Órfãos
Deus tem um cuidado especial pelos órfãos. Ele se apresenta como pai dos que não têm pai e defensor dos desamparados, e ordena a seu povo que faça o mesmo.
Deus, pai dos órfãos
O Senhor é pai dos órfãos e protetor das viúvas. Ele sustenta os que perderam amparo humano e cuida deles com ternura.
Waaqaaf faarfadha’a;
faaruu leellisaatiin maqaa isaa faarfadha’a;
ka duumensa irra deemu saada’a;
maqaan isaa Mootii Waan Maraa ti;
isa duratti ilillisa’a!
Waaqi addee woyyittii ifii keessa jira;
ijoollee abbaa hin qanneef abba’a;
haadhotii hiyyeessaatiifille abbaa mura’aa ti.
Mootiin Waan Maraa alagaa hin eega;
inni ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee fi
haadhotii hiyyeessaa hin qarqaara;
karaa worra hama’aa ammoo hin balleessa.
Worra dadhaba’aa fi
ijoollee abba’aa fi haadha hin qanneef,
dhugaa mura’a;
worra hiyyeeyyi’ii fi worra cunqurfamaa
haqa isaanii eega’a.
«Akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qannee qofi isin hin lakkisu; ani deebi’ee gara keessan hin dhufa.
O chamado da justiça
A religião pura é visitar órfãos e viúvas em suas aflições. Deus ordena a defesa do necessitado e o cuidado com os mais frágeis.
Waaqa Abbaa duratti dhugeeffannaan qullitti’ii fi xurii hin qanne tana: rakkinna ijoollee abba’aa fi haadha hin qannee, dubartoota abbaan manaa irraa du’eelle gargaaraa, xurii biyya lafaa irralle’ee ifi eeggachu’u.
Dansaa godhiisa baradha’a; haqa barbaada’a; worra cunqurfame qarqaara’a; ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne qarqaara’a; haadha hiyyeessaatiif falma’a.
«Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Muraa dhuga’aa mura’a; woli woliif arjooma’a; wolille’eef marara’a. Haadhotii hiyyeessaa, ijoollee haadhaa fi abbaa hin qanne, orma, yookiin hiyyeeyyii hin miicina’a. Gadhaa keessan keessatti hantuu woliif hin yaadatina’a› jedha» jedhe.
«Haadha hiyyeessaa yookiin ijoollee abba’aa fi haadha hin qanne gad hin qabina’a Isin yoo isaan gad qaddanee isaan gara kiyya iyyane, dhugumaan ani iyya isaanii hin dhage’a. Ani isinitti aaree, shallaaga’aan isin hin ijjeesa; niitiin teessan haadha hiyyeessaa hin teeti; ijoolleen teessanille ta abbaa hin qanne hin teeti.
Sababille ani worra hiyyeeyyii iyyu,
rakkoo jalaa baasee,
ijoollee abba’aa fi haadha hin qannelle qarqaareera.
Worri du’iisaaf dhikaate na eebbiseera;
qarqaarsi ani godhe,
gadhaa haadhotii hiyyeessaa gammachiiseera.