Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaayyaas 52

1 Yaa Xiyoon, dammaqi, dammaqi;

jabina kee uffadhu!

Yaa Yerusaalem, yaa magaalaa qulqullittii,

wayyaa kee miidhagaa sana uffadhu.

Namoonni dhagna hin qabaminii fi

xuraaʼonni lammaffaa sitti hin seenan.

2 Yaa Yerusaalem, awwaara of irraa dhadhaʼadhu;

kaʼiitii teessoo irra taaʼi.

Yaa intala Xiyoon boojiʼamtittii,

foncaa morma keetii of irraa hiiki.

3 Waaqayyo akkana jedhaatii:

"Isin gatii malee gurguramtanii turtan;

amma immoo maallaqa malee furamtan."

4 Waaqayyo Gooftaan akkana jedhaatii:

"Jalqabatti sabni koo jiraachuuf jedhee Gibxitti gad buʼe;

ergasii Asoor sababii malee isaan cunqurse.

5 "Yoos ani amma maalan asii qaba?" jedha Waaqayyo.

"Sabni koo sababii malee fudhatameera;

warri isaan bulchanis ni qoosu" jedha Waaqayyo.

"Guyyaa guutuus,

maqaan koo ittuma fufee arrabsama.

6 Kanaafuu sabni koo maqaa koo ni beeka;

kanaafuu isaan gaafas kan duraan dursee waan sana dubbate

akka ana taʼe ni beeku.

Eeyyee, inni anuma."

7 Miilli warra wangeela fidanii,

kan nagaa labsanii,

kan oduu gammachiisaa fidanii,

kan fayyina labsanii, kan Xiyooniin,

"Waaqni kee moʼeera!" jedhanii

tulluuwwan irratti akkam miidhagaa dha!

8 Dhaggeeffadhu! Eegdonni kee sagalee isaanii ol fudhataniiru;

isaan tokkummaadhaan gammachuudhaan iyyu.

Yeroo Waaqayyo Xiyoonitti deebiʼutti,

isaan ijuma isaaniitiin ni argu.

9 Yaa diigamtoota Yerusaalem

tokkummaadhaan faarfannaa gammachuu faarfadhaa;

Waaqayyo uummata isaa jajjabeessee

Yerusaaleminis fureeraa.

10 Waaqayyo fuula saboota hundaa duratti,

irree isaa qulqulluu sana ni mulʼisa;

handaarri lafaa hundis

fayyisuu Waaqa keenyaa ni argu.

11 Isin warri miʼa Waaqayyoo baattan, addaan baʼaa;

addaan baʼaa; achii fagaadhaa!

Waan xuraaʼaa tokko illee hin tuqinaa!

Ishee keessaa baʼaatii qulqulloota taʼa.

12 Isin garuu ariitiidhaan achii hin baatan;

yookaan baqattanii hin deemtan;

Waaqayyo fuula keessan dura deemaatii;

Waaqni Israaʼel dugda duubaan isin eega.

Dhiphinaa fi Ulfina Garbicha Sanaa

13 Kunoo, garbichi koo ogummaadhaan hojjeta;

inni ni kabajama; ol kaafama; ulfina guddaas ni argata.

14 Namoonni baayʼeen waaʼee isaa hamma naʼanitti,

fuulli isaa nama hundumaa caalaa golgolaaʼeera;

bifti isaas nama hundumaa caalaa badeera;

15 akkasiinis inni saboota hedduu dinqisiifachiisa;

mootonni sababii isaatiif afaan isaanii qabatu.

Isaan waan isaanitti hin himamin arguutii;

waan hin dhagaʼinis ni hubatu.

Todos os capítulos de Isaayyaas 66
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.