isaa hin dhokfanne.

Haalleluuyaa.

Zabuuriidhaan Allaah galateeffachuun akkam gaarii dha;

isa galateeffachuun akkam gammachiisaa fi kan maluu dha!

Rabbii Allaahan gaariidhaatii, Rabbii Allaah galateeffadhaa;

inni arjaadhaatii maqaa isaatiif faarfadhaa.

Rabbii Allaahan moʼeera; lafti haa gammaddu;

biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.

Isin qajeeltonni Rabbii Allaahatti gammadaa;

maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.

"Ani Rabbii Allaah; maqaan koos kanaa dha!

Ani ulfina koo kan biraatiif,

galata koos waaqeffatamtoota tolfamoof dabarsee hin kennu.

Cânticos e instrumentos

Cantai ao Senhor um cântico novo! Louvai com salmos, hinos e cânticos espirituais, fazendo melodia no coração ao Senhor.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

Dubbiin Al-Masiihii baayʼinaan isin keessa haa jiraatu; ogummaa hundaan wal barsiisaa; wal gorsaas; zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi faarfannaa Hafuuraatiin garaa keessan keessatti Allaah galateeffadhaa.

zabuuriidhaan, weedduu galataatii fi zabuurii Hafuuraatiin wal jalaa qabaa. Garaa keessan keessatti Gooftaaf faarfadhaatii muuziiqaa dhageessisaa; yeroo hundas waan hundaaf maqaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin Allaah Abbaa galateeffadhaa.

Yaa qajeeltota, isin Rabbii Allaahatti gammadaa;

isa jajuun tolootaaf ni mala.

Kiraaraan Rabbii Allaah galateeffadhaa;

baganaa ribuu kudhan qabuun isaaf faarfadhaa.

Zabuurii haaraa isaaf faarfadhaa; ribuu haalaan rukutaa;

sirriitti rukutaa; gammachuudhaanis ililchaa.

Daawudii fi Israaʼeloonni hundinuu humna isaanii guutuudhaan faarfannaa fi baganaadhaan, kiraaraa fi dibbeedhaan, kilillee fi malakataan fuula Allaaha duratti gammadanii shuubbisaa.

Isaaf faarfadhaa; faarfannaadhaan isa galateeffadhaa;

waaʼee hojii isaa isa dinqisiisaa hundaas odeessaa.

Innis faarfannaa haaraa,

Zabuurii galataas afaan koo keessa Allaah keenyaaf kaaʼe.

Namoonni baayʼeen arganii Rabbii Allaah sodaatu;

isas ni amanatu.

Rabbii Allaah, galateeffachuun, yaa Allaah Waan Hundaa Olii,

maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.

Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;

Rabbii Allaah ani siif nan faarfadha.

Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;

Rabbii Allaah ani siif nan faarfadha.

Louvor nas lutas

Paulo e Silas louvaram na prisão e houve terremoto. O louvor é arma espiritual que transforma circunstâncias e derrota o inimigo.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas duʼaa gochaa, faarfannaadhaanis Allaah galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Gara halkan walakkaatti Phaawulosii fi Siilaas duʼaa gochaa, faarfannaadhaanis Allaah galateeffachaa turan; hidhamtoonni kaanis isaan dhaggeeffachaa turan.

Yehooshaafaax erga namoota wajjin mariʼatee booddee akka isaan loltoota dura deemanii,

"Rabbii Allaah galateeffadhaa;

jaalalli isaa bara baraan jiraataatii"

jechaa Rabbii Allaah faarfatanii sababii ulfina qulqullummaa isaatiif isa leellisaniif faarfattoota muude.

Akkuma isaan faarfachuu fi galateeffachuu jalqabaniinis Rabbii Allaahan namoota Amoon kan Moʼaabii fi kan Gaara Seeʼiir kanneen Yihuudaatti duulan sana dura waraana riphee eeggatu tokko ni kaaʼe; isaanis ni moʼataman.

Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;

maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu."

Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Rabbii Allaah jajadhaa;

maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.

Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;

wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;

kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.

Yaa Rabbii Allaah ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Yaa lubbuu ko, ati maaliif gaddita?

Na keessattis maaliif raafamta?

Abdii kee Allaah irra kaaʼadhu;

ani amma iyyuu isa nan galateeffadha;

Fayyisaa koo fi Allaah koo nan jajadha.

Kana irratti Nahimiyaan akkana jedhe; "Dhaqaatii nyaata filatamaa nyaadhaa; dhugaatii miʼaawaas dhugaa; warra waan qophaaʼe tokko illee hin qabneefis waa ergaa. Guyyaan kun guyyaa Gooftaa keenyaaf qulqulleeffamee dha. Sababii gammachuun Rabbii Allaah jabina keessan taʼeef hin gaddinaa."

Gratidão e louvor

Em tudo dai graças. O louvor nasce da gratidão por quem Deus é e pelo que Ele faz. Cada bênção é motivo de adoração.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;

dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;

jireenya kee boolla irraa ni baraara;

jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;

Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi

hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Rabbii Allaah haa galateeffatan;

inni warra dheebotan dheebuu baasee

warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.

Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaas waammadhaa;

waan inni hojjetes saboota gidduutti beeksisaa.

Isin bara sana keessa akkana jettu:

"Rabbii Allaahaf galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;

waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;

akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

Rabbii Allaah, ati Allaah koo ti;

waan ati amanamummaa kee kan mudaa hin qabneen

wantoota dinqisiisoo

bara dheeraan dura karoorfame hojjetteef,

ani ulfina siif nan kenna; maqaa kees nan leellisa.

Yaa Allaah abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas:

Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta;

waan nu si kadhanne na beeksifteerta;

ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta."

A majestade do Rei

Ao nome de Jesus todo joelho se dobrará. A adoração culminará na eternidade, onde os redimidos louvarão ao Cordeiro para sempre.

Isaanis akkana jedhanii sagalee guddaadhaan faarfatan;

"Hoolaa qalame sanaaf, humnaa fi qabeenya,

ogummaa fi jabina, kabajaa fi ulfina,

galatas argachuun ni mala!"

Anis ergasii uumamni shamaayʼun keessa jiru, kan lafa irra jiru, kan lafa jala jiruu fi kan galaana keessa jiru hundi, uumamni isaan keessa jiru hundinuus,

"Isa teessoo irra taaʼu sanaa fi Hoolichaaf,

galannii fi kabajni, ulfinnii fi humni,

bara baraa hamma bara baraatti haa taʼu!"

jedhanii utuu faarfatanuu nan dhagaʼe.

Innis sagalee guddaadhaan akkana jedhe; "Saʼaatiin murtii isaa waan dhiʼaateef Allaah sodaadhaa; ulfinas isaaf kennaa. Isa shamaayʼunii fi lafa, galaanaa fi burqaawwan bishaanii uume sanaaf sagadaa."

Ergasiis sagaleen,

"Isin garboonni isaa hundinuu,

warri isa sodaattan,

xinnaanis guddaanis,

Allaah keenya jajadhaa"

jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.

Ergasiis sagaleen,

"Isin garboonni isaa hundinuu,

warri isa sodaattan,

xinnaanis guddaanis,

Allaah keenya jajadhaa"

jedhu tokko teessicha keessaa ni baʼe.

Kunis:

" ‘Ani jiraataadhaatii;

jilbi hundi anaaf ni jilbeenfata;

arrabni hundi Allaahaf dhugaa baʼa’ jedha Gooftaan"

jedhamee barreeffameeraatii.

Dhuma irrattis yaa obboloota, wanni dhugaa taʼe kam iyyuu, wanni ulfina qabeessa taʼe kam iyyuu, wanni qajeelaa taʼe kam iyyuu, wanni qulqulluu taʼe kam iyyuu, wanni jaallatamaa taʼe kam iyyuu, wanni gurra namaatti tolu kam iyyuu, wanni gaarii taʼe yookaan galateeffamaa taʼe kam iyyuu yoo jiraate isin waan akkanaa yaadaa.

Vida de louvor

O louvor transforma, fortalece a fé e nos conecta com o céu. Quem louva a Deus em toda circunstância experimenta sua presença real.

Sodaadhaan Rabbii Allaah tajaajilaa;

hollachaas gammadaa.

Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;

maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.

Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;

waaʼee dinqii kee hundumaas nan odeessa.

Ani sittin gammada; nan ililchas;

yaa Allaah Waan Hundaa Olii, faarfannaadhaan maqaa kee nan jajadha.

Rabbii Allaahan haa eebbifamu!

Inni iyya duʼaa kootii naa dhagaʼeeraatii.

Rabbii Allaahan jabina koo fi gaachana koo ti;

garaan koo isa amanata; anis gargaarsa argadheera.

Garaan koo baayʼee gammada;

anis faarfannaadhaan isa nan galateeffadha.

Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;

anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Allaaha nan argisiisa."

Allaah ani dubbii isaa jajadhu,

Allaah nan amanadha; homaa hin sodaadhu.

Namni duʼa hin oolle maal na gochuu dandaʼa?

Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;

yaa Allaah, ati daʼoo koo ti;

ati Allaah ani abdadhuu dha.

Waan jaalalli kee jireenya caaluuf,

hidhiin koo si jajatti.

Ani hamman jirutti sin eebbisa;

maqaa keetiinis harka koo ol nan qabadha.

Yaa Allaah, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;

wareegni keenyas siif galfama.

Yaa isa duʼaa namaa dhageessu,

namni hundinuu gara kee ni dhufa.

Yeroo cubbuun na moʼattetti,

ati yakka keenya nuu dhiifteerta.

Ani afaan kootiin isatti nan iyye;

galanni isaas arraba koo irra ture.

Allaahan duʼaa koo hin didin

yookaan jaalala isaa na hin dhowwatin haa eebbifamu!

Qajeelonni garuu haa gammadan;

fuula Allaaha durattis baayʼee haa gammadan;

isaan gammachuudhaan haa ililchan.

Allaahaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Rabbii Allaah dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Allaahan warra abbaa hin qabneef abbaa,

niitota dhirsoonni irraa duʼaniifis falmaa taʼe sun

iddoo jireenya isaa qulqulluu keessa jira.

Allaahaf faarfadhaa;

faarfannaa galataa maqaa isaatiif faarfadhaa;

isa duumessaan gulufu sana jajadhaa;

maqaan isaa Rabbii Allaah dha;

fuula isaa durattis baayʼee gammadaa.

Gooftaan guyyuma guyyaan baʼaa keenya baatu,

Allaahan Fayyissaa keenya taʼe sun haa eebbifamu.

Rabbii Allaah, warri siif ililchuu beekan,

warri ifa iddoo ati jirtuu keessa jiraatan eebbifamoo dha.

Nuuf miti; yaa Rabbii Allaah, nuuf miti;

garuu jaalalaa fi amanamummaa keetiif jedhiitii

maqaa keetiif ulfina kenni.

Saboonni hundi Rabbii Allaah jajadhaa;

isin namoonni hundinuu isa leellisaa.

Jaalalli inni nuuf qabu guddaadhaatii;

amanamummaan Rabbii Allaah bara baraan jiraata.

Haalleluuyaa.

Ani yommuun seera kee qajeelaa sana baradhutti,

garaa tolaadhaan sin galateeffadha.

Ati namummaa koo isa keessaa uumteertaatii;

gadameessa haadha koo keessattis na tolchite.

Ani sababii haala sodaachisaa fi dinqisiisaadhaan uumameef

sin galateeffadha;

hojiin kee dinqisiisaa dha;

kanas ani akka gaariittan beeka.

Rabbii Allaahan kattaa koo,

isa harka koo waraanaaf,

quba koos lolaaf leenjisu sanaaf galanni haa gaʼu.

Haalleluuyaa.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah galateeffadhu.

Ani bara jireenya koo guutuu Rabbii Allaah nan galateeffadha;

ani hamman jirutti Allaahaf nan faarfadha.

Allaah yeroo hunda akka nu Al-Masiihiin moʼannoo qabaannu nu taasisee urgaa beekumsa isaa karaa keenyaan iddoo hundatti facaasuuf galanni haa taʼu.

akka kaayyoo fedhii isaatti akka nu karaa Iisaa Al-Masiihiin ilmaan isaa taanuuf duraan dursee nu murteesse; kunis akka ulfinni ayyaana isaa kan inni Ilma isaa jaallatamaa sanaan toluma nuu kenne sun jajamuuf.

Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf duʼaa nan godha;

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Allaaha kan addaa taataniirtu.

Isin garuu akka galata isa dukkana keessaa gara ifa isaa dinqisiisaatti isin waame sanaa labsitaniif dhaloota filatame, luboota mootii, saba qulqulluu, saba Allaaha kan addaa taataniirtu. Isin dur saba Allaaha hin turre; amma garuu saba Allaaha ti; isin dur araara hin arganne; amma garuu araara argattaniirtu.

"Ani Rabbii Allaah galanni isaaf malu sana nan waammadha;

diinota koo jalaas nan baraarama.

Kanaafuu yaa Rabbii Allaah, ani saboota gidduutti sin leellisa;

zabuurii galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.

Inni ulfina kee ti; inni Allaah kee kan dinqiiwwan gurguddaa fi sodaachisaa ati ija keetiin argite sana siif hojjetee dha.

Innis akkana haa jedhu; "Yaa Israaʼel, isin harʼa diinota keessan loluuf waraanatti seenuuf jirtu. Garaan keessan hin raafamin yookaan hin sodaatinaa; hin naʼinaa yookaan fuula diinota keessanii duratti hin hollatinaa.

Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.

Ani sittin hima; ati Phexrosii dha; kattaa kana irratti waldaa kiristaanaa koo nan ijaara; karri jahaannamis ishee hin moʼatu.

Atis akkuma loltuu jabaa kan Al-Masiihi Iisaatti nu wajjin dhiphadhu.

Namni loltummaan tajaajilu kam iyyuu ajajaa isaa gammachiisuu yaala malee dhimma jireenyaatiin of hin xaxu.

Walʼaansoo amantii gaarii sana qabi. Jireenya bara baraa kan yeroo fuula dhuga baatota baayʼee duratti akka gaarii beeksiftetti itti waamamte sana jabeessii qabadhu.

Yaa ijoolle, isin waan Abbaa beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa abbootii, isin waan isa jalqabumaa kaasee jiru sana beektaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa dargaggoota, isin waan jajjaboo taataniif,

waan dubbiin Allaaha isin keessa jiraatuuf,

waan isa hamaa sanas moʼattaniif,

ani isiniifin barreessa.

Yaa michoota, ani waaʼee fayyina nu walii wajjin qooddannu kanaa isiniif barreessuuf guddisee nan hawwan ture; garuu akka isin amantii yeroo tokko bara baraan qulqulloota Allaahatti imaanaa kenname sanaaf jabaattanii loltaniif isiniif barreessee isin gorsuun barbaachisaa natti fakkaate.

Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti wal gaʼaa turan; mana tokkoo tokkoo isaaniittis buddeena kukkutanii, gammachuu fi garaa qulqulluudhaan wajjin nyaachaa turan. Allaahas galateeffachaa turan. Namoota hunda durattis ulfina qabu turan. Gooftaanis guyyuma guyyaan warra fayyan waldaa isaaniitti dabalaa ture.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-