Pecado
O pecado é a realidade que separa a humanidade de Deus. Mas a Bíblia também revela a solução: o sangue de Cristo que nos purifica e a graça que nos liberta de toda condenação.
A universalidade do pecado
Todos pecaram e carecem da glória de Deus. Não há justo, nem sequer um. O pecado entrou no mundo por um homem, mas a graça veio por Jesus.
Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera.
Nami martinuu cubbuu hujeera; ulfinni Waaqaalle irraa dhidhateera. Ammoo karaa wodoo te’iisa Yesuus Kiristoosiitiin toluma badhaadha Waaqaatiin balchoomeera.
Tanaaf eennulle Seera muummessiisaan Waaqa duratti hin balchoomu; Seerri nami maraa cubbicha akka te’e mudhisa.
Gatiin cubbu’uu du’a; kennansi Waaqaa ammoo karaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin jiruu bara baraa ti.
Nuuti marti cubbu’uun xuroonneera; hujiin teenna balchittiille akka hoccuu xuri’ii teeteerti. Cubbuun teenna akka baala qooree qilleensi haxowee deemuu, nu mara haxoottee ideenteerti.
Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.
Liberdade da condenação
Não há condenação para os que estão em Cristo Jesus. Ele nos libertou da lei do pecado e da morte para vivermos em novidade de vida.
Maarre worri Kiristoos Yesuusiin le’u, amma muraa yakka’aa jala hin jiru. Seerri Ayyaana Woyyichaa, ka jiruu kennu karaa Kiristoos Yesuusiitiin, seera cubbu’uutii fi du’aa jalaa na baaseera.
Maarre halchaa foon keessaniitiif akka ajajantanu akka isin hin goone, nafa keessan ka du’u keessatti cubbuun akka mootuuf hin eeyyamina’a. Nafa keessan keessaa addee takkaalle meya jallu’uu gootanee cubbu’uuf hin dhikeessina’a; ammoo akka worra du’a keessaa bayee gara jiru’uu dhufee, Waaqaaf ifi dhikeessa’a; nafa keessan duudii meya balchumma’aa godha’aatii Waaqaaf dhikeessa’a. Isin badhaadha Waaqaa jala jirtan malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuun isin irratti hin goottontu.
Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo’o! Isin nama tokkoof ifi garba gootanee ajajamiisaaf yennaa dhiyeessitanu, nama ajajantanu saniif garba akka teetane hin beettanu ree? Akkasuma yoo cubbu’uuf ajajantane, cubbuu du’a fidduuf garba teetan; yoo Waaqaaf ajajantane ammoo balchummaa dhaggatan. Isin dur garboota cubbu’uu ti; amma ammoo barumsa fudhattaneef gadhaa guutu’uun waan ajajantaneef, Waaqi galatoomu. Cubbuu jalaa baatanee garboota balchumma’aa teetaneertan.
Yoona maan jenna ree? Nuuti badhaadha Waaqaa jala malee, cubbuu jala waan hin jirreef, cubbuu hunyuu ree? Ijjumaa waawwo’o!
Seerri ayyaanticha akka te’e hin beenna. Ani ammoo nama foonii, ka garbicha cubbu’uu te’iisaaf gurgurameeru. Ani waan godhu hin hubadhu; ani waan godhiisaaf barbaadu hin godhu, ammoo waan jibbu godha. Ani eega waan hin barbaanne godhu teete, Seerri dansaa akka te’e wolii gala. Ka waan ani godhiisaaf hin barbaanne godhu, cubbuu na keessa jirtu malee anaa moti.
Yesuus deebisee, «Ani dhugaa isinitti hima; ka cubbuu huju martinuu garbicha cubbu’uu ti.
Confissão e perdão
Se confessarmos os nossos pecados, Deus é fiel e justo para nos perdoar e purificar de toda injustiça. A confissão liberta a alma.
Cubbuu hin qannu yoo jenne ifi sonna; dhugaalle nu keessa hin jirtu. Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Cubbuu teenna yoo Waaqatti dhugaa baanne inni addatama’aa fi qajeelaa waan te’eef cubbuu teenna nu’uuf hin araarama; jalluu teenna mara irralle’ee nu hin qulleessa.
Waaqa woliin tokkummaa qanna jedhaa, dukkana keessa yoo deddeebine hin sonna; dhugaan nu keessa hin jirtu.
Ee Waaqa,
sababa jaalala keeti ka bara baraatiif,
na marari.
Sababa gadhi-laafummaa teeti guddo’ootiif,
yakkaa tiyya haxowii balleessi.
Yakkaa tiyya mara dhiqii balleessi;
cubbuu tiyya irraa na qulqulleessi.
Ani si irratti ka’ee, si qofa yakkee,
waan hantuu si duratti godhe.
Tanaaf dubbiin ati na irratti dubbatte dhuga’a;
muraan ati natti murtelle haqa.
Dhugumaan ani cubbu’uun dhaladhe;
yennaa haati tiyya na ulfoottuu ani cubbicha.
Ati keessa namaatitti dhugaa hin halchita;
tanaaf, gadhaa kiyya ka dhossa’aa keessatti
qarummaa na barsiisi.
Baala hisoophiitiin fiffixiitii,
cubbuu irraa na qulqulleessi;
anille hin qulqullowa;
na dhiqi; anille dhakaa roobaa caalaa hin addaadha.
Ililleetti’ii fi gammada na dhageessisi;
ati na caccassitee butuchitulle
ani deebi’ee hin gammada.
Fuula keeti cubbuu tiyya irraa deebifadhu;
yakkaa tiyya mara haxowii balleessi.
Achiin duuba ani cubbuu tiyya sitti dhugaa baase;
yakkaa tiyyalle hin dhoffanne.
Ani «Cubbuu tiyya Mootii Waan Maraatitti dhugaa baasa» jedhe;
atille cubbuu tiyya naaf araarante.
Nami cubbuu isaatiif araarri kennameef,
ka yakkaan isaa lakkifanteef ka gammade.
Yakkaan tiyya bacaa waan teeteef,
ee Mootii Waan Maraa,
maqaa keetiif jedhii naaf araarami.
Ee Mootii Waan Maraa,
marartii teetii guddo’oo fi
jaalala keeti ka bara baraa,
ka durii jalqaddee mudhitte yaadadhu.
Ee Mootii Waan Maraa, ati dansaa waan teeteef,
akka jaalala keeti ka bara baraatitti
naa yaadadhu malee,
cubbuu dargaggummaa tiyyaa
yookiin yakkaa tiyya hin yaadatin.
Ka dokonkora ifii dhaggu eennu?
Cubbuu tiyya ta dhokatte irraa
na qulqulleessi.
Nami cubbuu ifii dhoffatu,
hin milkowu;
nami cubbuu ifii faaci’atuu fi ka isii lakkisu ammoo
marartii hin dhaggata.
Vencendo o pecado
Cristo nos resgatou e nos restaurou. Devemos mortificar as obras da carne, fugir do pecado e prosseguir em santidade.
Akka nuuti cubbu’uuf duunee balchumma’aan leenu, Kiristoosinuu cubbuu teenna nafa ifiitiin fannoo irratti ba’ate; isin madaa isaatiin fayyitaneertan.
Isiin ilma hin deetti; inni waan kolbaa ifii cubbuu irraa fayyisuuf, maqaa isaa, ‹Yesuus› jettaan» jedheen.
Akka nuuti worra karaa Kiristoosiin tokkummaa dhugaamettii Waaqaa woliin qoodamu teenu, Waaqi Kiristoosii cubbuu hin qanne, akka cubbuu teenna mara ba’atu godhe.
Kiristoos cubbuu nama heddu’uu ba’atiisaaf yennaa takkaa woreegameera; ammalle cubbuu ba’atiisaaf adoo hin te’in, worra dharra’aan isa eeggatu fayyisiisaaf lammeessoo hin dhufa.
Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
Ijoolleen Waaqaa cubbuu hujaa hin teettu; Ilmi Waaqaa waan isaan tissuuf hamaalessi isaan miidhu’uuf hin dande’u.
Tanaaf halchaa le’ii lafaa ta isin keessa jirtu: sagaagala, battummaa, fedhii sagaagalaa, halchaa baddu’uu fi waaqota dharaa waaqonsuu ka te’e joljoluu ijjeesa’a.
Isin kolbaa Waaqaa eega teetanee, sagaagaluun yookiin battummaan martinuu yookiin joljolummaan wodhakkaa teessanitti te’uu lakkisiitii, oduunuu dhage’amuu hin qaddu.
Hujii dukkanaa, ta bu’aa hin qanne san, ifatti baasa’a malee, itti hin hirmaatina’a. Waan isaan dhossa’atti hujanee dubbatiisinuu hin fokkifachiisa.
Isin yoo mufattane, mufiin teessan gara cubbuu isin hin geessin; mufii teessan irratti aduun isinitti hin seenin.
Responsabilidade e restauração
O pecado tem consequências, mas Deus restaura o arrependido. Devemos corrigir uns aos outros com mansidão e cobrir o pecado com amor.
Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a.
Obboleeyyan tiyya, yoo nami tokko cubbu’uun qabame, isin worri ayyaantoleen qajeelumma’aan isa qajeelcha’a! Ammoo isinille akka hin ataabanne ifi eeggadha’a. Ba’aa wolii ba’adha’a! Akkasiin Seera Kiristoosii muummessitan.
«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
«Obboleessi keeti yoo si yakke, dhaqii lafa isin lamaan qofi jirtanutti yakkaa isaa itti himi. Inni yoo si dhage’e, ati deebittee obboleessa keeti isa godhatta.
«Isin keessaa nami tokko worra didiqqaa natti dhugeeffatu kana keessaa tokkotti gufuu yoo te’e, dhakaan daaku’uu guddaan morma isaatitti hidhamee qilee abbaaya’aatitti adoo gatamee liqinfamee isaa woyya.
«Huura ila obboleessa keetii keessa jiru maaf ilaalta! Jigeessa ila teeti keessaa maaf hin hubanne?
«Yoo isin yakkaa namootaaf araarantane, Abbaan keessan ka ol-gubbaa jiru isiniif hin araarama.
Tanaaf akka dhibee irraa fayyitanuuf, cubbuu teessan wolitti himadha’a, woliifille daadimadha’a! Daadimannaan nama balcha’aa hunnaametti’ii fi bu’aa qabeetti’i.
Nami waan dansaa godhiisa adoo beekuu, hin goone, godhuu dhabiis isaa cubbuu itti teeti.
Gara Waaqaa dhikaadha’a, innille gara keessan hin dhikaata. Isin cubbaaleyyiin, harka keessan qulqulleeffadha’a. Isin worri yaada lamaa, gadhaa keessan qulleeffadha’a.
Isin kolbaa Waaqaaf hin addatanne! Biyya lafaatiin jaalomuun diina Waaqaa akka nama gootu hin beettanuu? Tanaaf nami jaala biyya lafaa te’uu halchu, diina Waaqaa hin te’a.
Afaanuma tokkocha keessaa galataa fi abaarsi baya; obboleeyyan tiyya! Kun te’uu hin malle.
Jaalalli cubbuu hedduu waan golluuf, waan duudii caalaa gadhaa tokkoon wol jaaladha’a.
Fuga do pecado
Bem-aventurado o que não anda no conselho dos ímpios. O caminho do justo é guardado pelo Senhor, e sua Palavra nos protege da queda.
Nami gorsa hamaaleyyi’iitiin hin ideenne,
ka karaa cubbaaleyyi’ii hin hordonne,
ka worra busheeshu woliin tokkummaa hin qanne,
ka gammade.
Akka jecha keetiititti
ideensa kiyya sooressi;
cubbuun akka na mootu hin lakkisin.
Nami haqaan ideemu nageyaan le’a;
nami karaa micciiramaa gula deemu ammoo
hin saaxilama.
Nami dansaan dansummaa gadhaa ifii keessaa waan dansaa baasa; nami hamaalle hammeenna gadhaa ifii keessaa waan hamaa baasa. Waan gadhaa guute afaan dubbata.
Jallaameyyiin Mootummaa Waaqaa akka hin dhaalle hin beettanuu? Hin sobamina’a! Sagaagaltooti yookiin worri waaqota dharaa waaqonsu, yookiin gaarayyeffattooti, yookiin dhiirti dhiira bukkoonsitu, yookiin hattooti yookiin joljoltooti, yookiin ka machowu yookiin worri maqaa namaa balleessu, yookiin worri saamu Mootummaa Waaqaa hin dhaalu.
Philaaxoos ammalle gad bayee gumi’iin, «Waan isa himachiisu tokkolle akka ani hin dhaggin akka ilaaltanu, kunoo, gara keessan gad isa hin baasa» jedhe. Maarre Yesuus kallacha qore’ee keyatee, woyaa dhiilleelle uffatee gad baye. Philaaxoos, «Kunoo! Namichi!» isaaniin jedhe.
Sooreyyiin hayyootaatii fi eeddoti Galma Waaqaa yennaa isa dhaggane, «Fannis! Fannisi!» jedhanee hogisane. Philaaxoos isaaniin, «Isin fuudha’aatii, fannisa’a. Ani yakkaa tokkolle isa irratti hin dhaggine» jedhe.
Isin yoo cubbuu kolba’aa araarantane, isaan araara hin dhaggatan; isin yoo hin araaramin, isaan araara hin dhaggatanu» jedhe.
Waan dansaa adoo hujjee jiraattee, fudhatama dhaggattaayyuu motii? Waan dansaa yoo hin hujin ammoo, cubbuun balbala teeti duratti dhokatteerti; ati ammoo isii injifatuu qadda!» jedhe.