Publicidade

Isaías 18

Raajii Itoophiyaadhaan Mormu

1 Biyya lageen Itoophiyaatiin gamaa

kan qoochoo isheetiin shaakkiftuuf wayyoo;

2 isheen galaana irra,

bidiruu dhallaadduutiin ergamoota bishaan irra ergiti.

Yaa ergamoota ariifattoota,

gara saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafuu,

gara saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamuu,

saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne

kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte sanaa dhaqaa.

3 Isin uummanni addunyaa hundi,

warri lafa irra jiraattan yeroo mallattoon gaara irratti ol qabamu ni argitu;

yeroo malakanni afuufamus inuma dhageessu.

4 Waaqayyo akkana naan jedhe:

"Ani akkuma hoʼa ifa aduu keessatti calaqqisuu,

akkuma duumessa fixeensaa kan hoʼa yeroo midhaan galchaniitti

calʼisee iddoo jireenya kootii nan ilaala."

5 Haamaa midhaaniitiin dura, yeroo hudhaan daraaree

daraaraan sunis ija wayinii bilchaatee taʼutti

inni billaa ittiin qoraniin lataa isaa ni ciccira;

damee babalʼates irraa murmuree ni balleessa.

6 Isaan hundinuu allaattii tulluu kan waa adamsuu fi

bineensota bosonaatiif dhiifamu;

allaattiin bona guutuu,

bineensonni bosonaas ganna guutuu isaan nyaatu.

7 Gaafas saba dhedheeroo kanneen gogaan isaanii lallaafu irraa,

saba fagoo fi dhiʼoottis sodaatamu irraa,

saba jabaa fi afaan isaa hin beekamne

kan biyyi isaanii lageeniin gargar qoodamte irraa

Waaqayyoo Waan Hunda Dandaʼuuf kennaan ni fidama;

kennaan sunis gara Tulluu Xiyoon, iddoo Maqaan Waaqayyo Waan hunda dandaʼu jiraatutti ni fidama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-