Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaayyaas 20

Raajii Gibxii fi Itoophiyaadhaan Mormu

1 Bara ajajaan muummichi Sargoon mooticha Asooriin ergame sun gara Ashdood dhufee lolee ishee qabate sana keessa, 2 yeroodhuma sanatti Waaqayyo karaa Isaayyaas ilma Amoosiitiin dubbate. Innis, "Uffata gaddaa dhagna kee irraa, kophees miilla kee irraa baasi" jedheen. Innis akkasuma godhe; qullaa fi miilla duwwaa asii fi achi deeme.

3 Kana irratti Waaqayyo akkana jedhe; "Akkuma garbichi koo Isaayyaas, akka Gibxii fi Itoophiyaaf mallattoo fi akeekkachiisa taʼuuf jedhee waggaa sadii qullaa fi miilla duwwaa deeme sana, 4 akkasuma mootiin Asoor boojiʼamtoota Gibxii fi baqattoota Itoophiyaa dargaggeessaa fi jaarsa, qullaa fi miilla duwwaa hambisee teessuma isaanii illee qullaa godhee fudhatee deeme; kun warra Gibxiitiif qaanii dha. 5 Warri Itoophiyaa amanatanii Gibxiin boonan ni sodaatu; ni qaanaʼus. 6 Gaafas warri qarqara galaanaa irra jiraatan akkana jedhu; ‘Warra nu itti irkanne, warra mooticha Asoor jalaa nu baasu jennee gargaarsaaf itti baqanne sana irra waan gaʼe mee ilaalaa! Yoos nu akkamitti jalaa baʼuu dandeenya?’ "

Todos os capítulos de Isaayyaas 66
  1. 1
  2. 2
  3. 3
  4. 4
  5. 5
  6. 6
  7. 7
  8. 8
  9. 9
  10. 10
  11. 11
  12. 12
  13. 13
  14. 14
  15. 15
  16. 16
  17. 17
  18. 18
  19. 19
  20. 20
  21. 21
  22. 22
  23. 23
  24. 24
  25. 25
  26. 26
  27. 27
  28. 28
  29. 29
  30. 30
  31. 31
  32. 32
  33. 33
  34. 34
  35. 35
  36. 36
  37. 37
  38. 38
  39. 39
  40. 40
  41. 41
  42. 42
  43. 43
  44. 44
  45. 45
  46. 46
  47. 47
  48. 48
  49. 49
  50. 50
  51. 51
  52. 52
  53. 53
  54. 54
  55. 55
  56. 56
  57. 57
  58. 58
  59. 59
  60. 60
  61. 61
  62. 62
  63. 63
  64. 64
  65. 65
  66. 66

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.