Reino dos céus
O Reino dos Céus é comparado por Jesus a tesouros, sementes e redes. Através de parábolas, Ele revelou os mistérios de um Reino que já está entre nós, mas que se consumará na eternidade.
O valor incomparável do Reino
O Reino dos Céus é como um tesouro escondido ou uma pérola de grande valor. Quem o encontra, vende tudo para possuí-lo.
Fakkeenya Qabeenya Dhokfameetii fi Lulaa
"Mootummaan samii qabeenya lafa qotiisaa keessa dhokfame fakkaata. Namni tokkos qabeenya kana argatee deebisee dhokse; innis waan gammadeef dhaqee waan qabu hunda gurguree lafa qotiisaa sana bitate.
"Akkasumas mootummaan samii daldalaa lula gaarii barbaadu tokko fakkaata. Daldalaan sunis lula gatii guddaa tokko argate; innis dhaqee waan qabu hundumaa gurguree lula sana bitate.
Fakkeenya Raacitiitii fi Sanyii Sanaaficaa
Innis akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan samii sanyii sanaaficaa kan namni fuudhee lafa qotiisaa isaa keessatti facaase tokko fakkaata. Inni dhugumaan sanyii hunda irra xinnaa dha; erga guddatee garuu biqiltuu hunda caalee muka taʼa; simbirroonnis dhufanii dameewwan isaa irra jiraatu."
Amma illee akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan samii raacitii dubartiin tokko fuutee hamma inni guutummaatti bukeessutti daakuu safartuu sadiitti makte fakkaata."
Parábolas do Reino
Jesus ensinou sobre o Reino mediante parábolas que revelam seu crescimento, seu juízo e a separação final entre justos e injustos.
Fakkeenya Aramaa
Yesuus akkana jedhee fakkeenya biraa isaanitti hime; "Mootummaan samii nama lafa qotiisaa isaa keessatti sanyii gaarii facaafate tokko fakkaata. Garuu utuu namoonni rafanuu diinni isaa dhufee qamadii keessatti inkirdaada facaasee deeme. Yeroo qamadiin sun guddatee ija naqatetti inkirdaadnis ni mulʼate.
"Garboonni abbaa lafa qotiisaa sanaas gara isaa dhufanii, ‘Gooftaa, ati lafa qotiisaa kee keessatti sanyii gaarii hin facaafnee? Yoos inkirdaadni eessaa dhufe ree?’ jedhaniin.
"Innis deebisee, ‘Diinatu kana hojjete’ jedhe.
"Garboonnis, ‘Akka nu dhaqnee buqqifnu ni barbaaddaa?’ jedhanii isa gaafatan.
"Namichi garuu akkana jedhee deebiseef; ‘Lakki, utuu inkirdaada buqqiftanuu, akka isa wajjin qamadii hin buqqifneef dhiisaa. Hamma yeroo haamaatti lachanuu walumaan haa guddatan. Anis yeroo sana warra midhaan haamaniin, "Jalqabatti inkirdaada sana buqqisaa; akka gubamuufis bissii bissiidhaan hidhaa; qamadii garuu walitti qabaatii gombisaa kootti naa naqaa" jedhee isaanitti nan hima.’ "
Hiikkaa Fakkeenya Inkirdaadaa
Yesuusis tuuta namootaa achumatti dhiisee mana ol seene. Barattoonni isaas gara isaa dhufanii, "Hiikkaa fakkeenya inkirdaada lafa qotiisaa keessaa sana nutti himi" jedhaniin.
Innis akkana jedhee deebise; "Namichi sanyii gaarii facaase sun Ilma Namaa ti. Lafti qotiisaa sun addunyaa dha; sanyiin gaariinis ijoollee mootummichaa ti. Inkirdaadni sun ijoollee isa hamaa sanaa ti; diinni inkirdaada facaase immoo diiyaabiloos dha. Haamaan dhuma addunyaa ti; warri haaman immoo ergamoota Waaqaa ti.
"Akkuma inkirdaadni walitti qabamee ibiddaan gubamu sana, dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ilmi Namaa ergamoota isaa ni erga; isaanis waan cubbuutti nama geessu hundaa fi warra waan hamaa hojjetan hunda mootummaa isaa keessaa baasanii walitti qabu. Boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa. Yeroo sana qajeeltonni mootummaa Abbaa isaanii keessatti akka aduu ni ifu. Namni gurra qabu haa dhagaʼu.
Fakkeenya Kiyyoo
"Akkasumas mootummaan samii kiyyoo galaanatti darbatamee qurxummii gosa hundaa walitti qabe fakkaata. Yeroo kiyyoon sun guutamettis qurxummii qabdoonni gara qarqara galaanaatti isa harkisan. Ergasiis tataaʼanii qurxummii gaarii filanii qodaa isaaniitti naqatan; qurxummii gadhee immoo ni gatan. Dhuma addunyaattis akkasuma taʼa. Ergamoonni dhufanii warra hamoo warra qajeeltota irraa gargar baasu; boolla ibiddaattis isaan darbatu; achittis wawwaannaa fi ilkaan qaruutu taʼa."
Quem herda o Reino
Os humildes, os pobres de espírito e as crianças são herdeiros do Reino. Mas é difícil para os ricos entrarem nele.
"Warri hafuuraan hiyyeeyyii taʼan eebbifamoo dha;
mootummaan samii kan isaaniitii.
Warri gaddan eebbifamoo dha;
jajjabina ni argatuutii.
Warri garraamiin eebbifamoo dha;
lafa ni dhaaluutii.
Warri qajeelummaa beelaʼanii fi dheebotan eebbifamoo dha;
isaan ni quufuutii.
Araara qabeeyyiin eebbifamoo dha;
araara ni argatuutii.
Warri garaan isaanii qulqulluu eebbifamoo dha;
Waaqa ni arguutii.
Warri nagaa buusan eebbifamoo dha;
ijoollee Waaqaa ni jedhamuutii.
Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;
mootummaan samii kan isaaniitii.
"Yommuu namoonni sababii kootiif jedhanii isin arrabsan, yommuu isin ariʼatanii fi yommuu waan hamaa gosa hundaa sobaan isin irratti dubbatan isin eebbifamoo dha. Sababii gatiin keessan samii keessatti guddaa taʼeef ililchaa; gammadaas; isaan raajota isin dura turanis haaluma kanaan ariʼataniiruutii.
Nama Mootummaa Samii Keessatti Nama Hunda Caalu
Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, "Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.
Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan. Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala.
Yesuusis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii" jedhe.
Yesuusis barattoota isaatiin akkana jedhe; "Ani dhuguma isinittin hima; mootummaa samiitti galuun nama sooressaaf rakkisaa dha. Ammas isinittin hima; namni sooressi mootummaa Waaqaatti galuu irra qaawwa lilmoo keessa baʼuutu gaalaaf salphata."
Barattoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee raajeffatanii, "Yoos eenyutu fayyuu dandaʼa ree?" jedhanii gaafatan.
Yesuusis isaan ilaalee, "Kun namaaf hin dandaʼamu; Waaqaaf garuu wanni hundinuu ni dandaʼama" jedhe.
Yaa obboloota koo jaallatamoo, mee dhagaʼaa! Waaqni akka isaan amantiitti sooreyyii taʼanii fi akka isaan mootummaa inni warra isa jaallataniif waadaa gale sana dhaalaniif hiyyeeyyii addunyaa kanaa filateera mitii?
Garuu qulqulloonni Waaqa Waan Hundaa Olii mootummaa sana ni fudhatu; bara baraanis ni fudhatu; eeyyee, bara baraa hamma bara baraatti ni dhaalu.’
Buscar o Reino acima de tudo
Jesus ensinou que devemos buscar primeiro o Reino e sua justiça. Nem todo que diz 'Senhor, Senhor' entrará — só quem faz a vontade do Pai.
"Nama fedhii Abbaa koo isa samii irraa raawwatu malee namni, ‘Yaa Gooftaa, yaa Gooftaa’ naan jedhu hundi mootummaa samiitti hin galu.
Kanaafuu namni ajajawwan kanneen keessaa xinnaa isaa illee diigu, kan akka warri kaanis diiganiif barsiisu kam iyyuu mootummaa samii keessatti xinnaa jedhama; namni ajajawwan kanneen eeguu fi kan warra kaanis barsiisu kam iyyuu garuu mootummaa samii keessatti guddaa jedhama. Ani isinittin hima; qajeelummaan keessan qajeelummaa Fariisotaatii fi qajeelummaa barsiistota seeraa yoo caaluu baate isin dhugumaan mootummaa samiitti hin galtan.
"Egaa akkana jedhaa kadhadhaa:
" ‘Yaa Abbaa keenya kan samii irra jirtu,
maqaan kee haa qulqullaaʼu;
mootummaan kee haa dhufu;
fedhiin kee akkuma samii irratti taʼe sana,
lafa irrattis haa taʼu.
Lallaba Yohannis Cuuphaa
Bara sana Yohannis Cuuphaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe; innis, "Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhe.
Yesuus yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.
Yommuu dhaqxanittis, ‘mootummaan samii dhiʼaateera’ jedhaa lallabaa.
Ani isinittin hima; namoonni hedduun baʼa biiftuutii fi lixa biiftuutii ni dhufu; isaanis Abrahaam, Yisihaaqii fi Yaaqoob wajjin mootummaa samii keessatti maaddiitti ni dhiʼaatu.
Ani dhuguma isinittin hima; namoota dubartoota irraa dhalatan keessaa namni Yohannis Cuuphaa caalu tokko iyyuu hin kaane; namni mootummaa samii keessatti nama hundumaa gad taʼe kam iyyuu garuu isa ni caala. Mootummaan samii bara Yohannis Cuuphaatii jalqabee hamma ammaatti humnaan dhiibbachaa jira; namoonni dhiibbatanis humnaan mootummaa sana argatu.
A herança eterna
O Reino dos Céus é inabalável e eterno. Deus nos chama a fazer firme a nossa vocação e eleição para entrar nesse Reino.
Kanaafuu nu waan mootummaa hin sochoone argannuuf kottaa haa galateeffannu! Kabajaa fi sodaadhaanis karaa fudhatamaa taʼeen Waaqa haa waaqeffannu; Waaqni keenya ibidda gubee balleessuudhaatii.
Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;
waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,
surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.
Waaqayyo dubbii isaa hundaan amanamaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
Kanaaf yaa obboloota ko, waamamuu fi filatamuu keessan mirkaneeffachuuf caalaatti hinaaffaa qabaadhaa. Yoo waan kana gootan isin hin gufattan; akkasiin gara mootummaa bara baraa kan Gooftaa keenyaa fi Fayyisaa keenya Yesuus Kiristoositti galuun guutummaatti isiniif kennama.
Gooftaan waan hamaa hunda jalaa na baasee mootummaa isaa kan samiiti nagumaan na galcha. Bara baraa hamma bara baraatti ulfinni isaaf haa taʼu. Ameen.
"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.
Halaleen yookaan xuraaʼaan yookaan sassattuun jechuunis kan Waaqa tolfamaa waaqeffatu mootummaa Kiristoosii fi kan Waaqaa keessaa akka dhaala tokko illee hin qabne beekaa.