Publicidade

Páscoa

Por Bíblia Online

A Páscoa é a celebração suprema da redenção. Do cordeiro pascal no Egito ao Cordeiro de Deus que tira o pecado do mundo, ela aponta para o sacrifício e a vitória de Cristo.

A caminhada para a cruz

Jesus entrou em Jerusalém como Rei humilde, e a multidão o aclamou. Ele sabia do sofrimento que viria, mas caminhou em obediência até o fim.

Namoonni isa dura deemaa turanii fi warri isa duukaa buʼaa turan iyyanii,

"Hoosaaʼinaa Ilma Daawitiif!"

"Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!"

"Hoosaaʼinaa ol gubbaatti!" jedhan.

Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu oolchi;

Yaa Waaqayyo, si kadhannaa nu milkoomsi.

Kan maqaa Waaqayyootiin dhufu eebbifamaa dha.

Nu mana Waaqayyoo keessaa isin eebbifna.

Yaa Intala Xiyoon ati guddisii gammadi!

Yaa Intala Yerusaalem iyyi!

Kunoo mootiin kee qajeelaan,

fayyina qabatee,

gad of qabee harree yaabbatee,

ilmoo harree jechuunis harree xinnoo yaabbatee gara kee dhufaa jira.

"Kunoo nu Yerusaalemitti ol baʼaa jirra; Ilmi Namaas dabarfamee luboota hangafootattii fi barsiistota seeraatti ni kennama. Isaanis duʼa itti muru; akka isaan itti qoosaniif, isa garafanii fi isa fannisaniifis dabarsanii Namoota Ormaatti isa kennu. Innis guyyaa sadaffaatti duʼaa ni kaafama!"

A paixão de Cristo

Jesus foi zombado, açoitado e crucificado. Ele orou no Getsêmani e entregou sua vida voluntariamente, dizendo: 'Está consumado!'

Isaanis uffata isaa irraa baasanii uffata bildiimaa itti uffisan; gonfoo qoraattii micciiranii dhaʼanii mataa isaa irra kaaʼan. Harka isaa mirgaa keessas ulee kaaʼan. Fuula isaa durattis jilbeenfatanii, "Akkam ree, yaa mootii Yihuudootaa!" jedhanii isatti qoosan.

Katabbiin waan inni ittiin himatamees mataa isaatii ol kaaʼamee ture; katabbiin sunis,

Kun Yesuus Mooticha Yihuudootaa ti,

jedha.

Innis, "Aabbaa, yaa Abbaa, wanni hundinuu siif ni dandaʼama. Xoofoo kana narraa fuudhi. Garuu akka fedhii keetii malee akka fedhii kootii hin taʼin" jedhe.

Yesuusis sagalee guddaadhaan iyyee, "Yaa Abbaa, ani hafuura koo dabarsee harka keettin kennadha" jedhe. Kana jedhees hafuura dhumaa baafate.

Yesuusis dhangaggaaʼaa sana fudhatee, "Raawwateera" jedhe. Mataa buusees hafuura isaa kenne.

A ressurreição gloriosa

Ele não está aqui — ressuscitou! O túmulo vazio é a prova de que a morte foi derrotada e Cristo vive para sempre.

Ergamaan sunis dubartoota sanaan akkana jedhe; "Hin sodaatinaa! Akka isin Yesuus isa fannifamee ture sana barbaaddan anuu beeka. Inni as hin jiru; akkuma jedhe sana duʼaa kaʼeeraatii. Kottaatii iddoo inni ciisaa ture ilaalaa.

Innis akkana isaaniin jedhe; "Hin rifatinaa! Isin Yesuus Nama Naazreeti isa fannifamee ture barbaaddu. Inni kaʼeera! As hin jiru. Mee iddoo isaan isa kaaʼanii turan ilaalaa.

Inni as hin jiru; kaʼeera! Waan inni yeroo isin wajjin Galiilaa turetti isinitti hime sana yaadadhaa. ‘Ilmi Namaa dabarfamee harka cubbamootaatti ni kennama; ni fannifama; guyyaa sadaffaatti immoo ni kaafama’ jedhee tureetii."

Ergasiis barataan biraa inni jalqabatti awwaalicha bira gaʼe sun keessa seene. Innis argee amane. Isaan akka Yesuus warra duʼan keessaa kaʼu Katabbii Qulqulluu irraa amma iyyuu hin beekne tureetii.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-