Publicidade

Obediência

Por Bíblia Online

A obediência a Deus é a resposta natural do amor. Jesus disse: 'Se me amais, guardareis os meus mandamentos.' A obediência abre portas de bênção e nos aproxima do coração de Deus.

Obedecer é melhor que sacrificar

Deus deseja obediência acima de rituais. O sacrifício sem submissão ao Senhor é vazio de significado espiritual.

Saamu’el deebisee, «Mootiin Waan Maraa nama jecha isaatiif ajajamutti haga gammadu, kennansa gubamuu fi ciincaa dhikaatutti hin gammadaa ree? Kunoo, ajajamiis ciincaa dhikeessanu caala; dhage’iisille korbeessa hoole’ee coomaleessa ciincaa dhikeessanu caala.

Pheexroosii fi ergantooti worri dhibiin deebisanee, «Nuuti namaaf ajajamuu irra, Waaqaaf ajajamuu qanna.

Nuuti waan kanaaf dhugaa baatota; Ayyaanni Woyyichi, ka Waaqi worra isaaf ajajamuuf kennulle dhugaa baya’a» jedhane.

Ilma Waaqaa te’ulle, rakkinna fudhateen ajajamiisa barate. Guutuu te’een duuba worra isaaf ajajamu maraaf madda fayyinna bara baraa te’e.

Obedecer aos mandamentos de Cristo

Jesus vinculou amor a obediência. Quem ama a Deus guarda seus mandamentos, e seus mandamentos não são pesados.

Marroo Ayyaana Woyyichaatiif Addii Kennante

Yesuus deebisee, «Isin yoo na jaalattane, ajaja kiyya hin eeggattan.

Yesuus deebisee, «Nami na jaalatu Jecha kiyya hin eegata. Abbaan kiyya isa hin jaalata; anii fi Abbaa kiyya gara isaa dhunnee woliin hin leena.

Waaqa jaalachuu jechuulle ajaja isaatiif ajajamiisa; ajaji isaalle ulfaata’aa moti.

Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.

Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.

Namoota Mana Ijaaranu Lamaan

«Waan Ani isinitti himu adoo hin tolchin, maaf, Goottaa, Goottaajedhaa na waantan.

Achiin duuba isaan maraan, «Nami na hordofiisaa barbaadu yoo jiraate, ifi mormatuu ti, guyyuma guyya’aan fannoo ifii ba’atee, na hordofuu ti.

Obedecer e praticar a Palavra

Sejam praticantes da Palavra. Quem ouve e pratica é como o homem sábio que construiu sobre a rocha firme — inabalável.

Worra jecha hujii irra oolchu te’aa malee, worra dhage’u qofa teetanee ifi hin sobina’a.

Worra jecha hujii irra oolchu te’aa malee, worra dhage’u qofa teetanee ifi hin sobina’a.

Maarre Waaqaaf ajajama’a; Seexana ammoo morma’a, innille isin baqata.

Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.

Kitaab Seeraa kun afaan keeti keessaa hin dhabamin. Waan isa keessatti barreeffame duudii akka muummessitu, halkanii fi guyyaa isa yaadadhu; yoo tana goote, wonni marti qajeelaan sii teeti.

Gaarayyeeffatiisa Irraa Ifi Eeggatiisa

Ilma kiyya, ajaja abbaa keetii eegadhu;

barsiisa haadha teetiille hin lakkisin.

Nami gorsa fudhatu karaa jiru’uu namatti mudhisa;

nami xixicha tuffatu ammoo

karaa irraa nama milissa.

Bênçãos da obediência

A obediência abre caminho de bênçãos e prosperidade. Deus promete vida, saúde e vitória aos que andam em seus caminhos.

Eebba Ajajamiisaan Dhufu

Ati Mootii Waan Maraa Waaqa keetiif yoo ajajante, ajajoota isaa ka ani adha si ajaju mara akka dansaa yoo eegatte, Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti gosa biyya adda addaa ta biyya lafaa irra jirtu mara caalaa ol isin hin qaba.

Hay, isaanii fi ijoollee isaaniitiif, haga bara baraa akka toltu, na sodaatiisaaf ajaja kiyya mara akka eegatanu yennaa mara gadhaa akkasii adoo qabaatanee attam attam dansa’a!

Lafa dhaaltanu keessatti jiru’uun akka leetanu, akka isinii toltuu fi bara dheeraa akka leetanu karaa Mootiin Waan Maraa Waaqi keessan isin ajaje mara deema’a» jedhe.

Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa’aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.

Tanaaf obboleeyyan tiyya ta jaalatantane! Jabaadha’aa dhaabbadha’a. Waan tokkolle’een hin daaqina’a. Hujii Gootta’aatiif ka dadhaddanu toluma akka hin te’in beeka’aatii, yennaa mara hujii Gootta’aa hujiisaaf jabaadha’a.

Akkuma ajajama dhabiisa Addaamiitiin worri hedduun cubbaalleyyii te’e, ajajamiisa Kiristoosiitiin worri hedduun hin balchooma.

Seerri akka cubbuun bacattuuf dhufe; ammoo qixxee cubbuun bacatte caalaa badhaadhi Waaqaa bacate.

Submissão e consagração

Apresentar o corpo como sacrifício vivo é o culto racional. A obediência se expressa em submissão, serviço e consagração total a Deus.

Le’ii Waaqa Tajaajiliisaaf Malte

Maarre obboleeyyan tiyya! Namummaa keessan, ciincaa Waaqa gammachiisu, jiraata’aa fi woyyicha gootanee akka dhikeessitanu, marartii Waaqaatiin isin kadhadha; waaqonfannaan dhugittiin isii tana.

Fedhiin Waaqaa dansitti’ii fi ta isa gammachiittu, ta mijuu teete beekiisa akka dandeettanu, qalbii teessan haaressiisaan jiruun teessan jijjiirantuuti malee, biyya lafaa tana hin fakkaatina’a.

Jabaadha’aa huja’a malee, gadhee hin te’inaa. Ayyaana finiineen Goottaa tajaajila’a.

Worri Ayyaana Waaqaatiin sooreffamu mara ijoollee Waaqaa ti.

Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa

Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame.

Worra Baallii Qabuuf Ajajamiisa

Nami marti worra baallii qabuuf ajajamuu qaba! Sababille baalliin fedha Waaqaatiin malee, hin kennantu; worri amma baallii qabulle Waaqaan muudame. Tanaaf nami worra baallii qabu mormu, waan Waaqi ajaje morma; nami mormulle muraa ifi irratti fida.

Maarre anille fedhii Waaqaa yoo teete, gammadaan gara keessan dhufee, isin dhaggee isin woliin hin haareffama.

Arrabi martinuu,

ulfinna Waaqa Abba’aatiif,

Yesuus Kiristoos Goottaa akka te’e,

dhugaa baasee hin dubbata.

Akka ijoollee ajajantuu te’aa malee, halchaa badduu durii ta adoo hin beekin leetanu hin hordofina’a.

Namichille, «Goottaa Waaqa keeti gadhaa keeti tokkochaan, lubbuu teeti takkatti’iin, hunna teeti takkatti’iin, qalbii teeti takkatti’iin jaaladhu; akkuma ifi jaalattu ollaa keetille jaaladhu» jedhe.

Diinota Jaalachuu

«Ani ammoo isin worra na dhageettanuuf hima: Diina keessan jaaladha’a, worra isin jibbuuf waan dansaa godha’a. Worra isin abaaru eebbisa’a, worra isin yakkulle’eef daadimadha’a!

Addee ati dhaxxu maratti, wonni ati gootu duudiin akka si’iif milkoottu, waan Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti si irraa barbaadu muummessi; karaa isaa irra ideemi; akkuma Seera Muuse’ee keessatti barreeffante, sirna, ajaja, seeraa fi seerata isaa eegadhu.

Isaan akkuma marroo tiyya dhage’aneen,

naaf ajajaman;

ormi gad naaf jedhan.

Anatti isin filate malee, isin na hin filanne. Isin dhaxxanee midhaan jiraatu hedduu akka buuttanu, ani isin muudeera. Maarre waan maqaa kiyyaan gaafattane mara Abbaan kiyya isiniif hin kenna.

isin yoo naaf dhage’uu diddane, maqaa kiyyaaf ulfinna kenniisaaf yoo itti yaaduu dhaddane, ani abaarsa isin irratti hin erga; eebbaa keessanille abaarsatti hin jijjiirra; waan isin ulfinna naaf kenniisaaf itti yaaduu dhaddaneef, dhuguma ani ammaayyuu isin abaareera.

Seja o primeiro
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-05_19-25-13-