Pular para o conteúdo
Publicidade

Poder

Por Bíblia Online

O poder de Deus opera nos que creem. A Bíblia revela que o cristão recebe poder do alto para viver, servir e vencer — não por força própria, mas pelo Espírito de Deus.

Poder do Espírito Santo

Jesus prometeu que seus seguidores receberiam poder ao descer sobre eles o Espírito Santo. Esse poder capacita para testemunho e serviço.

Yeroo hafuurri Qulqulluun isin irra buʼutti garuu humna ni argattu; isinis Yerusaalem keessatti, Yihuudaa hundaa fi Samaariyaa keessatti, hamma qarqara lafaattis dhuga baatota koo ni taatu."

Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii.

Kunoo, ani akka isin bofaa fi torbaanqabaa lafatti dhidhiittanii fi akka humna diinaa hundas moʼattaniif aangoo isinii kenneera; wanni kam iyyuu isin hin miidhu.

Poder na Palavra e na fé

A Palavra de Deus é viva e eficaz, mais cortante que espada de dois gumes. O poder não está em palavras, mas na demonstração do Espírito.

Dubbiin Allaaha jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.

Mootummaan Allaaha humnaan malee dubbiidhaan miti.

Mallattoon kunis warra amanan irraa mulʼata; isaan maqaa kootiin hafuurota hamoo baasu; afaan haaraadhaan dubbatu; harka isaaniitiin bofa ni qabu; yoo summii nama ajjeesu dhugan isaan hin miidhu; harka isaanii namoota dhukkubsatan irra ni kaaʼu; namoonnis ni fayyu."

Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.

Fortalecidos pelo Senhor

Tudo posso naquele que me fortalece. O cristão encontra poder não em si mesmo, mas na força do Senhor e na sua armadura espiritual.

Ani isa humna naa kennu sanaan waan hunda gochuu nan dandaʼa.

Miʼa Lolaa Kan Allaah

Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa.

isinis jajjabinaa fi obsa guddaa akka qabaattaniif, akkuma aangoo isaa ulfina qabeessa sanaatti humna hundaan jabaachaa, gammadaas

Kanaafuu Allaahaf bulaa. Ibliisiin immoo mormaa; innis isin baqataa.

Innis kaʼee bubbee sana ifate; dambalii sanaanis, "Calʼisi! Gab jedhis!" jedhe. Bubbeen sunis ni calʼise; tasgabbiin guddaanis ni taʼe.

Innis barattoota isaatiin, "Isin maaliif akkana sodaattu? Isin amma iyyuu amantii hin qabdanii?" jedhe.

Isaanis akka malee sodaatanii, "Namichi bubbee fi dambaliin iyyuu ajajamaniif kun eenyu?" jedhanii wal gaafatan.

Seja o primeiro