Pular para o conteúdo
Publicidade

Iyyaasuu 16

Qooda Gosa Efreemii fi Gosa Minaasee

1 Qoodni Yoosef Yordaanos Yerikoo biratti argamtu, karaa baʼa bishaanota Yerikootii kaʼee gammoojjii keessa qaxxaamuree biyya gaaraa Beetʼeelitti ol baʼa. 2 Luuzi ishee Beetʼeel jedhamtu sanaa kaʼee gara biyya Arkaawotaa kan Axaaroti keessatti argamtu sanaatti ceʼa. 3 Achii immoo gara lixaa biyya Yafleexotaatti gad buʼee Beet Horoon gaʼee gara Geezir itti fufee galaanicha gaʼee dhaabata.

4 Akkasitti Minaasee fi Efreem, ilmaan Yoosef dhaala isaanii argatan.

5 Qoodni gosti Efreem balbala balbalaan argatte kunoo kana:

Daariin dhaala isaanii gara baʼaatiin Axaaroti Adaarii kaʼee hamma Beet Horoon gara Ol aanuutti deemee 6 hamma galaanaatti itti fufa. Karaa kaabaatiin Mikmetaatii kaʼee karaa baʼaatiin gara Taanaat Shiiloo goree achiin darbee baʼa Yaanoʼaatti qajeela. 7 Ergasii immoo Yaanoʼaadhaa kaʼee Axaarotii fi Naʼaraatti gad buʼee Yerikoo irra naannaʼee Yordaanositti gad baʼa. 8 Daariin sun Tafuuʼaadhaa kaʼee gama Lixaatiin Laga Qaanaatti gad buʼee galaana gaʼee dhaabata. Dhaalli gosti Efreem balbala balbalaan argatte kanaa dha.

9 Daariin kun magaalaawwanii fi olloota isaanii kanneen dhaala gosa Minaasee keessatti gosa Efreemiif hambifaman hundas ni dabalata.

10 Isaan Kanaʼaanota Geezir keessa jiraachaa turan sana ariʼanii achii hin baafne ture; hamma harʼaatti Kanaʼaanonni saba Efreem gidduu jiraatu; garuu akka hojii humnaa hojjetan dirqamu.

Todos os capítulos de Iyyaasuu 24
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.