Publicidade

Paz

Por Bíblia Online

A paz é um dos frutos do Espírito e uma promessa central de Jesus: 'Deixo-vos a paz, a minha paz vos dou.' A Bíblia nos chama a buscar, cultivar e viver na paz de Deus.

A paz de Cristo

Jesus é o Príncipe da Paz. Antes de partir, prometeu aos discípulos uma paz que o mundo não pode dar nem tirar — paz sobrenatural em meio às tribulações.

«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e.

«Nageya isin bira keya; nageya kiyyalle isiniif hin kenna. Nageenni ani isinii kennu, nageya akka biyyi lafaa isinii kennituutii moti. Gadhaan keessan hin raafamin; hin sodaatinille'e.

Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Anaan nageenni akka isinii te'uuf ani tana isinitti himeera. Biyyi lafaa isin hin rakkitti; ammoo jabaadha'a! Ani biyya lafaa injifadheera» jedhe.

Annuun nuuf dhalateera;

ilmi nuuf kennameera;

Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;

maqaan isaa, «Gorsaa maade'ee,

Waaqa hunnaamessa,

abbaa bara baraa,

qondaala nageyaa» hin jedhama.

Adoo jarri lamaan sun waan kana himiisatti jiranuu, Yesuus ifumaafuu isaan odduu dhaabbatee, «Nageenni isiniif te'u!» isaaniin jedhe.

Paz com Deus

Justificados pela fé, temos paz com Deus por meio de Cristo. Ele é a nossa paz, que derrubou a barreira e nos reconciliou.

Tanaaf, eega dhugeeffanna'aan Waaqa duratti balchoonne, karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin Waaqa woliin nageya qanna.

Kiristoos nageya keenna; dalleya diinumma'aa ka isaan gargar nu baaseeru dhiiga ifiitiin diigee, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'in kolbaa tokko godheera. Karaa kanaan nageya fidiisaaf, gosa lamaanuu irraa ka te'e nama haareya isa woliin wolii galu tokko dadiisaaf, Seera Yihudootaa ajajootaa fi aadaa seerotaa woliin diige.

Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te'ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera.

Maarre isin worra Roomaa keessa leetanu, ka Waaqi jaalatee akka kolbaa isaa teetanuuf waame maraaf:

Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaa Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya kennu.

Waaqi Abbaan keennaa fi Goottaan keenna Yesuus Kiristoos badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.

Waaqi Abbaan keenna, Goottaan keenna Yesuus Kiristoosille badhaadhaa fi nageya isiniif kennu!

A paz que excede o entendimento

A paz de Deus, que excede todo entendimento, guarda nosso coração e mente. Ela vem da confiança no Senhor e da entrega total a Ele.

Maarre daadimataan, gaaffi'ii fi galataan waan mara Waaqatti beessisa'a malee waan tokkolle'eef hin yaadina'a. Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha'aa fi qalbii teessan hin eega.

Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.

Waan na irraa barattane, waan na irraa fudhattane, waan na irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha'a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.

Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,

waan inni sitti addateef,

ati nageya guutu'uun isa hin eedda.

Nama qalbii ifiitiin jabaatee sitti irkatu,

waan inni sitti addateef,

ati nageya guutu'uun isa hin eedda.

Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a.

Nageenni Kiristoosii, ka isin nafa tokko te'iisaaf itti waamantane, gadhaa keessan keessatti mowuu ti; worra galateeffatulle te'a.

Promotores da paz

Bem-aventurados os pacificadores, porque serão chamados filhos de Deus. A Escritura nos chama a buscar e promover a paz em todos os relacionamentos.

Worri nageya buusu gammaduu;

isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!

Worri nageya buusu gammaduu;

isaan ijoollee Waaqaa hin jedhaman!

Yoo dande'ame nama maraa woliin nageyaan le'iisaaf, gama keessaniin waan dande'amu mara godha'a.

Maarre kowa'a waan nageya buusuu fi tokkummaa ijaaru hordofanna.

Mootummaan Waaqaa mootummaa balchumma'aa, nageyaatii fi gammada Ayyaanni Woyyichi kennuu ti malee, mootummaa nyaataatii fi uniisaatii moti.

Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a.

Nama maraa woliin nageyaan le'a! Woyyumma'aan malee, eennulle Goottaa dhaggiisaaf waan hin dandeenneef, woyyumma'aan le'iisaaf jabaadha'a.

Barreeffam Woyyichi,

«Nami jiruu barbaaduu fi

bara dansaa dhagguu fedhu,

arraba ifii hantuu dubbatiisa irraa,

hidhii ifii soba dubbatuu irraa dhooggatuu ti.

Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti.

Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e.

Inni hammeenna irraa garagalee dansaa godhuu ti.

Nageya barbaaduu ti; hordofatuutille'e.

Waan hantuu irraa fagaadhuutii,

waan dansaa godhi;

nageya barbaadiitii,

gula deemi.

Waan hantuu irraa fagaadhuutii,

waan dansaa godhi;

nageya barbaadiitii,

gula deemi.

O fruto da paz

A sabedoria que vem do alto é pacífica. O fruto da justiça se semeia em paz por aqueles que cultivam a paz com mansidão.

Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata.

Worri nageya buusu, nageya facaasee, midhaan balchumma'aa wolitti qabata.

Qarummaan ol-gubbaa irraa dhuttu matooma qulqullitti'i; akkasuma nageellitti'i, qajeeltu'u, ifi kennitu'u, mararti'ii fi midhaan dansa'aan ta guutante; wol caalchisiisaa fi kijibille ta keessa hin jirre.

Midhaan Ayyaanaa ammoo jaalala, gammada, nageya, ossa, arjummaa, dansummaa, addatama,

Hujiin balchumma'aa nageya fiddi; bu'aan balchumma'aalle sarmiisaa fi bidhaa malee le'iisa.

Adabbiin kennantu yennaa san ka nama gaddisiittu malee, ka nama gammachiittu hin fakkaatu; duuba ammoo worra itti barateef midhaan balchumma'aa ka nageyaan guutame hin buuchi.

Paz interior e descanso

Aquietai-vos e sabei que Eu sou Deus. A paz do Senhor acalma tempestades, silencia medos e sustenta a alma em todo tempo.

Inni, «Cadhisa'aa, ani Waaqa akka te'e beeka'a;

ani gosa biyya adda addaa oddu'utti,

biyya lafaa irralle'etti hin saadama» jedha.

Mootii Waan Maraa, ka nageyaan na eegu,

si qofa waan te'eef,

ani yennaa irkadhu, nageyaan rafa.

Mootiin Waan Maraa kolbaa ifiitiif jabeenna kenna;

nageyalle'een isaan eebbisa.

Worri gad ifi qabu lafa hin dhaalan;

nageya gudda'aan hin gammadan.

Nama komii hin qanne ilaali;

nama balchichaa hubadhu;

nama nageellicha muummeen isaa hin baddu.

Worri seera keeti jaalatu

nageya guddaa qaban;

wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.

Worri seera keeti jaalatu

nageya guddaa qaban;

wonni isaan dande'ee gufachiisulle hin jiru.

Ani nama nageyaa ti;

yennaa ani marroo nageyaa dubbadhu ammoo,

isaan lolaaf ka'an.

Yesuus dammaqee bubbee saniin, «Cadhisi!» jedhee xixe. Danbalii bisaaniitille'een, «Sarmi!» jedhe. Bubbeen cadhinnaan, cadheessi guddaan te'e.

Yesuus isi'iin, «Ee intala tiyya, dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi; dhibee teeti irralle'ee fayyi» jedhe.

«Sooddi waan dansa'a; ammoo yoo inni kuraa ifi keessaa dhabe, maaniin isa deebittanee kureessitan ree?

«Soodda ifi keessatti qabaadha'a; wolii keessaniifille nageya qabaadha'a!» jedhe.

Anunciadores da paz

Como são formosos os pés dos que anunciam boas novas de paz! O evangelho é a mensagem de paz para todos os povos.

Nami lallabu yoo ergame malee, attamiin lallabuu dande'a ree? Barreeffam Woyyichi, «Worri Oduu Gammadaa fidee dhufu, attam attam nama gammachiisa!» jedha.

Miilli ergamaa gaara irra dhaabbatee

oduu gammadaa fidu,

ka nageya lassuu,

ka waan dansaa fidu,

ka fayyinna lallabu,

ka Xiyooniin, «Waaqi keeti mootii te'a» jedhu,

attam attam tola!

«Ulfinni ol-gubba'atti Waaqaaf te'u, lafalle'etti worra inni jaalatuuf nageenni te'u» jedhanee Waaqaa galateeffatane.

«Mootiin maqaa Gootta'aatiin dhufu ka eebbifame! Ol-gubba'atti nageenni, olii ol-gubba'aatille ulfinni te'u!» jedhaa Waaqa galateeffatte.

Kunoo, ergamaan oduu gammadaa odeessu,

ka nageya lallabu gaara gubba'aa dhufaara.

Kolbaa Yihuda'aa! Diinni keessan ijjumaa waan badeef,

haganaa achi biyya teessan hin qabatanu.

Tanaaf, gammadaan jilifadha'a.

Waan Waaqaaf kenniisaaf waadaa galtane Waaqaaf kenna'a.

Wongeela nageyaalle akka Kophe'ee miilatti keyadha'aatii qophowa'aa dhaabbadha'a.

O Deus da paz

Que o Deus da paz esteja com todos vocês. Ele nos santifica por completo e nos guarda irrepreensíveis para a vinda do Senhor.

Waaqi, maddi nageya keennaa, isin mara woliin jiraatu. Ameen.

Goottaan abbaan nageyaa, yennaa mara karaa maraan, inninuu nageya isiniif kennuu ti. Goottaan isin mara woliin jiraatu.

Waaqi Abbaan nageyaa, ka dhiiga gondooroo bara baraatiin, tissee hoole'ee guddicha, Goottaa keenna Yesuus du'aa kaase,

Sababille Waaqi Waaqa nageyaa ti malee, ka hoga'aatii moti.

Akkuma wolde'a kiristaanaa duudii keessatti te'u,

« ‹Mootiin Waan Maraa isin eebbisu, isin eegu!

« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii isiniif issu, isin mararu!

« ‹Mootiin Waan Maraa fuula ifii gara keessan deebifatu, nageya isiniif kennu!› jedhiin.

Ani Yaada isiniif qabu hin beeka; yaad kunille yaada nageyaa, ka addii gara duraa isiniif kennu malee, ka isin miidhuu moti.

Te'uu malee ani qachaa kana ade'etti deebisee, kolbaa isa keessaalle fayyisee, bidhaa malee nageyaan akka le'anu hin godha.

Ilmaan teeti marti

ana Mootii Waan Maraa irraa

ka baratte hin teeti;

ijoolleen teetille

nageya guddaa hin dhaggatti.

«Isin gammadaan Baabilon keessaa baatanee,

nageyaan hin geegefantan.

Gaarotii fi kooboti isin duratti gammadaa hin faarsan;

muki badda'aa marti harka hin dhowan.

Waaqi kiyya, «Worri hamaan nageya hin qabu» jedha.

Paz, santidade e unidade

A paz exige esforço: guardar a unidade do Espírito, evitar contendas e buscar a santidade. Sem paz e santidade, ninguém verá o Senhor.

Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a.

Nageya wolitti isin qabu ka Ayyaanni Woyyichi kennu eegatiisaaf waan dandeettanu mara godha'a.

Halchaa badduu dargaggumma'aa irraa baqadhu; worra gadhaa qullu'uun Goottaa waammatu woliin balchummaa, dhugeeffannaa, jaalalaa fi nageya hordof.

Wol dande'a; nami namatti quuqameeru yoo jiraate, woliif araarama'a; akkuma Kiristoos isiniif araarame, isinille woliif araarama'a.

Karaan namaa Mootii Waan Maraa yennaa gammachiise,

diinoti isaatuu isa woliin nageyaan le'an.

Nama hunnaamessaa mannaa,

nama ossataa woyya;

nama hunnaan qachaa tokko qabatuu mannaa,

nama ifi qabatu woyya.

Wol dhaba irraa fagaatiis ulfinna namaaf kenna;

gowwaan yennaa mara lola kaasa.

Worra seera kana hordofu maraa fi Israa'elii worra Waaqaa teeteef, nageyaa fi marartiin teetu.

Marartiin, nageennii fi jaalalli isiniif fakkanu.

Paz e fé

O Deus da esperança nos encha de paz e alegria no crer. Quem mantém o pensamento firme no Senhor experimenta paz perfeita.

Addiin teessan hunna Ayyaana Woyyichaatiin ittuma akka guddattu, Waaqi addii namaaf kennu, isatti dhugeeffachuu keessaniin, gammadaa fi nageya maraan isin guutuu ti.

Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna.

Yaada fooniitiin mowamuun du'a fida; yaada Ayyaanaatiin mowamuun ammoo jiru'uu fi nageya kenna.

addee isaan dhaqane mara badi'ii fi deegatti jira.

Karaa nageyaalle hin beekanu;

Waaqa sodaan isaan bira hin jirtu» jedha.

Yesuus ammoo dubartitti'iin, «Dhugeeffannaan teeti si fayyitteerti; nageyaan deemi» jedhe.

Mana tokko yennaa seentane duraan dursa'aatii, ‹Nageenni mana kanaaf te'uu!› jedha'a.

Yoo hin dandeenne te'e, mootichi isa loliisaaf ka'e sun adoo fagoo jiruu ergantoota ifii itti ergee nageya buusiisaaf hin gaafata.

Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u.

Yesuus itti dabalee, «Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani shallaagaa malee, nageya fidiisaaf hin dhunne.

Obboleeyyan tiyya! Yoona nageyaan tee'a'a; leetoo teessan sirreeffadha'a; gorsa kiyya dhage'a'a; wolii gala'a; nageyaan le'a'a; Waaqi jaalalaatii fi nageyaa isin woliin hin jiraata.

Inni worra dukkanaa fi gaaddisa du'aa keessa jiru maraaf hin issa;

miila keennalle karaa nageyaatitti hin qajeelcha» jedhee raage.

Ati ifiif, dulloontee bara dheeraa leetee, nageyaan duutee, hin awwaalanta.

Jaalatiisaaf yennaan jirti;

jibbiisaafille yennaan jirti.

Lolaaf yennaan jirti;

nageyaafille yennaan jirti.

Isaan karaa nageyaa hin beekanu; daandii isaanii keessalle haqi hin jiru; isaan karaa ifii daddassaneeran; nami karaa san irra deemulle nageya hin dhaggatu.

Maltummaa isaatiin wonni marti isaaf hin teeti; ifumaan guddaa ifi hin godha. Adoo ifi hin eeggachiisin nama hedduu hin ijjeesa; qondaala qondaaltotaa irratti hin ka'a; te'uu malee hin bada; ka baduunille harka namaatiinii moti.

Inni kolbaan lafa bisilee keessaa dedhuma adoo jirtuu, hin lola; waan abbootiin isaa ta durii hin godhin hin godha. Inni meyaa fi karra booji'e mara worra isa gula deemuuf hin qooda; kushee jissiisaaf mala dhowa; ammoo yennaa diqqoo qofaaf isaaf teeti.

Muddam yennaa dhufu, isaan nageya hin barbaaddan; garuu hin dhaggatanu.

raagoti Israa'elii worri marroo Yerusaalemii raage, nageenni adoo hin jiraatin, ‹Nageya› jedhanee, mudhii nageyaa worri dhagge hin jiranu; tana ana Mootii Waan Maraatitti dubbate.

«Gondooroon tiyya ta isa woliin godhe sun gondooroo jiru'uu fi nageyaa ti; tana akka inni na ulfeessu isaaf kenne; innille na sodaatee maqaa kiyya ulfeesse.

Isin keessaa ka hin dhugeeffatin gargar bayiisa yoo fedhe bayuu ti. Dhirsi dhugeeffataa te'e yookiin niitiin dhugeeffattuu teete, haala akkasiitiin hin hidhamanu. Waaqi nageyaan akka leetanu isin waame.

Achiin duuba fardi dhibiin diimaan ibiddi gad baye; ka farda san irra tee'eerulle, akka nageya lafa irraa balleessuu fi akka namooti wol qalanu akka godhuuf baalliin kennanteef; shallaagaan guddaalle kennameef.

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-19_11-20-24-