Pular para o conteúdo
Publicidade

Iyyaasuu 20

Magaalaawwan Itti Baqatan

20:1-9 kwi – Lak 35:9-34; KeD 4:41-43; 19:1-14

1 Ergasii Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 2 "Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi; 3 kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf. 4 Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu. 5 Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban. 6 Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa."

7 Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan. 8 Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan. 9 Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef.

Lugar Bíblico
Região / Território
Gileade
Hoje: Tell edh Dhahab esh Sherqiyeh
גִּלְעָדgilad
Gileade é a terra que Moisés deu a Maquir, de Manassés, e onde Rúben, Gade e metade da tribo de Manassés tinham sua própria terra. Dela eram Jair, que liderou Israel, e Elias (Números 32:40).
32,19° N, 35,69° L
Citado em 86 versículos
Ver página completa
Todos os capítulos de Iyyaasuu 24
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.