Publicidade

Morte de Jesus

Por Bíblia Online

A morte de Jesus é o sacrifício supremo do amor de Deus. Na cruz, o Cordeiro de Deus carregou os pecados do mundo, satisfez a justiça divina e abriu o caminho da salvação para todos.

O sacrifício na cruz

Jesus disse: 'Está consumado!' Na cruz, Ele cumpriu toda a lei, pagou o preço do pecado e reconciliou a humanidade com Deus.

Duʼa Yesuus

Ergasii Yesuus akka wanni hundinuu raawwatame beekee akka Katabbiin Qulqulluun raawwatamuuf, "Nan dheebodhe" jedhe. Qodaan dhangaggaaʼaa qabu tokko achi ture; isaanis dhangaggaaʼaa sana keessa ispoonjii cuuphanii hiisophiitti kaaʼanii afaan isaatti qaban. Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, "Raawwateera" jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.

Loltoonni sunis erga Yesuusin fannisanii booddee kittaa isaa hambisanii wayyaa isaa fuudhanii akka tokko tokko isaan gaʼuuf iddoo afuritti hiratan. Kittaan sun hin hodhamne; olii hamma gadiittis dhaʼaa tokko ture.

Kanaafuu isaan, "Kottaa hin tarsaasnuu; garuu ixaa buufannee akka inni kan eenyuu taʼu ilaallaa" waliin jedhan.

Kunis akka Katabbiin Qulqulluun,

"Isaan wayyaa koo hiratan;

uffata koottis ixaa buufatan"

jedhu sun raawwatamuuf taʼe. Wanni loltoonni godhanis kanuma.

Fannoo Yesuus biras haati isaa, obboleettiin haadha isaa, Maariyaam niitiin Qilophaatii fi Maariyaam isheen Magdalaa dhaabatanii turan. Yesuusis yommuu haadha isaatii fi barataa inni jaallatu sana utuu inni ishee cina dhaabatuu argetti haadha isaatiin, "Dubartii nana! Kunoo, ilma kee" jedhe. Barataa sanaan illee, "Kunoo haadha kee" jedhe; barataan sunis saʼaatii sanaa jalqabee gara mana isaatti ishee fudhate.

Yommuu iddoo Buqqee Mataa jedhamu gaʼanitti achitti isa fannisan; yakkitoota sanas, isa tokko mirga isaatiin, kaan immoo bitaa isaatiin fannisan. Yesuusis, "Yaa Abbaa, isaan waan hojjetan hin beekaniitii isaaniif dhiisi" jedhe. Isaanis ixaa buufatanii uffata isaa gargar qooddatan.

Namoonnis achi dhadhaabatanii ilaalaa turan; bulchitoonni garuu, "Inni warra kaan oolcheera. Inni yoo dhuguma Kiristoos Waaqaa isa Filatamaa sana taʼe mee of haa oolchuu!" jedhanii isatti qoosan.

Loltoonnis isatti dhiʼaatanii itti qoosaa daadhii wayinii dhangaggaaʼaa kennaniifii, "Ati yoo mootii Yihuudootaa taate mee of oolchi" jedhan.

Katabbiin,

Kun Mooticha Yihuudootaa ti,

jedhu tokkos mataa isaatii ol ture.

Yakkitoota achitti fannifaman keessaa tokko, "Ati Kiristoos mitii? Mee of oolchi; nu illee oolchi!" jedhee isa arrabse.

Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; "Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne."

Yesuusiinis, "Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu" jedhe.

Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta" jedheen.

Yesuus Duʼuu Isaa

Saʼaatii jaʼaa jalqabee, hamma saʼaatii sagaliitti dukkanni lafa hunda irra buʼe. Saʼaatii sagalittis Yesuus sagalee guddaadhaan, "Eloohee! Eloohee! Laamaa Sabaqtaanii?" jedhee iyye. Hiikkaan isaas, "Yaa Waaqa ko! Yaa Waaqa ko! Ati maaliif na dhiifte?" jechuu dha.

Yeruma sana golgaan mana qulqullummaa olii hamma gadiitti iddoo lamatti tarsaʼe. Lafti ni sochoote; kattaawwanis ni babbaqaqan. Awwaalonnis banamanii dhagnawwan qulqullootaa kanneen duʼanii turan hedduun duʼaa kaafaman. Isaanis duʼaa kaʼuu Yesuus booddee awwaala keessaa baʼanii magaalattii qulqulluu seenan. Namoota hedduuttis mulʼatan.

Ajajaan dhibbaa sunii fi warri isa wajjin Yesuusin eegaa turan yommuu sochii lafaatii fi waan achitti taʼe hunda arganitti akka malee sodaatanii, "Dhugumaanuu inni Ilma Waaqaa ture!" jedhan.

Inni garuu sababii yakka keenyaatiif waraaname;

balleessaa keenyaafis caccabsame;

nu adabamuu isaatiin nagaa arganne;

madaaʼuu isaatiin immoo fayyine.

Hundi keenya akka hoolaa

karaa irraa badnee turre;

tokkoon tokkoon keenya gara karaa keenyaatti gorre;

Waaqayyos balleessaa hunda keenyaa isa irra kaaʼe.

Inni ni cunqurfame; ni dhiphates;

garuu afaan isaa hin saaqqanne;

inni akkuma ilmoo hoolaa kan iddoo qalmaatti geeffamuu,

akkuma hoolaa fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu,

akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.

Saroonni na marsaniiru;

gareen namoota hamoo na marseera;

isaanis harkaa fi miilla koo waraananii fullaasaniiru.

Ani lafee koo hunda lakkaaʼuu nan dandaʼa;

isaanis ija babaasanii na ilaalu; akkas taʼuu koottis ni gammadu.

Isaan wayyaa koo hiratan;

uffata koottis ixaa buufatan.

Warri na argan hundinuu natti kolfu;

mataa isaanii raasanii na arrabsu.

Akkanas jedhu; "Inni Waaqayyoon amanata;

mee Waaqayyo isa haa oolchu kaa.

Inni waan isatti gammaduuf, isa haa oolchu."

O amor que se entrega

Ninguém tem maior amor do que aquele que dá a vida pelos amigos. Deus prova seu amor em que Cristo morreu por nós quando ainda éramos pecadores.

Eenyu iyyuu jaalala guddaa kan namni lubbuu isaa dabarsee michoota isaatiif kennu sana irra caalu hin qabu.

Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Waaqni hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.

Nu utuu diinota Waaqaa taanee jirruu erga duʼa ilma isaatiin isatti araaramnee, erga isatti araaramnee booddee immoo hammam caalaa jireenya isaatiin hin fayyinu ree!

Yesuus Kiristoos lubbuu isaa dabarsee nuuf kenneera: Jaalalli maal akka taʼes kanaan beekna; nus akkasuma lubbuu keenya dabarsinee obboloota keenyaaf kennuu qabna.

Inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusuu dha; cubbuu addunyaa hundaatiifis malee cubbuu keenya qofaaf miti.

Bifa namaa uffatee argamuudhaanis,

gad of deebise;

duʼaaf jechuunis duʼa fannoo irraatiif iyyuu ni ajajame!

Morte e ressurreição

Jesus morreu e ressuscitou, e a morte não mais tem domínio sobre Ele. Pelo batismo, participamos de sua morte e ressurreição.

Kiristoos warra duʼan keessaa waan kaʼeef, akka inni deebiʼee hin duune ni beeknaatii; duutis siʼachi isa irratti gooftummaa hin qabu. Inni duʼa duʼe sana siʼa tokko yeroo hundaaf cubbuuf duʼe; jireenya jiraatu sana garuu Waaqaaf jiraata.

Yookaan nu warri Kiristoos Yesuusitti cuuphamne hundi akka duʼa isaattis cuuphamne isin hin beektanii? Kanaafuu akkuma Kiristoos ulfina Abbaatiin warra duʼan keessaa kaafame sana nus akka jireenya haaraa jiraannuuf cuuphaadhaan duʼa isaa keessatti hirmaannee isa wajjin awwaalamne.

Akkuma yeroo tokko duʼuun ergasii immoo murtiitti dhiʼaachuun namatti murteeffame sana akkasuma immoo Kiristoos cubbuu namoota baayʼee baachuuf jedhee yeroo tokko aarsaa taʼeera; yeroo lammaffaa immoo cubbuu baachuuf utuu hin taʼin warra isa eeggachaa jiraniif fayyina fiduuf ni mulʼata.

"Yaa namoota Israaʼel, dubbii kana dhagaʼaa; akkuma isinuu beektan, Yesuus namni Naazreeti nama Waaqni dinqii, raajii fi mallattoo karaa isaatiin isin gidduutti hojjeteen isinii mirkaneessee dha. Namicha kana Waaqatu akkuma dur murteessee fi akkuma duraan dursee beeku sanatti dabarsee isinitti kenne. Isinis namoota hamoo wajjin tokko taatanii fanniftanii isa ajjeeftan. Waaqni garuu dhiphina keessaa isa baasee, warra duʼan keessaa isa kaase; duuti isa irratti aangoo qabaachuu hin dandeenyeetii.

"Tikseen gaariin ana. Tikseen gaariin hoolota isaatiif jedhee lubbuu isaa dabarsee kenna.

Isinis hamma Gooftaan dhufutti yeroo buddeena kana nyaattanii xoofoo kana dhugdan hunda duʼa isaa ni labsitu.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-