Publicidade

Salmos 82

Waaqi Bulchaa Ol Aana’a
Faaruu Asaafii.

1 Waaqi yaa’ii ol-gubbaaa keessa dhaabbata;

waaqota oddu’utti muraa kenna.

2 Inni, «Isin haga yoomii

muraa sirrii hin te’in murtan?

Haga yoomii worra hamaaleyyi’iif golii teetan?

3 Worra dadhaba’aa fi

ijoollee abba’aa fi haadha hin qanneef,

dhugaa mura’a;

worra hiyyeeyyi’ii fi worra cunqurfamaa

haqa isaanii eega’a.

4 Worra dadhaba’aa fi hiyyeeyyii hambura’a;

harka worra hamaaleyyi’ii keessaa isaan baasa’a.

5 «Worri hamaaleyyiin hin beekanu

yookiin womaa hin hubatanu;

dukkana keessa deddeebi’an;

hundeen lafaa duudiin raafante.

6 Anille, Isin waaqota;

marti keessanuu

ilmaan Waaqa Ol Aana’aa tijedhe.

7 Te’uu malee, isin akkuma namaa hin duutan;

akkuma bulchaa tokkoo hin jiddan» jedhe.

8 Gosi biyya adda addaa teeti waan teeteef,

ee Waaqa ka’ii, biyya lafaa irratti muraa kenni.

Veja também

Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-07-04_23-13-58-