Publicidade

Meditação

Por Bíblia Online

A meditação na Palavra de Deus é prática espiritual essencial. Diferente da meditação oriental, a meditação bíblica é reflexão profunda sobre as Escrituras — ruminar a Palavra dia e noite.

Meditar na Palavra dia e noite

Bem-aventurado o homem que medita na lei do Senhor de dia e de noite. Ele é como árvore plantada junto a ribeiros de águas.

Karaa Lama

Nami gorsa hamaaleyyi’iitiin hin ideenne,

ka karaa cubbaaleyyi’ii hin hordonne,

ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,

ka gammade.

Nami akkasii ammoo

seera Mootii Waan Maraatiin gammada;

halkanii fi guyyaa seeruma isaa yaadata.

Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.

Seera Waaqaa Jaalatiisa

Ani attam attam seera keeti jaaladha!

Ani guyyaa guutuu itti deddeebi’ee isa yaada.

Ajaji keeti yennaa mara na woliin waan jiruuf,

diinota kiyya caalaa qaroo na godha.

Ani seera keeti itti deddeebi’ee waan yaaduuf,

barsiisota tiyya mara caalaa qarummaa qaba.

Ani seera keeti waan muummessuuf,

maanguddoota caalaa hubantii qaba.

Ani ajaja keeti irra deddeebi’ee itti hin yaada;

karaa keeti irraa ila tiyya hin buqqifadhu.

Ani seera keetiin hin gammada;

ani jecha keeti hin dedhu.

Ani ajaja keeti hin jaaladha;

ittille hin gammada.

Ani harka kiyya gara ajaja keeti

ka jaaladhuu ol hin kaasa;

seerata keetille itti deddeebi’ee hin yaada.

Ani adoo boruun hin dayya’in ka’ee,

qarqaarsa dhaggatiisaaf gara keeti iyya;

jecha keetitti addii godhadha.

Jecha keeti itti deddeebi’ee yaadiisaaf,

ani halkan guutuu ila wolitti hin qabanne.

Frutos da meditação

A meditação produz entendimento, alegria e adoração. Quem medita na Palavra encontra direção, paz e renovação espiritual.

Ee Mootii Waan Maraa,

rassaa kiyyaa fi wodoo kiyya!

Jechi afaan kiyyaatii fi

yaadi gadhaa kiyyaa

si duratti fudhatama qabaatanuu ti.

Afaan kiyya jechoota qarumma’aa dubbata;

yaad gadhaa kiyyaa hubantii kenna.

Ee Mootii Waan Maraa,

ani hujii teeti gugurdoo hin yaadadha;

bilbaasota ati dur goote hin qaabadha.

Ani marroo hujii teetii mara hin heda;

hujii teeti gugurdoo mara itti hin yaadadha.

Waan bara durii te’e hin qaabadha;

waan ati goote mara

itti deddeebi’ee hin yaada;

waan harki keeti huje hin herrega.

Ee Waaqa, Galma keeti keessatti,

jaalala keeti ka bara baraa yaadanna.

Ani bara jiruu tiyyaa mara

Mootii Waan Maraatiif hin faarsa;

ani haga jiru mara

Waaqa kiyya faaru’uun hin leellisa.

Yaadi gadhaa kiyyaa isa gammachiisuu ti;

ani Mootii Waan Maraatiin hin gammada.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-