Publicidade

Isaías 12

Faarfannaa Galataa

1 Ati gaafas akkana jetta:

"Yaa Waaqayyo, ati natti aartee turte;

aariin kees narraa deebiʼeera;

na jajjabeessiteertaatii sin galateeffadha.

2 Dhugumaan Waaqni fayyina koo ti;

ani isa nan abdadha; hin sodaadhus.

Waaqayyo, Waaqayyo mataan isaa,

jabinaa fi faarfannaa koo ti; inni fayyina koo taʼeera."

3 Isin burqaa fayyinaa keessaa

gammachuudhaan bishaan waraabbattu.

4 Isin bara sana keessa akkana jettu:

"Waaqayyoof galata galchaa; maqaa isaa waammadhaa;

waan inni hojjete sabootatti beeksisaa;

akka maqaan isaa ol ol jedhe lallabaa.

5 Inni waan ulfina qabu hojjeteeraatii Waaqayyoon faarfadhaa;

wanni kun addunyaa hunda keessatti haa beekamu.

6 Yaa saba Xiyoon, Qulqullichi Israaʼel isin gidduutti guddaadhaatii

sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan faarfadhaa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-