Não desista!
'Não desista!' é o grito do céu para a terra. Deus nos encoraja a perseverar na fé, na oração e na esperança, porque a vitória pertence aos que não se rendem.
Força na fraqueza
Os que esperam no Senhor renovam as forças. Deus não se cansa nem se fatiga — Ele dá poder aos fracos e vigor aos cansados.
Ati hin beektuu?
Ati hin dhageenyee?
Waaqayyo Waaqa bara baraa ti;
inni Uumaa handaara lafaa ti.
Inni hin dadhabu yookaan haara hin galfatu;
hubannaa isaas kan qoree bira gaʼu hin jiru.
Inni dadhabdootaaf jabina kenna;
nama laafaaf immoo humna dabala.
Ijoolleen iyyuu ni dadhabu; ni bututus;
dargaggoonnis gufatanii kufu;
Warri Waaqayyoon abdatan garuu
humna isaanii ni haaromfatu.
Isaan akkuma risaa qoochoodhaan barrisu;
ni fiigu; hin dadhaban;
ni deemu; hin bututan.
Yaa saba Xiyoon, warri Yerusaalem keessa jiraattan, isin siʼachi hin boossan. Yeroo isin gargaarsa barbaachaaf gara isaatti iyyattanitti inni dhugumaan isiniif arjooma! Akkuma dhagaʼeenis deebii isiniif kenna.
Fayyisaa Israaʼel Tokkicha
Amma garuu yaa Yaaqoob, Waaqayyo inni si uume,
yaa Israaʼel, inni si tolche akkana jedha:
"Ani si fureeraatii hin sodaatin;
ani maqaa keetiin si waameera; ati kan koo ti.
Yommuu ati bishaan keessa dabartu,
ani si wajjinan jira;
yommuu ati lageen ceetus, isaan si hin liqimsan.
Yommuu ibidda keessa deemtu,
ati hin gubattu;
arrabni ibiddaas si hin gubu.
Ani Waaqayyo Waaqni kee,
Qulqullichi Israaʼel Fayyisaa keeti;
ani biyya Gibxi furii keetiif,
qooda kee immoo Kuushii fi Saabaa nan kenna.
Ani dhabuun maal akka taʼe beeka; baayʼee qabaachuunis maal akka taʼe nan beeka. Haala kam iyyuu keessatti, waan hunda keessattis icciitii quufuutii fi beelaʼuu, baayʼee qabaachuutii fi dhabuu baradheera. Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.
Duuti Akka Hin Hafnee fi Hiikkaa Inni Kiristaanaaf Kennu
Kanaafuu nu abdii hin kutannu. Yoo namummaan keenya inni alaan mulʼatu dhumaa deeme iyyuu, namummaan keenya inni keessaa garuu guyyuma guyyaan haaromfamaa deema. Dhiphinni keenya inni salphaanii fi yeroodhaaf turu kun ulfina bara baraa kan waan hunda caalu nuuf fida. Kanaafuu nu waan hin mulʼanne ilaalla malee waan mulʼatu hin ilaallu. Wanti mulʼatu waan yeroo ti; wanti hin mulʼanne garuu waan bara baraatii.
Perseverança na fé
Não perca a confiança, pois ela tem grande recompensa. O justo viverá pela fé, e quem perseverar até o fim será salvo.
Kanaafuu ija jabina keessan isa gatii guddaa qabu sana hin gatinaa.
Inni waadaa gale sun waan amanamaa taʼeef kottaa nu utuu hin raafamin abdii dhugaa baanu sana jabeessinee qabannaa. Kottaa jaalalaa fi hojii gaariif wal kakaasuuf itti yaadnaa. Akka namoonni tokko tokko walitti qabamuu dhiisan sana kottaa nu walitti qabamuu hin dhiifnuu; qooda kanaa akka guyyaan sun dhiʼaate waan argitaniif ittuma caalchifnee wal haa jajjabeessinu.
Amantiidhaan malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas namni gara isaa dhufu kam iyyuu akka inni jiruu fi akka inni warra isa barbaadaniif gatii kennu amanuu qaba.
Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
Kottaa waan gaarii hojjechuu hin dadhabnu; yoo abdii kutachuu baanne gaafa yeroon isaa gaʼe midhaan isaa ni haammannaatii.
Ani dafeen dhufa. Atis akka namni tokko iyyuu gonfoo kee hin fudhanneef waan qabdu jabeessii qabadhu.
Kun obsa qulqulloota ajaja Waaqaa eeganiitii fi Yesuusiif amanamanii jiraatanii gaafata.
Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Waaqni warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
Deus é refúgio
O Senhor é nosso refúgio e fortaleza. Ele ouve nossas orações, nos consola nas tribulações e transforma choro em dança.
Waaqni daʼoo fi jabina keenya;
inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.
Yaaddoo kee Waaqayyotti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
Waaqayyo warra cunqurfamaniif irkoo dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Warri maqaa kee beekan si amanatu;
yaa Waaqayyo, ati warra si barbaadan gattee hin beektuutii.
Warri imimmaaniin facaasan,
faarfannaa gammachuutiin ni haammatu.
Namni sanyii facaafamu baadhatee booʼaa gad baʼu,
bissii isaa baadhatee faarfannaa gammachuu faarfachaa deebiʼa.
Warri Waaqayyoon abdattan hundinuu jabaadhaa;
garaan keessan hin sodaatin.
Dubbiin kee miilla kootiif ibsaa dha;
daandii kootiif immoo ifa.
Waaqayyo warra isa waammatan hundatti,
warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;
kadhannaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
Vitória em Cristo
Jesus venceu o mundo e nos dá vitória. Para Deus nada é impossível, e Ele faz infinitamente mais do que pedimos ou pensamos.
"Akka isin anaan nagaa qabaattaniif ani wantoota kanneen isinitti himeera. Addunyaa kana irratti rakkinni isin argata. Garuu jabaadhaa! Ani addunyaa moʼadheeraa."
Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, "Isinis deemuu barbaadduu?" jedhee gaafate.
Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; "Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras."
Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
Kadhadhaa, Barbaadaa, Balbala Rurrukutaa
"Kadhadhaa, isiniif ni kennamaa; barbaadaa, ni argattuu; rurrukutaa, balballi isiniif ni banamaa. Namni kadhatu hundi ni argataatii; namni barbaadu ni argata; nama rurrukutuufis balballi ni banama.
"Isin dadhabdoonni, warri baʼaan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa; ani isinan boqochiisa. Waanjoo koo baadhaa; narraas baradhaa; waan ani garraamii fi gad of qabeessa taʼeef isin lubbuu keessaniif boqonnaa ni argattu. Waanjoon koo laafaa dha; baʼaan koos salphaa dha."
Yesuusis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Wanni Waaqaaf hin dandaʼamne hin jiruutii."
Esperança e transformação
O Senhor completa a boa obra que começou em nós. Ele faz novas todas as coisas e dá esperança para o futuro.
inni hojii gaarii isin keessatti jalqabe sun hamma guyyaa Kiristoos Yesuusitti akka raawwatu nan amana.
Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.
Samii Haaraa fi Lafa Haaraa
Anis ergasii samii haaraa fi lafa haaraa nan arge; samiin duraatii fi lafti duraa sun badaniiruutii; galaannis siʼachi hin jiraatu. Anis magaalaa qulqullittiin Yerusaalem haaraan akkuma misirroo dhirsa isheetiif miidhagfamteetti qophooftee samii keessaa Waaqa biraa utuu gad buutuu nan arge. Sagalee guddaa teessoo keessaa akkana jedhu tokkos nan dhagaʼe; "Kunoo, iddoon Waaqni jiraatu namoota gidduu dha; innis isaan wajjin jiraata. Isaan saba isaa ni taʼu; Waaqni mataan isaas isaan wajjin ni jiraata; Waaqa isaaniis ni taʼa. Inni imimmaan hunda ija isaanii irraa ni haqa. Siʼachi duuti yookaan gaddi yookaan booʼichi yookaan dhiphinni hin jiraatu; sirni moofaan sun darbeeraatii."
Waaqayyo gaarii dha;
yeroo rakkinaattis daʼoo dha.
Inni warra isa amanatan ni beeka;
Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo.
Isin garuu jabaadhaa; harki keessanis hin laafin; hojiin keessan badhaasa argataatii."
Permanecendo firme
Persevere na oração, firme-se na Palavra e fortaleça-se na graça de Cristo. A fé vem pelo ouvir, e o ouvir pela Palavra de Deus.
Gooftaa tajaajiluu keessatti hafuura gubaa qabaadhaa malee hinaaffaa hin dhabinaa. Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.
Abdiidhaan gammadaa; dhiphina obsaa; kadhannaatti cimaa.
Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, "Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa" jedha, jedhamee barreeffameeraatii.
Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Kiristoosiin dhagaʼama.
Moʼattoota Caaluu
Waaqni warra isa jaallatanii akka kaayyoo isaatti waamamaniif akka wanti hundinuu gaarii taʼuuf hojjetu ni beekna.
Katabbiin Qulqulluun hundi hafuura afaan Waaqaatii baʼeen kennaman; isaanis barsiisuuf, akeekkachiisuuf, sirreessuu fi qajeelummaan leenjisuuf ni fayyadu; kunis akka namni Waaqaa hojii gaarii hundumaaf guutummaatti hidhatee qophaaʼuuf.
Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Kiristoos Yesuusiin qabdu jabeessii qabadhu. Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.
Gooftaan keenya Yesuus Kiristoos mataan isaa, Waaqni Abbaan keenya inni nu jaallatee karaa ayyaana isaatiin jajjabina bara baraatii fi abdii gaarii nuu kenne sun, hojii fi dubbii gaarii hunda keessatti garaa keessan haa jajjabeessu; isin haa cimsus.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Ija jabinni nu fuula Waaqaa duratti qabnu isa kana: yoo nu akka fedhii isaatti waan hunda isa kadhanne inni nuuf dhagaʼa. Nu yoo akka inni waan nu kadhannu hunda nuuf dhagaʼu beekne, akka waan isa kadhannes argannu ni beekna.
Jaalalli waan hunda ni obsa; waan hunda ni amana; waan hunda abdata; waan hunda keessattis jabaatee dhaabata.