Pular para o conteúdo
Publicidade

Reino

Por Bíblia Online

O Reino de Deus é o tema central da pregação de Jesus. Desde o início de seu ministério, Ele proclamou: 'Arrependei-vos, porque é chegado o Reino dos céus.'

O anúncio do Reino

Jesus inaugurou seu ministério proclamando a chegada do Reino. Ele convida todos ao arrependimento e à fé nessa nova realidade.

Yesuus yeroo sanaa jalqabee, "Mootummaan samii dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa" jedhee lallabuutti kaʼe.

Innis, "Barri sun gaʼeera; mootummaan Waaqaas dhiʼaateera; qalbii jijjiirradhaatii wangeelatti amanaa!" jedhe.

Dhukkubsattoota achi jiran fayyisaatii, Mootummaan Waaqaa isinitti dhiʼaateerajedhaa isaanitti himaa.

Miilli warra wangeela fidanii,

kan nagaa labsanii,

kan oduu gammachiisaa fidanii,

kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,

"Waaqni kee moʼeera!" jedhanii

tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

A natureza do Reino

O Reino de Deus é governo soberano do Senhor sobre todas as coisas. Ele é o Rei eterno, imortal e invisível.

Egaa Mootii bara baraa, isa hin duune, isa ijatti hin mulʼanne Waaqa tokkicha sanaaf bara baraa hamma bara baraatti ulfinnii fi galanni haa taʼu. Ameen.

Yaa Waaqayyo sababii wanni samii fi

lafa irra jiru hundi kan kee taʼeef guddinnii fi humni,

ulfinni, surraa fi simboon kan kee ti.

Yaa Waaqayyo mootummaan kan kee ti;

ati waan hunda irratti mataa ol ol jettee dha.

Mootiin ulfinaa kun eenyu?

Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu sun,

inni Mootii ulfinaa ti.

Waaqayyo abbaa murtii keenyaatii;

Waaqayyo seera nuuf kenna;

Waaqayyo mootii keenya;

inni nu fayyisa.

Waaqayyo guutummaa lafaa irratti mootii taʼa. Gaafas Waaqayyo tokko, maqaan isaas maqaa tokko taʼa.

Entrar no Reino

Para entrar no Reino é preciso nascer de novo, tornar-se como criança e buscar primeiro a justiça de Deus acima de tudo.

Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo lammata dhalate malee mootummaa Waaqaa arguu hin dandaʼu" jedheen.

Yesuusis akkana jedhee deebise; "Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; namni yoo bishaanii fi Hafuura irraa dhalate malee mootummaa Waaqaatti galuu hin dandaʼu.

Garuu duraan dursaatii mootummaa isaatii fi qajeelummaa isaa barbaadaa; wanni kun hundinuu akkasuma isiniif kennama.

Yesuusis, "Ijoolleen xixinnoon gara koo haa dhufaniitii hin dhowwinaa; mootummaan samii kan warra akkanaatii" jedhe.

Warri qajeelummaadhaaf jedhanii ariʼataman eebbifamoo dha;

mootummaan samii kan isaaniitii.

Ani furtuu mootummaa samii siifin kenna; wanni ati lafa irratti hiitu kam iyyuu samii irratti ni hidhama; wanni ati lafa irratti hiiktu kam iyyuu samii irrattis ni hiikama."

Cidadãos do Reino

Os cristãos são concidadãos dos santos e membros da família de Deus, chamados a viver dignamente do Reino que receberam.

Kanaafuu isin siʼachi saba Waaqaa wajjin lammii fi miseensota warra mana Waaqaa jiraataniiti malee ormaa fi alagoota miti; isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniirtu; Kiristoos Yesuus ofii isaatii mataa dhagaa golee ti.

"Isin karra xinnoo nana, hin sodaatinaa; Abbaan keessan mootummaa isinii kennuu jaallateeraatii.

Warri duʼaa kaʼuu jalqabaa keessatti qooda qaban eebbifamoo fi qulqulloota. Warri akkasii luboota Waaqaatii fi luboota Kiristoos taʼanii waggaa kuma tokko isa wajjin moʼu malee duuti lammaffaan isaan irratti taayitaa hin qabu.

Isin akka jalʼoonni mootummaa Waaqaa hin dhaalle hin beektanii? Hin gowwoominaa: halaleewwan yookaan warri Waaqa tolfamaa waaqeffatan yookaan ejjitoonni yookaan dhiironni sagaagaltoonni yookaan dhiironni dhiira wajjin sagaagalan, yookaan hattoonni yookaan doqnoonni yookaan machooftonni yookaan warri maqaa nama balleessan yookaan saamtonni mootummaa Waaqaa hin dhaalan.

Seja o primeiro